'Gaazaa deebisanii ijaaruuf biyyoonni Lixaafi Arabaa dolaaraa biliyeena 70 waadaa galan' - UN

Gaazaa waraanan mancaate

Madda suuraa, Reuters

Gaazaa waraana waggaa lamaan mancaate deebisanii ijaaruuf kan oolu biyyoonni Lixaafi Arabaa doolaara biliyeena 70 waadaa galuusaanii Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) beeksise.

US dabalatee biyyoonni akka Kanaadaa akkasumas biyyoonni Arabaa heddu Gaazaa deebisanii ijaaruuf waadaa galuusaanii qondaala UN waabeffachuun Rooyitars gabaase.

Qondaala Sagantaa Misooma Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNDP) kan ta'an Jaco Cilliers akka jedhanitti waraana Gaazatti gaggeeffameen yoo xiqqaate jijjigaan gamoo toonii miliyeena 55 ta'u uumamee jira.

Jijjiga Gaazaa keessa jiru qulleessuf Gaazaa deebisanii ijaaruun waggoota heddu akka fudhatus himu qondaalli UN kun.

"Michoota keenya heddurraa oduu gaarii dhageenyee jirra," jechuun biyyoonni heddu Gaazaa deebisanii ijaaruuf maallaqa akka buusan waadaa seenuu himan.

Karoora Tiraamp dhiyeessen Israa'elifi Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaa mallatteessanii as Filisxeemonni heddu qe'eesaanii waraanan manca'eefi gamoo jijjigetti deebi'aa jiru.

Waraana waggaa lamaan haleellaa Israa'el gaggeessiturraan kan ka'e gamoowwaniifi ijaarsiwwan Gaazaa harki caalu manca'aniiru.

Mancaatii qaqqabeen alatti Filisxeemonni 68,000 ol waraana kanaan akka du'an ragaan Ministeera Fayyaa Gaazaa ni agarsiisa.

Keessumaa Magaalaa Gaazaa keessatti waraana cimaa gaggeeffameen gamoowwaniifi manneen hedduun manca'aniiru.

Ragaan United Nations Satellite Centre (UNOSAT) akka agarsiisutti, gamoowwaniifi manneen Gaazaa %83 manca'aniiru ykn miidhaan irra gaheera.

Sagantaan Misommaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii gamasaan hanga ammaa jijjiga toonii 81,000 ta'u Gaazaa keessaa akka qulleesse ibsuun, ammas itti fufee jijjiga gamoowwanii akka qulleessu beeksise.

Israa'elifi Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu osoo hin mallatteessin dura, Israa'el addumatti duula waraanaa torbanootaf Magaalaa Gaazaa keessatti gaggeessiteen gamoowwan dhedheeroo ta'an hedduusaanii mancaastetti.

Sababni gamoowwan dhedheeroo irratti xiyyeeffachuun mancaaste ammoo Hamaas gamoowwan gurguddoo keessa mandheeffachuun sochii loltoota Israa'el to'ataa ture kan jedhuudha.