Baqattummaan Filisxeemotaa yoomiifi akkamiin eegale?

Madda suuraa, Getty Images
Filisxeemonni miiliyoona jahaa ol ta'an baqatummaan addunyaa bakka add addaa akka jiraan tilmaamama. Kunis addunyaarratti hawaasa baqattootaa gurguddoo dha jehdaman keessaa tokko isaan godha.
Hedduminaan kan jiraatan lafuma Filixeemotaafi biyyoota oollaa keessa.
Dabalataan ammoo Onkololessa darbe haleellaa Israa'eel Gaazaatti banteen walqabatee namootni miiliyoona 1.9 ta'an biyyuma isaanii keessatti buqqa'aniiru jedha gabaasni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii.
Diyaaspooraan Filisxeem gutuu addunyaattii faffaca'ee kan jiraatu ta'uyyuu harka caalaan isaa Baha Giddugaleessaa keessa qubatee jira.
Filisxeemonni maaliif qe'eesaanii gadhiisanii baqatuu, ammoo biyyootni isaan baayyinaan keessa qubatan eessa?
Filisxeemonni maaliif baqatu?
Buqqaatummaan seena Filisxeemotaa keessatti keessumaa ammoo erga hundeeffama Israa'elii as gahee guddaa qaba.
Waraanni Addunyaa lammaffaa akkuma xumurameen bara 1947 kan hundeeffame Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii labsii lakkoofsa 181 baaseen Arabaa fi Yihuudotaa jechuun lamatti qoodee lafa adda baaseera.
Filisxeem erga bara 1922 Biriteeniin bulaa turte. Wayita sana warri Yihuudotaa baayyinaan itti godaanuutti turan. Keessumaa ammoo biyyoota Awurooppaa keessaa kanneen adamsoo Naazii Jarman baqatan. Sababa kanaattis muddamni Arabootaafi Yihuudotaa gidduu dabalaa adeeme.
Yunivarsiitii Okisfoorditti piroofeesara Gidduugala Qo'annoo Godaansaa kan ta'an Doown Chaatiiy sababa hoolokastiin biyyoota Awurooppaarraa Yihuudotni hedduun gara lafa Filisxeemitti godaanuu dubbatu.
Arabootni Filisxeem labsii UN 181 ''Yihuudota xiqqoof lafa jireenyaa guddaatu kenname'' jechuun balaaleffataniiru. Booda bu'uura labsii UN kanarratti hundaa'uun Israa'eel lafa Yihuudotni qabatanirratti biyya ta'uuf gaaffii dhiyeessite.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 1948 lafa Yihuudotni bal'inaan itti qubatanitti biyyi Israa'eel hundeeffamuun walqabatee lolli dhalate. Filisxeemonni 750,000 ta'an lafa amma qaama Israa'eel ta'erraa buqqa'aniiru. Filisxemonni ta'ii sanaan ''Nakba'' jedhuun. Jecha Afaan Arbaa yeroo ta'u, hiiknisaa ''balaa hamaa'' akka jechuuti.
Lolli kun bara 1948 keessa wayita xumura argatu Israa'eel baqattootni qe'ee irraa baqatanitti akka deebi'an hayyama kennuu didde.
Inumaa bara 1967 Israa'eel Waraana Guyyaa Jahaa booda Weesti Baankii fi Ulaa Gaazaa to'atte. Sababa kanaatti dabalatan Filisxeemonni 325,000 ni buqqa'an. Akka UN jedhutti irra jireessi isaanii gara Joordaanitti baqatan.
Ta'iiwwan kanaan booda waggoota itti aanan waggaa waggaan yoo xiqqaate Filisxeemonni 21,000 ta'an naannolee Isaa'el to'atteefi ollaa sanii baqachaa turan.
Dhibdee Filisxeemiifi Israa'el kana furuuf wayita mariin nagaa godhamu hunda gaaffii Filisxeem buqqaatotni gara qe'ee isaaniitti haa deebi'an jedhu akka ulaagaa waliigalteetti yoo kaaftu, Israa'eel takkaahuu tole jettee hin beektu.
Addunyaarra baqattoota Filisxeem hangam ta'antu jira?
Bara 1949 Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti ejensiin gargaarsaa bayyanachiisaa Baqattoota Filisxeemiif dhiyeessu UNRWA ni hundeeffame.
Ejensiin kun ''Baqattoota Filisxeemiin'' yoo ibsu ''namoota Waxabajjii 1, 1946 hanga Caamsaa 15, 1948 bakki jireenyaa isaanii Filisxeem keessa tureefi sababa lola bara 1948n bakka jireenyaafi waan ittiin jiraatan dhabaniidha'' jedha.
Bu'uura ibsa kanaan dhalattootni namoota bra eerame kana gidduu Filisxeem keessaa baqataniif dhalli isaanii hundi akka baqataatti galmaahuuf hiree qabu.
UNRWA bara 1950 hojii gargaarsaa Filisxeemootaa wayita eegalu fedhii baqattoota Filisxeem 750,000 ta'anii guutuuf hojjeta ture. Amma lakkoofsi baqattoota Filisxeem miiliyoona 5.9 tajaajila UNRWA barbaadu.
Kanneen keessaa miliyoona 1.5 kan ta'an kaampiiwwan ejensichi beekamtii kenneef 58 keessa qubatanii jiru.
Kaampiiwwan kun ammoo biyyoota akka Jordaan, Libaanoos, Siiriyaa, ulaa Gaazaa, Weesti Baankiifi Iyyarusaaleem keessatti argamu.
Kanneen beekamtii ejensichaa qabaniin alattis magaalaa guddoo Siiriyaa Damaasqoositti dhiyaatee kan argamu kaampiin Filisxeemotaa Yarmuuk jedhamuufi kaanis jiru.
Gaazaafi Weesti Baank keessa maaliif kaampiin baqattoota Filisxeem jiraate?
Israa'eel biyya taatee wayita ijaaramtu lafa Yihudotaaf jedhame keessa Arabootni Filixeem jiraachaa turan gara lafa Arabootatii jedhametti akka godaanan godhameera jedhuu piroofeesar Doown Chaatiiy.
''Gaazaa fi Weesti Baank keessatti koolugaltummaa gaafatan. Kanatti baqattoota bara 1948 ta'an'' jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Ammaan tana baqattootni 871,000 keessaa irra hedduun kaampiiwwan Weesti Baank keessa jiran 19 keessatti baqattummaan galmaahanii jiru jedha UNWRA.
Gaazaa ammoo baqattoota miiliyoona 1.7 ta'unatu jiraata. Kanneen keessaa 620,000 kan ta'an kaampiiwwan beekamtii UNWRA argatan saddeet keessa qubatanii jiru.
Dayaaspooraan Filisxeem hangam guddaadha?

Filisxeemota baqattoota hin taane miiliyoona 3.3 Weesti Baank jiraatanii fi miiliyoona 2.3 Gaazaa jiraataniin alatti Filisxeemotni miiliyoona 1.75 ta'an Israa'eel keessa jiraatu( uummata waliigalaa Israa'el keessaa dhibbeentaa 20 ta'u).
Filisxeemonni baqattumaan hin galmoofne akkasumas Israa'eel, Gaazaa fi Weesti Baank keessa jiraataniin ala jiran dayaaspooraa Filisxeem jedhamu. Namootni bara 1948 dura dachee Filisxeem keessaa godaananiifi baqattummaan hin galmoofnes dayaaspooraa Filisxeem jedhamu.
Akka ragaan Biiroo Istaatistiiksii Filisxeem agarsiisutti Filisxeemonni miliyoona 7.3 ta'an dayaaspoora ata'uun biyyoota adda addaa keessa jiratu. Bha Gidduugaleessaa, Ameerikaa Kibbaa hanga Awustiraaliyaa. Lakkofsi kun kanneen waraqaa eenyummaa qaban qofa waan hammatuuf lakkoofsichi kana aol ta'uu danda'a.
Kanneen keessaa miiliyoona jaha kan ta'an biyyoota Arabaa keessa jiraatu. Kanneen keessaa walakkaan ammoo Jordaan keessa jiratu. Achiti lammummaa guutuu qabu, mirga lammiin kamu qabu argatu. Libaanos, Siiriyaa fi Masrii keessa kan jiran walumtti miiliyoona tokko ni ta'u.
Baqattootni Filisxeem Libaanos keessa jiran garuu erga bara 1948 kaampii keessa jiraatu mirga guutuus hin qaban. Kanneen Siiriyaa keessa jiran ammoo lammiilee biyyattii waliin mirga walqixaa qabu. Garuummoo sababa waraana Siiriyaan ammas baqannaaf saaxilamaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Kitaaba ''Palestinians Worldwide: A Demographic Study'' jedhu kan barreessan Yusuuf Koorbargiifi Halaa Nofaal Biyyooni galoo galaanaa baqattoota Filisxeem simachuu erga eegaliin jaarraan tokko ta'eera jedhu.
''Saawdii Arabiyaafi Kuweet waraanni Gaalf eegaluu daura biyyoota galoo galaanaa keessaa Filisxeemota dhibbeentaa 90 fudhachaa turan. Achii boda garuu Kataariifi Yunaatiid Arab Eemireetsitti naanna'an'' jedhu.
Piroofeesar Daawn sababa Filisxeemonni hedduun gara biyyoota Galoo galaanaatti barbaadaman yoo himan biyyootni kun hojjettoota barataniifi afaan Arabaafi Ingiliffa beekan barbaadu turee jedhu.
Filisxeemonni ammoo kaampiiwwan keessatti barnoota gahaa jedhamuu karaa UNRWA argachaa waan turaniif carricha fayyadamaa akka turan dubbatu.
Baha Giddugaleessaan alatti Filisxeemonni eessafaatti baayyatu
Filisxeemonni hedduun Baha Giddugaleessaa keessaa godaanuu kan eegalan bara Otomaan Tarkiin naannicha to'atuu eegaletti.
Sochiin sabboonummaa Arabaa wayita hammaachaa deemu Filisxeemonni Kiristaana ta'an, keessumaa daldaltootni, gara Ameerikaa Kaabaa fi Kibbaatti baqachuu eegalan.
Diigamuu Impaayer Otomaan Tarkii boodammoo godaansi biran hammaatee itti fufe.

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoota Laatin Ameerikaa keessa Filisxeemotni 500,000 ta'an kan keessa jiraatu jedhamtu Chiiliidha. Hunduraas, Guwaatimaalaafi Biraazil keessas lakkoofsaan eeramuu baatuyyuu Filisxeemonni hedduun ni jiraatu.
Dhuma jaarraa 19 irraa eegalee Filisxeemonni gara US godaanuu akka eegalan himama. Ammaan tana Filisxeemonni 200,000 ta'an US keessa ni jiraatu.
Awurooppaa keessa hamma Jarman biyyi Filisxeemota hedduu qabate in jiru. UK, Giriik, Faransaay, Deenmaarkiifi Siwiidinis warra eeraman keessaayi.












