'Oromiyaatti sarbama mirga namaa raawwatamuuf mootummaan xiyyeeffannaa hin kennine' - GMNI

Naannoo Oromiyaa iddoo garaa garaatti sarbama mirga nama raawwatuuf mootummaan xiyyeeffannoo hin laanne jedhe Gumiin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (GMNI).
Humnoota nageenyaa mootummaafi hidhattootan sarbamni mirgaa gargaraa qaqqabaa jiru furmaata akka argatuuf irra deddeebiin qaama ilaallatu gaafatus rakkoon kuni yeroo yerootti hammaachaa dhufeera jedha ibsi Gumiin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Fulbaana 28, 2023 bahe.
"Haala kanaanis lammiileen lubbuun darbaa, qaamni miidhamaa, qabeenyi isaanii saamamaa fi manca’aa akkasumas qe’ee isaaniirraa buqqa’aa jiru," jedhe gumiin kun.
Ibsi kuni sarbamoota mirgaa namaa naannichatti raawwate jedheeefi haleellaawwan godinaalee lixa Oromiyaatti raawwatan eereera.
Wallagga Bahaa aanaa Giddaa ganda Ejereetti gaafa guyyaa 02, 2016 ALItti haleellaa hidhattoonni raawwataniin maati tokko keessaa namoonni afur ajjeefamuu ibsuun Kiiramuuttis lubbuun nama tokkoo darbee namni biraa madaa'era jedha ibsi kun.
Ibsi kuni haleellaa hidhattoonni [Amaaraa] ji’a kana keessa aanaa Giddaa naannoo Dichoo jedhamutti raawwataniin namoonni baayyee ajjeefamuu fi madaa’uu kaasa.
Dabalataanis baatii tokkoon dura godina Qellem Wallaggaa aanaan Anfilloo, ganda Suudiitti humnooti mootummaa haleellaa raawwataniin mootummaan halellaa raawwateen lubbuun namootaa darbuufi miidhamni qaamaa qaqqabuu ragaa walitti qabeen hubachuu ibseera.
Haaleellaa humnoonni mootummaafi hidhattoonni iddoowwan garaa garaatti lammiilee nagaarratti raawwatan Mootummaan Naannoo Oromiyaa hatattamaan akka dhaabsisu Gumiin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa baase kanaan gaafateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dabalataanis, mootummaan mirga lammiilee kabachiisuuf itti gaafatamummaa isaa akka bahatu yaadachiiseera.
"Mootuummaan federaalaa fi kan Naannoo Oromiyaa laamiileen Oromiyaa keessa jiraatan bilisummaan socho’anii hojii isaanii guyyaa akka raawwataniifi nagaan bahanii akka galaniif itti gaafatamummaa isaanii akka bahatan," jechuun gaafate.
Naaannoo Oromiyaa keessatti haleellaa humnoota nageenyaafi hidhattootaan raawwatamuuf qaamota mootummaa harki isaanii keessa jiru mootummaan seeraan akka gaafatus waamichaa taasiseera gumiin kun.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishiniin Mirgoota Namoomaas humnoonni mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti namoota nagaa murtii seeraa malee ajjeesaa, hidhaafi dararaa jiru jechuun himatee ture.
Komishinichi hidhaafi ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyyuu Mudde 1, 2021 Shawaa Bahaa, aanaa Fantaalleetti humnoota nageenyaan raawwatame akka fakkeenyaatti eeruun, ajjeechaa murtee seeraa malee raawwataman kaanis qorachuu ibseera.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaas ibsa Fulbaana 15, 2023 baaseen 'Hidhaa tasaa fi ajjeechaan murtee seeraa malee atattamaan dhaabbachu qaba' jedheera.
Waggoota shanan darban naannoon Oromiyaa godinaalee adda addaa keessatti rakkoo nageenyaa hamaa tahe mudataa ture.
Waraanni Bilisummaa Oromoo irra caalaa godinaalee Wallaggaa fi Kibba Oromiyaa keessa socho'aa ture, dhiyeenya gara bahaa fi giddugaleessaattis babal'ateera.
Paarlaamaan Itoophiyaa WBO 'shororkeessummaan' farrajeera.
Sababa kanaan gam tokkoon humnootni nageenyaa mootummaa namoota garee kana waliin hidhata qabu jedhanii shakkan irratti tarkaanfii ajjeechaa iddoo adda addaatti fudhachaa turuu gareen mirgoota namoomaaf falman himaa turan.
Mootummaan ifatti humni nageenyaa isaa yakka akkasii raawwachuu amanuu baatus dhiyeenya mana hidhaatii baasanii ajjeesuu fi dararuun akka dabale maatiin miidhamtootaa fi gareen mirgoota namoomaaf falman himaa turan.












