Hoogganaa nam-tolcheen (AI boss) kan namaa caalaa hojimaata fooyyessaa?

Madda suuraa, Hannu Rauma
Akkuma teknooloojiin addunyaarratti saffisaan guddataa deemu, humna namaa teeknooloojiidhaan bakka buusuunis fiixeerra ga'aa jira.
Humna hojjetu bakka buusuun raajii ta'ee osoo hin dhumiin amma ammoo hoogganaa nam-tolchee fidan.
Haanuu Raawuumaa Kanaadaa magaalaa vancouver jiraata. Dhaabbata barattoota dhimma gabaarratti dhaabbilee biizinasii xixiqqoof tajaajila kennan hojjechiisu- Student Marketing Agency jedhamu hooggana.
Hojjettoota 83 hoogganuun mataa bowwuu itti ta'eera, guddoo dhiphate.
''Dogoggora hojjettoonni garee kanaa uuman soroorsaa milkaa'inaan fuulduratti deemuun baayyee akka natti ulfaatetti natti dhagahame. Gidduu kanatti mufannaatu natti dhagaham,'' jedhe.
''Maamiloota haaraa wayita finnu sammuun gar-tokkeen 'dogoggoraa laata?' jedhee dhiphata. Kun ammoo hamilee koo laaffisa.''
Dhiphinni Aab Raawuumaa kun hunduu Sadaasa darbe booda irraa salphate.
Dhaabbati isaa bulchaa nam-tolchee (AI manager) fayyadamuu eegale.
Teeknooloojiin kun kubbaaniyyaa teessoonsaa US ta'e Inspira jedhamuun hojjetame.
Hoogganaan hubannoo nam-tolcheen hojjetu (AI manager) kun hojjettoota dhaabbatichaa fageenyarra taa'anii hojjetaniif, gama sagantaa baasuu fi karoora hojjechiisu baasee hojii irraa salphisuutiin guddoo gargaare.
Teeknooloojiin kun akkaataa itti fayyadama yeroo hojjettootaa ni to'ata; daangaa yeroo hojiin tokko keessatti xumuramuu qabu kaa'uun yaadachiisa hojjettootaaf erga; akkasumas yeroo yeroon ergaa barreeffamaa erguun hojjettoota ni hordofa.
Haala kanaan yeroo namni tokko maamila tokko tajaajiluurratti dabarsu to'ata jechuudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Teeknooloojiin AI kun ergaa gabaabaan jechoota filatamoo fi qubee sirriidhaan akka barraa'u ni soroorsa; yeroo hunda gaaffilee hojiin walqabatan ni deebisa; raawwii hojjettoota hundaa madaalee ni kaa'a.
Aab Raawuumaan hojii fi hojjetaan hoogganaa nam-tolcheen (AI manager) akka gaggeeffaman gochuun dhiphina irraa salphisuu qofa osoo hin taane hojiin saffisaa fi milkaa'inaan akka hojjetamu taasiseera jedhe.
Hariiroon hojjettoota waliin qabus daran fooyya'uu hime.
''Duraan hariiroon keenya akka abbaa fi daa'immanii ture. AMma hunduu sadarkaasaatti of beekee hojiisaa hojjeta. Duraan rakkoo kan furu ana qofa ture. Amma hunduu mari'atee rakkoo fura,'' jedhe Aab Raawuumaan.
Dhaabbata Student Marketing Agency jedhamu keessattti hundi hoogganaa nam-tolchee (AI manager) fayyadameera jechuu miti.
Aab Raawuumaa fi hojjettootasaa keessaa namoonni 26 qorannoo kanaaf filatamaniiru.
Teeknooloojii haaraa kanaan walqabatee qorannoo kan gaggeessan dhaabbata teeknooloojii Inspira fi qorattoota Yuniversitii Kolombiyaa, Arzoonaa Isteet Yuniversitii fi Yuniversitii Oof Wiskonsiin yoo ta'an, raawwii hojii hooggansa nam-tolchee fi dhala namaa walbira qabuun qoratan.
Bu'aan qorannnoo kanaa akka agarsiisutti gama hojjettootaaf haala hojii mijeessuun hoogganuutiin bulchaan nam-tolchee dhibbeentaa 42 yoo argatu, hoogganaan namaa ammoo dhibbeentaa 45 argate.
Hooggansi nam-tolchee hooggansa namaa waliin yoo qindoominaan hojjetan ammoo milkaa'inni argatan dhibbeentaa 72.
Qorannoon kun namoota muraasaa fi jaarmiyaa tokkko qofarratti kan fuulleffate ta'us, garuu bu'aan argame kaampaaniiwwan gara hoogganaa hubannoo nam-tolcheen hoogganamuutti ce'uu akka danda'an agarsiisa.
Faayidaa fi miidhaa hooggansa nam-tolchee
Magaalaa Niwu Yoork keessatti kan argamu Yuniversitii Kolombiyaatti pirofeesara dhimma bulchiinsaa kan ta'e Pool Turmaan, hooggansa namaa hooggansa nam-tolcheen bakka buusuun dogoggora jedhee falma.
Dhaabbileen akka UPS, Dell fi kaan sababa humna namaa teeknooloojii hubannoo bam-tolchee (AI) jedhamuun bakka buusaniif qofa carraa hojii hedduu waan cufaniif hojjettoonni miidhamaniiru.
''Hooggansi giddugaleessaa jaamriyaa tokkoof akkaan murteessaadha. Yoo rakkoon uumame hojjettootatti dhiyaatanii waliin hojjetu. Hojjettootato'achuu, hordofuu, gargaaruu... waan hundafuu kan dhala namaan dorgomu hin jiru,'' jechuun hooggansa namaa kan nam-tocheen bakka buusuun sirrii akka hin taane ibse.
Teeknooloojiin hubannoo nam-tolchee (AI) garee hojjettootaa keessaa eenyu akka boodatti hafee fi eenyu akka raawwii gaariirra jiru adda baasa. Kana keessatti ga'een dhala namaa guddaadha.
Kanaafuu dhalli namaa itti dhiheenyaan yoo waliin hojjete malee hooggansi nam-tolchee kophaatti waan raawwatu hin qabu.
Hooggansi nam-tolchee (AI manager) meeshaa basaasaa akka hin taane kaampaaniiwwan of eeggachuu qabu jedha Pirofeesar Turmaan.
''Sa'atii itti hojjetaan galee ba'u, yeroo hojjetaan laaqanarratti dabarsuu fi kaan irratti to'annoo cimsuun hagas mara barbaachisaa miti. Hamma sana deemuun hojjetaa dhiphisuun hin barbaachisu,'' jedha.
''Mala filatamaa ittiin hojjetaan jajjabeeffamee hojiinis fooyya'u diriirsuutu furmaata.''
Ammoo hooggansi nam-tolchee (AI manager) hooggantoota ogummaa hooggansaa ga'aa hin qabne tumsuuf murteessaadha jette Tina Rahman.
Landanitti dhaabbata tajaajila gorsaa- HR Habitat jedhamu kan hooggantu Aadde Rahamaan, haala kanaan yoo dhala namaa wajjin hojjetan hojiis hojjettootas gargaaruu danda'u jette.
''Sababa namoonni hojiisaanii dhabaniif ilaalchisuun qorannoo hojjennee turre. Rakkoo hooggansaa kan nuuf eeran harka 100.''
Garu ammoo AI qofarratti hundaa'uun kaampaaniiwwan waa'ee bu'aasaanii malee waa'ee dhimma hojjetaa akka dagatan taasisa jette Aadde Rahman.
Hooggansa nam-tolchee (AI manager) jedhamu kanaan walqabatee yaaddoon jiru gama humna namaa qofaan miti.
Gama nageenya saayibariinis yaaddoon uumu jira jedha hoogganaan kubbaaniyyaa gorsaa fi tajaajila nageneya saayibarii- Cybersecurity consultancy jedhamuu Jeemsi Boor.
''Yoo hooggana nam-tolchee (AI manager) qabaatte adeemsa kaampaaniin kee ittiin bulu hunda itti kennita. Qabeenyaa fi abbaan qabeenyummaa kaampaaniis harka hooggansa nam-tolchee kanaa gala. Kun hunduu ragaa mosaajii (software) tokko keessatti hidhame ta'uu danda'a,'' jedha Boor.
''Haala kana keessatti hooggansi AI kun ugguramee kaampaaniin maallaqa gaafatamuu danda'a.''
Akka ogeessi dhimma nageenya saayibarii kun jedhutti kaampaaniin tokko al-takkaa hooggansa isaa hoggana nam-tolchee kanatti kenninaan salphaatti gara hooggansa namaatti deebisuun hin danda'amu.
Kanaafuu hooggansa AI kanarratti hojii hunda gatanii taa'uun gatii nama baasisa jedhe.












