Waggoota 20f Gaazaa kan bulche Hamaasiin hiikkachiisuun maaliif rakkisaa ta'e?

Madda suuraa, Getty Images
Waggaa kurna lamatti siquuf Gaazaa to'achuun uummata Filisxeem miiliyoona lama caalan bulchaa kan ture akkasumas humnoota Israa'el dura dhaabbachuun falmataa kan ture Hamaas akkamiin meeshaa hiikkachuu danda'a? Kun gaaffii deebiinsaa salphaa hin taanedha.
Karoora nagaa qabxii 20 qabu kan Tiraamp Gaazaa irratti baasan booda Onkoloolessa 10, 2025 erga waliigaltee dhukaasa dhaabuurra ga'amee booda Israa'el haleellaa itti fufteetti.
Haleellaa itti fufe kanaan kan xiiqii qabate Hamaas meeshaa hiikkachuu osoo hin taane humnasaa deebisuu cimsachuurratti xiyyeeffateera.
Humnoota Israa'el qofa osoo hin taane hidhattoonni Hamaasis daandiitti ba'uun uummata dararuun humnasaanii agarsiisuu eegalaniiru.
Hidhattoonni fuulasaanii haguuggatan daandiiwwan Gaazaa irratti ba'uun namoota faallaa isaanii dhaabbatan reebuun dararuun hammaateera.
Hamaas dhiheenya kana qaamolee gargaarsa namoomaa waldhahuu fi hataniiru jechuun himaterratti tarkaanfii suukanneessaa fudhataa jira jechuun hojjettoonni gargaarsa namoomaa BBCtti himaniiru.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomaniis gareen qindaa'uun gargaarsa namoomaa hatuurratti bobba'an jiru jechuun himateera.
Qabxiilee 20 karoora nagaa Tiraamp keessatti tarreeffaman keessaa- Hamaas hidhannoo akka hiikkatu, yoo hiikkate dhiifamni akka godhamuuf, Gaazaa akka gadhiisuu fi humnoota nagaa eegsistootaa fi tasgabbeessitootaa idiladdunyaatti anagoo akka dabarsu qabxiileen jedhan eeramaniiru.
Tiraamp yeroo karoora nagaa labsanirraa hanga waliigalteen dhukaasa dhaabuu irra ga'amutti Hamaas irratti dhiibbaa cimsaa hin turre. Inumaa ''nageenyaa fi tasgabbii akka bakkatti deebisaniif eeyyameeraaf,'' jedhanii turan.
Erga Onkoloolessa 13, 2025 gara Israa'el imalanii guyyaa sadi booda garuu Hamaas irratti dubbii cimsan Tiraamp.
''Hamaas uummata Gaazaa ajjeesuu itti fufa taanaan nutis ajjeesuu malee falli biraa hin jiru,'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Uummanni Gaazaa waraana waggaa lamaan gaaga'ama lubbuu, buqqaatii fi barbadaa'uu qabeenyaa isa mudateef haqa barbaada.
Erga Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti haleellaa raawwachuun namoota 1,200 jalaa ajjeeseera.
Kanaan booda Israa'el hanga ammaatti haleellaa Gaazaa keessatt gaggeessaa jirtuun Filisxeemonni kuma 68 caalan ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin durfamu ibseera.
Jiraattonni Gaazaa- hojjettoonni, ogeeyyiin seeraa, akkasumas duraan Hamaas keessa kan turan yaadasaanii BBCtti himaniiru.
Hamaas yoo hidhannoo hiikkate eenyutu harkaa fuudha kan jedhu yaaddoo isaaniiti.
Hamaas faana gareen meeshaa waraanaa hidhatanii Gaazaa socho'an biroonis jiru. Gareen kunneen hundinuu haala haqa qabeessa ta'een caasaa nageenyaa haaraa ijaaramuuf deemu keessatti hammatamuu qabu jedhu jiraattonni BBCf yaada kennan.
Qondaalli duraanii Filisxeem Mikaa'el Milishteeyin ''dhugaan jiru Israa'el gareen Hamaas jedhamu akka jiraatu hin barbaaddu. Bakka Hamaas keessatti humna qabu Gaazaa keessatti humna cimsachuu feeti,'' jedhe.
Aanga'oonni Hamaas siyaasa keessaa of baasuuf qophii akka ta'an ibsaniiru. Karoorri Tiraamp amma hojiirra ooluu eegale bulchiinsi yeroo ogeeyyii of keessatti hammatee fi koree siyaasaan alaa of keessaa qabu,'' akka ijaaramu gaafata.
Hamaas aangoo dabarsuuf qophii ta'ullee, Filisxeemonni hedduu fi warri Israa'el hidhattoonni akka meeshaa hiikkatan dhiibbaa uumaa jiru.
Qondaalli yeroo ammaa Hamaas bakka bu'uun mariiwwan nageenyaa irratti hirmaatan fi Kaataar, Dohaa kan jiran Mohammad Nazzal gareensaanii Gaazaa deebisanii ijaaruuf dhukaasi waggaa shaniif akka dhaabbatu akka barbaadu dhihoo kana ibsaniiru.
Qondaalli gameessi Hamaas kun gaaffii fi deebii Rooyitarsi waliin taasisaniin gareen isaanii Gaazaa keessatti uummata dararaa fi ajjeessaa jira yaada jedhu akka hin fudhanne dubbatan.
Qondaalli Hamaas waa'ee hidhannoo hiikkachuurratti kutannoo hin agarsiifne.
''Kanarratti eeyyee ykn lakki jechuu hin danda'u. Dhugaa dubbachuuf haalaa fi amala adeemsichaatu murteessa. Adeemsi hidhannoo hiikkachuu ati dubbachaa jirtu kun isa kami? Maal jechuudha? Meeshaa waraanaa eenyutu dabarsinee kennina?'' jechuun gaafatan.
Waa'ee meeshaa waraanaa dabalatee dhimmoonni marii itti aanu irratti ka'uuf jedhan Hamaas qofa kan ilaallatan miti. Jaarmiyaaleen siyaasaa hidhatan biroonsi jiru jedhan qondaalli Hamaas kun.
Kanaafuu dhimma kanarratti uummata Filisxeem hundatu murteessuu qaba jedhan.












