Hamaas waa'ee hidhannoo hiikkachuu, bulchiinsa Gaazaa fi kaanirratti ejjennoosaa ibse

Madda suuraa, Reuters
Hamaas yeroo ce'umsaatti ga'ee nageenya Gaazaa eegsisuu fudhachuu akka barbaadu qondaalli gameessi Hamaas Rooyitarsitti hime.
Garichi hiikkachuu qaba yaada jedhu hojiitti hiikuuf kutannoon qaban hangas mara akka hin taane ibse qondaalli kun.
Kun ammoo karoora Tiraamp waraana Gaazaa xumuruu irratti baasaniif qormaata guddaa ta'a.
Qondaalli yeroo ammaa Hamaas bakka bu'uun mariiwwan nageenyaa irratti hirmaatan Mohammad Nazzal gareensaanii Gaazaa deebisanii ijaaruuf dhukaasi waggaa shaniif akka dhaabbatu akka barbaadu ibsan.
Qondaalli gameessi Hamaas kun bakka amma jiru Kataar, Dohaa keessatti gaaffii fi deebii Rooyitarsi waliin taasiseen gareen isaa Gaazaa keessatti uummata dararaa fi ajjeessaa jira yaada jedhu akka hin fudhanne dubbate.
Gareen kun Wiixata darbe Gaazaa keessatti uummata nagaa ajjeeseera gabaasi jedhu ba'ee ture.
Hamaas duraanii hidhannoo akka hin hiikkanne ibsaa ture, garuu sa'atii kanatti qondaalli Hamaas yeroo ammaa Mohammad Nazzal as ba'uun yaada kana irra deebiin cimsuun isaa waraana xumuruuf sochii eegalame akkaan kan qorudha.
Qondaalli Hamaas kun erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu marsaan jalqabaa hojiirra ooluu eegalee guyyoota booda hidhannoo hiikkachuurratti ejjennoosaa ibse.
Kun karoora nagaa Gaazaa Pirezidant Doonaald Tiraamp baasan fi Hamaas gidduu ejjennoon akkaan walirraa fagoo ta'e jiraachuu mul'isa.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mariin akkaataa Hamaas hiikkachiisuu fi bulchiinsa Gaazaa irratti xiyyeeffate wayita akkaan eegamaa jirutti Hamaas ejjennoo rifaasisaa ta'e kana ibse.
Waajjirri Ministeera Muummee Israa'el dubbii qondaala Hamaas kanarratti akka yaada kennuuf Rooyitarsi gaafateera.
Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaabuutti akka cichituu fi karoora nagaa Gaazaa dhihaaterratti waan gamasheen jiru kutannoon akka hojiirra oolchitu ibse waajjirichi.
Waajjirri kun ibsa Rooyitarsiif ergeen ''Gulantaa jalqabaa kanatti Hamaas namoota bute hunda gadhiisuutu irra ture. Hin gadhiisne. Hamaas reenfi namoota keenya ugguree eessa akka jiru ni beeka. Waliigaltee kana keessatti Hamaas hiikkachuutu irra jira. Yoo kana ta'e, yoo sana ta'e, garuu wanti jedhu hin jiru. Kanas hin raawwanne. Hamaas karoora qabxiilee 20 qabu irratti waliigaluu qaba. Yeroon dhumaa jira,'' jedhe.
Tiraamp karoora gaafa Fulbaana 29, 2025 ibse keessatti jalqaba Hamaas namoota uggure hunda akka gadhiisu, isa booda akka hiikkatu, achiin booda bulchiinsa Gaazaa keessaa akka harka baafatu akeekkachiiseera.
Ministirri Muummee Israa'el karoora Tiraamp kana deeggareera. Karoorri kun humna waraanaa Hamaas kan barbadeessu, bulchiinsa isaa kan obbaasuu fi Gaazaan ammaan booda yaaddoo Israa'el akka hin taane mirkaneessa jedhe qondaalli Israa'el kun.
Hamaas haleellaa Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti raawwateen namoota 1,200 ajjeesee, 251 uggure.
Ergasii Israa'el Gaazaa irratti oppireeshinii waraanaa eegalteen hanga ammaatti namoota kuma 68 caalan ajjeesteetti.
Haleellaa Israa'eliin daran kan dadhabsiifame Hamaas, hidhannoo hiikkachuun akka bulchiinsa gaazaa keessaa harka baafatuuf dhiibbaan itti cimeera.
Yoo Hamaas kana dide haleellaan Gaazaa haala hamaa ta'een itti fufa jechuun dhaadatu Ameerikaa fi Israa'el.
Qondaalli Hamaas waa'ee hidhannoo hiikkachuurratti kutannoo hin agarsiifne.
''Kanarratti eeyyee ykn lakki jechuu hin danda'u. Dhugaa dubbachuuf haalaa fi amala adeemsichaatu murteessa. Adeemsi hidhannoo hiikkachuu ati dubbachaa jirtu kun isa kami? Maal jechuudha? Meeshaa waraanaa eenyutu dabarsinee kennina?'' jechuun gaafata.
Waa'ee meeshaa waraanaa dabalatee dhimmoonni marii itti aanu irratti ka'uuf jedhan Hamaas qofa kan ilaallatan miti. Jaarmiyaaleen siyaasaa hidhatan biroonsi jiru jedha qondaalli Hamaas kun.
Kanaafuu dhimma kanarratti uummata Filisxeem hundatu murteessuu qaba jedhe.












