'Karoorri nagaa Tiraamp dhiyeesse fedhii uummata Filisxeem kan kabachiisu miti'- Hamaas

Magaalaa Gaazaa keessatti haleellaa gaggeeffame boda abidda mul'atu

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Waraanni Gaazaa dhaabatee nagaan akka bu'uuf karoorri nagaa Tiraamp dhiyeesse fedhii Israa'el malee "fedhii uummata Filisxeem kan hin kabajneedha" jechuun qondaalli Hamaas tokko BBCtti himan.

Hamaas hidhannoo hiikkachuufis fedhii akka hin qabne himan qondaalli garichaa kun. Karoora nagaa Tiraamp dhiyeesse keessaa tokko hidhannoo hiikkachuu kan jedhuudha.

Garee Gaazaa akka tasgabbeessuuf ni hundaa'a jedhame nternational Stabilisation Force (ISF) Hamaas akka hin fudhanne qondaalli garichaa ibsan.

Sababni ammoo bifa haaradhaan Gaazaa gita bittaa jala galchuudha kan jedhuudha.

Karoora nagaa Tiraamp ifa godhe kana Netaaniyaahuun fudhateera. Hamaas garuu hanga ammaa ifatti fudhachuufi diduusaa deebii hin kennine.

Ministeerri Dhimma Alaa Kaataar Hamaas yaada karoora Tiraamp kana irratti mariyataa akka jiru beeksise.

Qondaalli olaanan Filisxeem marii Hamaas keessa beekan BBCtti akka himanitti, karoora Tiraamp kanarratti mariyachuuf qondaalonni Hamaas Gaazaa jiraniifi Kaataar jiran hirmaataniiru.

Ajajaa humna Hamaas El al-Din al-Haddaad karoora Tiraamp dhiyeesse fudhachuurra ittuma fufee loluu akka filata jedhamaa jira. Qondaalonni Hamaas Gaazaan ala jiran namoota butamanii Gaazaa keessa jiran irratti kallattiin to'annoo waan hin qabneef mariiwwan dhiyeenya gaggeeffaman irratti miirri qoollifatamuu itti dhagahamaa jira jedhame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mariin Hamaas keessoo isaatti taasisu guyyootaf kan turu yoo ta'u, gareewwan siyaasaa Filisxeem biroos kan of keessatti hammatuudha jedhama.

Hamaasin alatti gareen Palestinian Islamic Jihad (PIJ) jedhamuu haleellaa Onkoloolessa, 2023 Israa'el irratti gaggeeffame keessatti qooda fudhachuun lammiilee Israa'el butaman [muraasa] harkaa qabu karoora Tiraamp kana fudhatama hin qabu jechuun ibsa baase.

Hamaas hudhaan namoota butaamanii isa harka jiran hunda al-tokkotti akka gadhiisutu irraa eegama- namoota butaman hunda gadi dhiise taanan waan qabatee ittiin waan barbaadu argatu hin qabu jechuudha.

Gama biraan ammoo Israa'el erga namoota butaman hunda harkaan gahattee booda waraana ni dhaabdi kan jedhu amantaa dhabuunis jira.

Gama biraan ammoo karoora Tiraamp irratti kaartaan Gaazaa dhiyaate Gaazaafi daangaa Masirii gidduu lafti bilisaa (buffer zone) akka jiraatudha. Garuu lafti bilisaa jedhame kun akkamitti akka bulu irratti waanti ifa ta'e hin jiru.

Netaaniyaahuun karora Tiraamp dhiyeesse irratti waliigaluu erga beeksisee booda, qabxiilee karoorichaa keessatti ka'an irratti dudduuba waan deebi'aa jiru fakkaata.

Netaaniyaahuun viidiyoo fuula X gubbaatti gadi dhiisen humni waraanaa Israa'el Gaazaa bakkeewwan tokko tokko keessaa akka hin baane ibsuun, Filisxeem biyya akka hin taaneef "humnaan dura dhaabbanna" jedhe.

Dubbiin Netaaniyaahuu kun karoora nagaa Tiraamp kan faallessuudha. Karoora Tiraamp dhiyeesse keessatti Israa'el guutummaan Gaazaa keessaa loltota akka baastu ibsameera.

Jiraattonni Gaazaa irra jireessi karoora Tiraamp kana akka deeggaran dubbatu- waraanni akka irraa dhaabbatu taasisa waan ta'eef.