Hamaas Gaazaa keessatti sodaa walitti bu'iinsa keessoof loltoota bobbaase

Madda suuraa, Reuters
Hamaas humnoota nageenyaa isaa gara 7,000 ta'an irra deebi'ee bobbaasuun naannoowwan Gaazaa dhiheenya kana humnoota Israa'eliin baafaman to'achuu isaa maddeen ibsaniiru.
Gareen kun ajajoota haaraa muuxannoo waraanaa qaban shanis muudeera. Isaan keessaa gariin isaanii kanaan dura kutaa hidhannoo garichaa keessatti birgeedii hoogganaa turan.
Ajajni bilbilaa fi ergaa barreeffamaatiin kan ba'e yoo ta'u, "Gaazaa tumsitoota seeraan alaa fi Israa'el irraa qulqulleessuuf" kan akeekedha.
Loltootni kunneen sa'aatii 24 keessatti akka gabaasa dhiyeessan ajajni kennameera.
Gabaasni Gaazaa irraa argame akka mul'isutti miseensonni Hamaas hidhannoo qaban, kaan uffata siiviilii uffatan, kaan ammoo uffata bifa poolisii Gaazaa uffatan, naannoo hedduutti bobbaafamaniiru.
Gaazaa nnaanawa Sabraa jedhamutti namoonni olaanoon Hamaas lama hidhattoota gosa Dugumush irraa dhufaniin rasaasaan erga ajjeefamanii booda Muddamni akka malee dabaleera.
Namoota ajjeefaman keessaa tokko ilma Imaad Aqiil ajajaa olaanaa Hamaas kan ta'ee fi basaasa waraanaa garee kanaa hoogganaa tureeti.
Reeffi isaanii karaa irratti gatamuun aarii guddaa kan uume yoo ta'u, Hamaas tarkaanfii deebii cimaa ta'e akka kennu sodaa uumeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hamaas mooraa hidhattoonni Dugumush 300 ol ta'an kan boombii fi fanjii hidhatanii dhokatan turan marsee ture.
Hamaas miseensa gosa Dugumush tokko ajjeesee namoota 30 butee akka ture himama.
Meeshaan waraanaa kun yeroo waraanaa manneen kuusaa Hamaas irraa kan saamame yoo ta'u, kaan ammoo waggootaaf harka isaanii keessa ture.
Sochiin Hamaas yeroo waraana booda Gaazaa eenyu akka bulchu mirkanaa'uu dhabuun eegamaa ture.
Kun dhimma ijoo karoora nagaa Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp marsaa lammaffaa kan Hamaas hidhannoo hiikkachuu gaafatu walxaxaa taasisuu danda'uudha.
Qondaaltonni Hamaas biyya alaa jiran dhimma kanarratti kallattiin yaada kennuu didan.
"Gaazaa hattootaa fi milishoota wwerartuu Israa'eliin deeggaramaniif dhiisuu hin dandeenyu. Meeshaan waraanaa keenya seera qabeessa . Weerartoota kana ofirraa ittisuuf, hanga isaan itti funanitti nullee itti fufuun hafu" jechuun BBC'tti himaniiru.
Qondaalli nageenyaa soorama ba'ee fi waggootaaf Abbaa Taayitaa Falasxiin Gaazaa keessatti tajaajilaa ture tokko naannoon kun gara waraana keessoo marsaa biraatti akka deemu sodaa qaba jedhan.
"Hamaas hin jijjiiramne. Ammas karaan garee kana jiraachisu meeshaa waraanaa fi jeequmsa qofa akka ta'e amana," jechuun BBC'tti himaniiru.
"Gaazaan meeshaa waraanaatiin guutamtee jirti. Yeroo waraanaa sanatti saamtonni mana kuusaa Hamaas irraa meeshaa waraanaa fi rasaasa kumaatamaan lakkaa'aman hataniiru. Gareen tokko tokko Israa'el irraa deeggarsa argataniiru."
Qabsaa'aan mirga namoomaa kan Gaazaa keessa jiraatu Khalil Abu Shammala akka jedhanitti, tarkaanfiin kun Hamaas aangoo dabarsee kennuuf yaalaa akka jiru yookaan hojiirra oolmaa karoorichaa fashaleessuuf yaalaa akka jiru kan agarsiisudha.
"Jiraattota Gaazaaf dhimmoonni dhiibbaa uumuu danda'an hedduun waan jiraniif balaan waldhabdee keessoo olaanaa ta'uun isaa shakkii hin qabu."
Hamaas dhiibbaa guddaa jalatti karoora nagaa fudhachuuf dirqame.
"Dhimmoota nageenyaa irratti bobba'uudhaan dabalatee dhiibbaa isaa karaa kamiinuu eeguuf yaaliin itti fufee jiru kamiyyuu waliigaltee kana balaadhaaf kan saaxilu yoo ta'u, jiraattota Gaazaa daran kan dararu ta'a jedheen amana," jedhan.
Kunis waliigaltee nagaa laaffiseera jechuun lammiilee Gaazaa biratti yaaddoo guddaa uumeera.















