'Hamaas namoota nagaa haleelun waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuuf akka jedhu ragaa qabataman qaba' - US

Madda suuraa, Getty Images
Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuuf sababa barbaadaa akka jiru Ministeerri Dhimma Alaa US beeksise. Waliiglatee dhukaasa dhaabuu cabsuuf namoota nagaa Gaazaa jiran haleeluf akka jiru "ragaa qabatamaan qaba" jechuuni US kan beeksifte.
Ministeerri Dhimma Alaa US ibsa Sambata, Onkoloolessa 18, baaseen 'haleellaan namoota nagaarratti karoorfamee jiru' akka waliigaltee dhukaasa dhaabuu qaamoleen heddu itti dadhabanii milkaa'e fashalsuuf kan kaayyeeffate akka ta'e beeksise.
US Hamaas namoota nagaarratti haleellaa banuuf jiraachuu beeksifte malee odeeffannoo bal'aa hin kennine.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaa Gaazatti hojiirra oolaa jira- namoonni bubtamanii lubbuun jiran hundi yoo deebi'an, kanneen du'an reeffisaanii Gaazadhaa deebi'aa jira.
Israa'elis Filisxeemota hiite 1,700 ol gadi lakkisteetti.
US ibsa kaleessa baasteen karoora Hamaas haleellaa Filisxeemota Gaazaa irratti gaggeessuun [akka waan waliigalteen dhukaasa dhaabuu cabeetti diyeessuf jiru] qaamolee marii waliigaltichaa keessatti hirmaataniifi waliigaltichi akka eegamu hordoffii godhan kanneen akka Kaatar, Masirii Turkii fa'aa beeksisteetti.
"Hamaas haleellaa karoorse kana itti fufa taanan, uummata Gaazaa tiksuuf akkasumas waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka hin cabne gochuuf tarkaanfiin ni fudhatama," jedha ibsi US baaste.
Hamaas himannaa US kanarratti hanga ammaa deebii hin kennine.
Pirezidaant Tiraamp Hamaas namoota nagaa Gaazaa keessatti ajjeesuu akka dhaabu akeekkachiisee ture.
"Hamaas namoota nagaa Gaazaa keessatti ajjeesuu yoo itti fufe, dhaqnee [Hamaas] ajjeesuu malee filannoo biraa hin qabnu," jechuun fuula miidiyaa hawaasaa Truth irratti barreesse. Garuummoo US loltootashee Gaazatti akka hin bobbaasne hime.
Israa'el loltootashee Gaazaa keessaa baasuu hordofee Hamaas namoota nagaa karaarratti osoo ajjeesuu viidiyoon agarsiisu baay'ee qoodamaa ture.
Viidiyicharratti namoonni saddeet harkisaanii duubatti hidhamee namoonni itti marsanii osoo ilaalanuu raasasan yeroo ajjeefaman mul'ata.
Namoonni ajjeechaa raawwatan ammoo fuullisaanii akka hin mul'annetti carqii marataniiru. Namoonni qawwee hidhatanii namoota nagaa ajjeesan miseensota Hamaas ta'uufi dhiisuu BBCn hin mirkaneeffanne.















