Gaazaa: Lafa xiqqoo km 40 dheerattu, ijoo dubbii addunyaa taate

Madda suuraa, Getty Images
Gaazaan sulula xiqqoo dheerina km 40 fi bal'ina km 10 hin caalle qabdu taatee qarqara Galaana Medetiraaniyaaniitti argamtuudha. Bahaan Israa'el, kibba bahaan Masiriitu daangessa.
Waggoota digdama darbaniif Hamaastu Gaazaa bulchaa ture, bahaa galashee kan to'atu garuu Israa'eli: lafoo, qilleensafi galaanarraan.
Masiriinis daangaasheerratti to'annaa cimaa taasifti. Gaazaan, lafa xiqqoo Filisxeemonni miliyeena 2.5 ol keessa jiraatan ta'uusheerraa kan ka'e "mana hidhaa gubbaan banaa (open air prison) jedhamuun beekamti.
Gaazaan bakkeewwan gurguddoo saditti qoodamti: Kaaba Gaazaa, Giddu-galeessafi Kibba Gaazaati. Kaabatti kan argamtu Magaalli Gaazaa bakka Filisxeemonni hedduumminaan keessa jiraataniidha. Giddu-galeessi ammoo kaampiin qubsumaa guddaan Kaan Yuunis bakka itti argamuudha.
Filisxeemonni Gaazaa keessa jiraatan kan Weest Baank jiran waliin bulchiinsa qofaan osoo hin taane daangaanillee walirraa fagoo jiru. Jidduusaanii Israa'eltu jira.
Gaazaan qarqara Galaana Medetiraaniyaanitti yoo argamtu Weest Baank ammoo Israa'elifi Yordaanos gidduu jirti.
Ofii waggaa lamaaf Israa'el wajjin lola keessa kan turte Gaazaan achi dhufteen seenaanshee maal fakkaata? Gaazaa Weest Baank irraa maaltu adda godha gaaffilee jedhan mee haa ilaallu.
Filisxeemonni heddu Gaazaa akka qaama biyya Filisxeem gara fuulduraatti hundeeffataniitti ilaalu. Filisxeemonni hedduu Weest Baank fi Baha Yerusaalem keessa kan jiraatan ta'anis, gara fuulduraatti: Gaazaa, Weest Baank fi Baha Yerusaalem bakka tokkotti biyya Filisxeem gochuun abjuusaanii yeroo hundaati.
Empaayera Otoman Turkii irraa Filisxeem dabalatee Baha Giddu-galeessaa humnoonni heddu itti wal-jijjiiranii bulchaniiru- Gaazaanis qaama bulchiinsota kanneeniti jechuudha.
Waraana Addunyaa Tokkoffaarratti Empaayerri Otoman Turkii waggoota dhibba hedduuf Baha Giddu-galaa bulchaa ture kufuu hordofee itti darbee kan bulche Biritiish turte.
Gaazaa bulchiinsa Masirii jalatti
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bulchiinsi Biriitiish Filisxeem bakka lamatti: kan Israa'elifi Arabootaa taatee akka hiramtu yaada UNf dhiyeessen Israa'el bakka lamatti hiramuu hordofee lolli biyyoota Arabaafi Israa'el gidduutti baname.
Yeroo Biriitish Baha Giddu-galeessaa keessaa baatee waraanni Israa'eliifi humnoota Arabaa gidduutti banamu, Isaa'el waraana waggaa tokkoof turen humnoota Arabaa mo'atte. Waraanni Masirii duubatti deebi'ee Sulula Gaazaa harkatti hambifate.
Weest Baank ammoo harka Yordaanos galte. Haata'u garuu, waraana biyya haaraa hundoofte, Israa'eliifi Araboota gidduutti gaggeeffameen Filisxeemonni 700,000 ta'an qe'eesaanirraa buqqa'an.
Hundeeffamuun Israa'el Filisxeemonni Gaazaafi Weest Baank jiran qaaman akka gargar bahan isaan taasise. Sana booda carraan isaan bulchiinsa tokko jalatti buluuf argatan yeroo gabaabduu qofa ture – yeroo itti Abbaan Taayitaa Filisxeem Gaazaafi Weest Baank akka bulchu godhame.
Filisxeemonni buqqa'an kunneen kaansaanii Gaazaatti yoo baqatan, kaan biyyoota ollaa kanneen akka Yordaanos, Libaanosiifi Sooriyaatti baqatan.
Masiriin Gaazaa to'attus Gaazaa akka qaamasheetti fudhattee Filisxeemota achi jiraniif lammummaa akka hin kennin turtetu himama.
Israa'elis taanan Filisxeemota duraanii Gaazaa jiran irratti kanneen sababa waraanan buqqa'an hanga ammaatuu qe'eesanitti akka deebi'an hin hayyamin jirti.
Masiriin bara 1948-1967tti Gaazaa bulchite. Filisxeemonni buqqa'an osoo hin deebi'in waraanni Israa'eli fi Arabootaa kan biraa dhalate- Waraana Guyyaa Jahaa (The Six Day War) jedhamuun beekamu bara 1967tti gaggeeffame.
Waraana kanarratti adda dureen kan hirmaatan, Masirii, Sooriyaafi Yordaanos yoo ta'an Israa'el guyyaa jaha keessatti waraanicha xumuruun daangaashee dachaan ballifatte.
Gaazaa bulchiinsa Israa'el jalatti fi hundeeffamuu Hamaas

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni bara 1967 rakkoo Filisxeemotaafi Israa'el gidduu ture daran kan hammeesedha jedhama. Sababni ammoo Israa'el Baha magaalaa Yerusaalemifi Weest Baank Yordaanos irraa fudhatte. Gaazaafi Gammoojjii Siinaa Masirii irraa, Gaarren Goolan ammoo Sooriyaa irraa fudhatte.
Biyyoota adda dureen waraanicha irratti ishee lolan sadanuurrayyii daangaa fudhatte keessaa kan deebisfte, waliigaltee Masirii wajjin taasifteen Gammoojii Siinaa qofaadha. Kaan hanga ammaatuu to'attee jirti.
Israa'el waraana Guyyaa Jahaan Gaazaa erga to'atteen qubsuma mandara 20 ijaaruun namoota kumaan lakkaa'aman Gaazaa keessa qubsiiste.
Israa'el bulchiinsa Gaazaa hanga bara 1993 Abbaa Taayitaa Filisxeemitti dabarsitee kennitutti, Gaazaa keessatti mormiifi hokkarri danuun ishee mudateera. Warraaqsa Filisxeemotaa inni jalqabaas kan eegale Gaazatti ture.
Bulchiinsa Israa'el mormuun mormiin Gaazatti gara waggaa shaniif walitti fufiinsaan gaggeeffamaa ture dhumarratti Mudde 1987 warraaqsi Filisxeemotaa Jalqabaa (First Intifada) dhohe.
Yeroon itti Hamaas hidhannoon Israa'el loluuf hundeeffames yeroo Warraaqsi Filisxeemotaa Jalabaa itti gaggeeffame ture.
Israa'el Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem hogganaa kan ture Yaasiir Arafaat waliin bara 1993tti waliigaltee mallatteessuun Weest Baank keessatti Abbaan Taayitaa Filisxeem (PA) hundaa'e.
Israa'el bara 1993tti Gaazaa keessaa yeroo baatu, Yihudoota achi qubataniifi humna waraanaa guutummaan buqqistee bahuun Abbaan Taayitaa Filisxeem Gaazaa akka bulchu godhame.
Gaazaa bulchiinsa Abbaa Taayitaa Filisxeem jalatti
Israa'eel qubsumasheefi waraana osoo guutummaan hin basin bulchiinsa Gaazaa Abbaa Taayitaa Filisxeemitti kennite. Abbaan Taayitaa Filisxeem bara 1993 -2005tti Gaazaa bulche.
Waliigaltee Osloo bara 1993tti taasifameen Misnitiirri Muummee duraanii Israa'el Yisaaq Rabiinifi gaggeessaa Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem (PLO) gidduutti waliigaltee mallattaa'een Gaazattis ta'ee Weest Baank keessatti abdiin uumamee ture.
Akkaataa waliigaltichaan Israa'eel Gaazaa dabarsitee Abbaa Taayitaa Filisxeem kan Yaasiir Arafaatin hogganamutti kennite.
Haata'u garuu Filisxeemota gidduutti muddamne dhalatee gara lolaatti isaan seensise. Osoo Abbaan Taayitaa Filisxeem Gaazaa hin to'atin dura kan hundaa'e Hamaas kan Weest Baank bulchu paartii Faataa irraa ilaalcha adda ta'e qaba.
Keessumaa waliigaltee Yaasiir Arafaat Istaa'el waliin taasise hin fudhatu. Gama biraan ammoo Hamaas beekamtii Israa'eliif hin kennu.
Hamaas haleellawwan boombii garaa garaa Israa'el irratti gaggeessuu itti fufe; Israa'el waliin waliigaltee kan qabu Abbaan Taayitaa Filisxeem Gaazaa to'achuun itti ulfaate.
Isaaq Raabiin ajjeefamuu hordofee aangoo qabatee kan ture Ministiira Muummee kan ta'e Ariyaal Shaaroon Israa'el Gaazaa gadi dhiiftee akka baatuf murteesse.
Loltoonni Israa'el qubattoota 9000 ta'an humnaan Gaazaa keessaa baasan. Kuni ammoo Israa'el keessatti qoodamiinsi akka uumamu taasise.
Keesumaa bara 2000tti Warraaqsi Filisxeemotaa Lammaffaan (Second Intifada) dhohuun, abdiin Gaazatti nagaa buusufi Israa'elifi Filisxeemota gidduutti mariin itti fufiinsa qabuufi Waliigaltee Osloo hojiitti hiikuu akka gatatu taasise. Hamaasis Gaazaa keessatti beekamtii horachaa hidda jabeeffachuun Abbaa Taayitaa Filisxeem waliin kokkee wal-qabate.
Gaazaa bulchiinsa Hamaas jalattiifi lola Hamaasifi Faataa gidduutti taasifame

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni United States Institute of Peace akka ibsutti, bara 1960 keessa yeroo itti Filisxeemonni sochii biyya walabaa ijaarrachuu itti eegalanii kaasee siyaasa Filisxeem keessatti muddamniifi wal-dhiibuun dhabamee hin beeku.
Haata'u garuu, Filannoo bara 2006 gaggeeffamerratti Hamaas filannoo mo'atee Faataa injifachuu hordofee sochiin Filisxeem garee Hamaasifi Faatatti bakka lamatti cabe.
Hamaas filannoo mo'achuu hordofee gareewwan lamaan aangoo qooddachuurratti waliigaluu waan dadhabaniif lolli cimaan Gaazaa keessatti baname.
Lola cimaa guyyoota muraasaf Gaazaa keessatti gaggeeffameen Faataan Gaazaa keessaa hari'amee Hamaas bulchiinsa Gaazaa dhuunfate.
Lola gareewwan lamaan gidduutti guyyootaaf taasifameen namoonni heddu du'anii Faataan Gaazaa keessaa hari'ame.
Hamaas Gaazaa to'achuun bulchuu itti fufe; Abbaan Taayitaa Filisxeem Weest Baank bulchuu itti fufe. Garee lamaanuu walitti araarsuuf yaaliin garaa garaa godhamus hanga ammaa akkauma gargar bahanitti jiru.
Gaazaan bulchiinsa Hamaas harkatti kufuu hordofee Israa'elifi Hamaas gidduutti muddamni hammachuun yeroo garaa garaa waraanatti seenaniiru.
Bara 2008-2009 gidduutti Israa'elifi Hamaas torban sadiif wal-waraananii turan. Bara 2012 ammoo guyyaa saddeettiif wal-lolan. Bara 2014tti ji'a lama kan ta'uuf Gaazaan akka malee haleelamte.
Sochii waraanaa Hamaas Gaazaa keessatti taasisuun Israa'el Gaazaa marsuun bahaa galashee to'achuu cimsite. Masiriinis meeshaaleen waraanaa Gaazaa akka hin seennef daangaashee Gaazatti cufachuun sochiin daldalaafi kan waraanarraa bilisa ta'e qofa akka gaggeeffamuuf qofa daangaashee banaa turte.
Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti haleellaa tasaa banuu hordofee waraana waggaa lamaaf gaggeeffameen Gaazaan garmalee mancaate.
Haleellaa Israa'eliin namoonni 68,000 ol yoo du'aniiru. Gamoowwaniifi ijaarsi Gaazaa %83 manca'uu ragaan UN ni agarsiisa.
Seenaa ammaayyaa keessatti Gaazaa humnoonni garaa garaa itti wal-jijjiiranii bulchaniiru; waraana waggaa lamaaf Israa'elifi Hamaas gidduutti gaggeefameen Tiraamp gidduu galee dhukaasni akka dhaabatu godhamus egereen Gaazaa ammayyuu gaaffii keessa jira.












