Sababa misooma koridariin namni du'e hin jiru - Bilchiinsa Magaalaa Finfinnee

Adaanchi Abeebee Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, MOA

Ibsa waa'ee suuraa, Adaanchi Abeebee Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee

Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen misooma koriidarii ilaalchisee tibbana paartiilee morkattootaa, jiraattota fi bakka buutota kaafamtoota misoomaa waliin marii’atanii turan.

Marii kana irratti gaaffileen hirmaattota irraa ka'anii fi tibbana ajandaa miidiyaa hawaasaa ta'an keessaa, sababa misoomaa kanneen manni isaanii diigame muraasni of ajjeesaa jiru, ykn rifaatudhaan du'aa jiru kan jedhu tokko ture.

Addee Adaanachi qorannoo fi odeeffannoo qabaniin bulchiinsa magaalichaa keessatti namootni sababa misoomaaf kaaafamaniif ykn manni isaanii diigameef of ajjeesan ykn du'an tokkollee akka hin jirre mirakneessan.

Kutaa Bulchiinsa Yakkaa keessatti odeeffannoon akkas jedhu baanaan sirritti qulqulleessuuf yaalle kan jedhan Addee Adaanachi, "dhuguma namni du'e jedhame dhibbaa dhiigaan du'e, garuu rifaatee dhiibbaa dhiigaan du'e jedhame yoo qulqulleessinu garuu soba waan misooma koriidariin wal qabatu miti." jedhan.

Kutaa bulchiinsa magaalichaa biraa keessattis "nama sababa biraa dhimma maatin wal qabatuun of ajjeese gara kanatti fiduuf halli yaalame jira. Namni kun ammoo manumaayyu kan qabu miti. Yoo mana hin qabaatin maaltu jalaa diigamee of ajjeesa?" jechuun odeeffannoo kanaan wal qabatee odeeffannoo dogongoraa ta'uu ibsan.

Bulchiinsi magaalichaa, magaalaa foyyoftuu fi jireenya lammiileef miijattu ijaaruuf malee, hanga kana hawaasa dhiphisuu fi miidhuuf akka hin tanellee hubatamuu akka barbaachisu eeran.

"Hawaasni hanga kana akka dhiphatuu fi miidhamu kan goonu maal faayidaa irra arganna? " Gaafa jijjiramni dhufu kanneen hubannoo hin qabne akkuma jiran utuu beekanuu kan ajandaa bocanii hawaasa burjaajessan illee akka jiran himan.

Haa ta'uu malee hawaasni naannawa waggootaaf jiraacha ture irraa gara bakka biraatti yoo deemu haalotni ulfaatan jiraachuu akka malanii fi komiiwwan bu'uuraa dhugaa qaban sirreessuuf bulchiinsi magaalichaa qophii ta'uu dubbatan.

Bulchiinsi magaalichaa rakkoon hawaasummaa akka hin umamneef of eegaannoo gochaa akka turee fi hawaasummaan mandara tokko keessa ture akka hin banneef hawaasa naannawa tokko turaniif bakka deemanittis naannawa tokkotti carraan akka bu'uuf taasifamuu mari'acha irratti ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa beenyaa birrii biliyeena 8.7 kanfaluus ibsan

Kaafamtootni kunneen naannawa sanatti misoomsuun waan hin danda'amneef bakka biraa fi fooyyee qabu ijaaruun ibsan. Kanneen naannawa isaanitti misoomsuun danda'ame hedduunis misoomaa jiraachuu fakkeenya eeraniiru.

Komii dhimma Kondominiyeemii

Manneen waliin jireenyaa magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, MOA

Ibsa waa'ee suuraa, Manneen waliin jireenyaa magaalaa Finfinnee
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Magaalaa Finfinnee keessatti dhimmi manneen waliin jireenyaa ykn Kondominiyeemii waggootaaf madda komii jirattotaa ta'ee itti fufeera. Komiwwan dhimma misoomaa koriidariin wal qabatanii ka'an keessaa kaafamtootni misoomaa Kondominiyeemii qusannaa namootaan ijaarametti galan kan jedhuudha. Kanneen carraan bahee fi haala manneen kunneen itti dabarfaman eeggataa jiranis heddudha.

Hirmaattootni marichaas gaaffii kana bulchiinsa magaalichaaf dhiyeessaniiru.

Dhimma kana irratti Addee Adaanachi kaafamtootni misoomaa akka filannoo fi humna isaanitti manneen qusannoo xixiqqaa kan filatan akkasumallee kanneen Kondominiyeemi kanfalachuuf humna qaban akka filannoo isaanitti miijachuufi himan.

Akka Aadde Adaanachi jedhanitti manneen waliin jireenyaa kanneen bulchiinsa magaalaa Finfinneetu baankii irraa liqeeffatee ijaare.

"Namni kan qusatu yeroo carraan gahe waan kanfalatu akka hin dhabneef malee ittin ijaarsisuuf miti.

Manni utuu hin qophaa'iin lammilee miliyeenan galmeessee qusadhaa kan jedhee kan maallaqa sana qisaasesses qaama biraa ture. Isa kanaaf nuti itti qeeqamuu hin qabnu. Amma bulchiinsi magaalaa idaa kondonoominiyeemi qofa biliyeena 56 ta'u kanfalaa jira.

Baankiif wabiin dhiyaate kan bulchiinsa magaalaa waan ta'eef idaa kana kanfaluuf dirqamne. Hanga yoona biliyeena 34 kanfalleera"jedhan .

Haa ta'uu malee lammiileen mana jireenyaa akka argatuuf bulchiinsi magaalichaa deeggarsa barbaachisaa taasisaa jiraachuu himan

Manneen xixiqaa irraa kaasee hanga appaartimentiitti wal ta'iinsa mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaan ijaaramaa jiraachuu fi jiraattootni akka filannoo fi humna isaatti akka argatuuf hojjatamaa jira.

"Filannoon jiru kanneen qusataa turan kanneen amma ijaaramaa jiran keessatti akka dursa argatan haala miijessudha. Filannoon biraammmoo gurmaa'anii waldaan akka ijaarratan deeggarsa barbaachisaa kennudha."

Addee Adaanachi "fayyadamummaa fi misooma uummataa mirkaneessuun alatti ajandaan dhoksaa hin qabneef hawaasni burjaajjii odeeffannoo dhugaa hin taane kan ta'e jedhamee daldalaaf hojjatamu irraa oof eeggachuu akka qabus dhaaman.