Namichi ‘qawweetiin’ haashiishii aarsaa ture hidhaa bu'e

Meeshaa hashiishi aarsuuf fayyadu

Poolisiin Awustiraaliyaa namicha qawwee AK-47 jedhamu fakkaatu baatee uummata naasise, garuu meeshaan qabatee ture kaayyoo biraaf itti fayyadamaa ture jechuun to’annoo jala oolche.

Poolisoonni Roobii galgala waamichi ariifachiisaa kaaba-lixa magaalaa Siidnii irraa isaan qaqqabnaan ariitiin tarkaanfii fudhatan.

Poolisiin kaameraa nageenyaa CCTV hordofuun konkolaataa dhaabuun dura heelikooptariinillee waliin barbaachatti bobba’ee ture.

Qawween gaafa argamu garuu poolisiin meeshaa ittiin haashiishi aarsan tahuu hubate.

Namni ganna 50 meeshaa kana qabatee argame jedhame boodarra to’annoo jala ooleera jedhe poolisiin.

‘’Barbaachi konkolaataa taasifame bakka qawween AK-47 jiru adda baase.’’

Ibsa poolisiin baaseen gargaarsa heelikptaraan shakkamaan lafa lalisaa Kibba Weelsitti argame.

Boodarra namichi qawwee eeyyama hin qabneefi namoota sodaachisuun qabame.

Yeroo ammaa mana hidhaa kan jiru yoo tahu, himannaan isaa Eblatti mana murtiitti dhiyaata.

Poolisiin meeshaa ittiin hashiishii ittiin aarsan kan ujummoo bishaan calalu qabuufi hashiishi dabalatee baala sammuu si’eessu biro ittiin aarsuuf fayyada.

Seerri Niiw Saawwuz Weels meeshaa ittiin aarsan,’’gurguruun, dhiyeessuufi agarsiisuun