Namoota bashannanaaf ilmoo qamalee haala suukaneessaan dararan

Qamalee

Madda suuraa, Ed Ou/BBC

Qorannoo BBC’n waggaa tokkoof gaggeesseen, hidhata hammeenyaa bashanannaafi maallaqaaf jecha qamalee dararu kan Indooneshiyaa hanga Yunaaytid Isteetiitti diriiree jiru adda baasera.

Namootni dhibba hedduun lakka’aman US, UK fi bakka biroo irraa ta’an, yeroo ilmoon qamalee dararamanii fi ajjeefaman viidiyoon argachuuf lammiilee Indoneeshiyaaf akka kaffalan BBC’n adda baaseera.

Hidhati dararaa kun YouTube irratti eegale, boodarra gareewwan dhokatoo Telegramitti darbe.

Yeroo ammaa poolisiin namoota kanneen viidiyoo akkanaa gurguranii fi bitan adamsuu eegaleera, hanga ammaattis namootni hedduu to’annoo jala oolfamaniiru.

Akeekkachiisa: Gabaasi kun wantoota miira jeeqan of keessaa qaba

Gartuu dararaa, Telegram isa beekamaa tokko kessa gazeexessitoonni BBC dhoksaan miseensa ta’an.

Gartuu kana keessatti miseensotni dhibbaan lakka’aman, akkamiin akka qamaloota dararan mari’achuun, yaada isaanii kana namootni Indoneeshiyaa fi biyyootii Eeshiyaa biroo keessa jiran akka hojiirra olchaniif qacaru.

Galmi namoota hamoo kanaa, viidiyoo yeroo ilmoon qamalee haleelamtu, dararamtu fi takka takkammoo ajjeefamtu agarsiisu argachuudha.

BBC’n kanneen Indoneeshiyaa keessatti dararaa kana raawwatanii fi kanneen US keessatti viidiyoo dararaa kunneen raabsanii fi bitan adda baasuun, gargaarsa qaama seeraa idil addunyaan namoota kana haqatti dhiyeessuuf hojjeteera.

Dubartoota UK sadii fi namicha US Origaan keessa jiraatu dabalatee, yeroo ammaatti addunyaa irratti namootni 20 qorannoo jala jiru.

Maayik Makaartinii, kan US keessatti viidiyoo kunneen raabsuun nama mummee ta’e fi Telegram irratti maqaa “The Torture King” (Mootii dararaa) jedhamuun beekamu BBC waliin haasa’eera.

“Filannoo qopheessanii turani,” jedha Makaatii. ”Burruusa akka fayyadamnu barbaadduu? Piinsaa akka fayyadamnu barbaaddu? Kaachabiitee akka fayyadamnu barbaaddu?”

Filannoowwan kana booda viidiyoon dhufe, “jireenyakoo keessatti wanta sukkaneessaa arge keessa isa hamaadha,” jedha.

Maayik Makaartinii

Madda suuraa, JOEL GUNTER/BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Maayik Makaartinii
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miseensa gartuu yakkamtootaa doqdoddee oofan kan ture Makaartiin addunyaa qamalee dararan keessa seenuu isaa dura mana hidhaa ture.

Boodarra gartuulee Telegram namootni darara jaallatan viidiyoo raabsan adda addaa hoogganuu eegale.

“Maallaqa qoricha sammuu hadoochuurraa kun adda miti,” jedha. “ Maallaqni qoricha sammuu hadoochuu harka xurii irraa dhufa, maallaqni kun ammo harka dhiigaan guuterraa dhufa,'' jedha.

Dabalataan BBC’n shakkamtoota ijoo lama, kan amma qorannoo Wajjiira Nageenya Dhimma Keessaa US (DHS) jala jiran adda baaseera – Alabaamaa irraa Isteesii Istoorii, akkoo umurii ganna 40’n keessa jirtu fi gartuu sana keessatti maqaa “Sadistic” (nama hameenyatti gammaddu) jedhamuun beekamtu fi nama hidhata daraara kana dursu maqaa “Mr Ape” jedhuun beekamu – kan sababa nageenyaaf maqaa isaa sirrii himuu hin dandeenyedha.

Turtii BBC waliin taasiseen Mr Ape yoo xiqqaate du’a qamaloota afurii fi dararaa hedduuf akka itti gaafatamaa ta’e amaneera. Viidiyoota “baayyee sukkaneessoo” ta’an akka ajajeeru hima.

Bilbila Aadde Istoorii qondaaltoota DHS’n to’atame irratti viidiyoon dararaa 100 ta’an argamaniiru, akkasumas viidiyoowwan sukkanneessoo tokko tokko akka hojjetamaniif maallaqa kaffaluu ishee ragaaleen mul’isan jiru.

Amajjii keessa BBC’n dhimma kana irratti yaada akka kennituuf yeroo gaafatu, bilbilli ishee haak godhamee akka ta’e dubbachuun, yaada dabalataa kennuu diddeetti.

“Mr Ape, Isteesii Istoorii fi Maayik Makaartii qorannoo DHS gaggeessaa jiru irratti shakkamtoota ijoo shan keessatti argamu.

Ammatti himatni irratti banamuu baatus, ragaa DHS argateen yoo yakkamtoota ta’uun isaani mirkanaa’e hidhaa hanga waggootii torbaan adabamuu danda’u.

Qorannoo DHS kana kan hogganaa jiru Pool Wolperti, qaamoleen nageenya dhimma kana irratti hojjechaa jiran hundi yakka qoratamaa jiru kanaan rifataniiru jedha.

“Eenyuyyu yakka akkanaa baruuf qophaa’aadha jedhe hin yaadu,” jedha. “Abbootii alangaa hanga mana murtii fi namoota wanta uumama jiru kana dubbisan hundaatti, wanta rifachiisa ta’a jedheen yaada.”

Namni viidiyoo dararaa qamalee raabsan ykn bitatan guyyaa tokko balbala isaanirratti akka argamnu eeguu qabu jedha Wolperti. “Wanta raawwate kanaan haqa malee miliquu hin dandeessu.”

Poolisiin Indoneeshiyaa shakkamtoota dararaa kanaa lama to’annoo jala oolcheera. Aseep Yaadii Nuruul Hikmaa yakka bineensota dararuu fi gurgurtaa gosa bineensota kunuunsa jala jiraniin himatamee, hidhaan waggaa sadii irratti murtaa’eera. M Ajis Rasjanaa ammoo yakka darara bineensotaaf adabbii olaanaa jiru – hidhaa ji’oota saddeetiin adabameera.

Viidiyooleen darara qamalee agarsiisan ammallee Telegram fi Facebook irra jiru. BBC’n gartulee hedduu viidiyoo hammeeyaa akkanaa raabsan, kan gara miseensota 1,000 ol qabani argateera.

Facebook “fuula keenya irratti dararaan bineensota akka beeksifamuuf hin eeyyamnu” jechuun gartuulee BBC’n argate kunneen haquu isaa himeera.

YouTube ibsa BBC’n kenneen dararaan bineensota fuula isaa irratti akka “iddoo hin qabne” ibsuun, dhaabbatichi “viidiyoolee sukkaneessoo kunneen hatattamaan haquuf cimee hojjechaa jira,” jedheera.

“Bara kana qofa, qajeelfama hammeenyaa fi jeequmsaa keenyaa waan cabsaniif viidiyoota kuma kumaatamaan lakkaa’aman haqne, chaanaalota kumaataman lakka’amanis balleessineerra,” jedha ibsa kanaan.

Telegram gama isaan “ odeeffannoo dhuunfaa fi mirga namooma akka walabummaa haasaa fayyadamtoota isaa eeguu irraatti akka hojjetuu” ibsuun, gulaaltonni isaa “gartuulee dhuunfaa keessa seenuun to’achuu” akka hin dandeenye ibseera.