Galamsootti waraabessi kilinika namaa seene 'lilmoo waraannatee' bahe

Waraabeessa

Madda suuraa, Getty Images

Oduun godina Haarargee Lixaa Magaala Galamsootti kaleessa dhagahame waan mudatee hin beekneefi kan ajab nama jechisiisudha.

Waraabessi silaa halkan deemu guyyaa magaala keessa deemee kilinika dhuunfaa Milkii jedhamu seene.

Isaan bodas waan ta’e oggeessi fayyaa kilinikicha keessa hojjatu akkasiin BBCtti hime.

“Ganama naannoo sa’aatii afurii ni taha yeroon isaa. Ulaan kilinika keenyaa banaa ture. Nutis hojii iyyuu hin jalqabne ture. Waraabessi kun kallattiidhumaan ulaa banaa tanaan seenee kutaa laaboraatoorii seene,” jedha kilinikichaatti Narsii kan tahe Addunyaa Abbaayinah.

"Waraabessa mooraa seene kanas namni gaafa argu namni gariin rifatee ulee itti fudhatee reebuuf ka’e," jedha Addunyaan haala ture wayita ibsu.

Abbaan qabeenya kilinika dhuunfaa kanaa garuu, waraabeessa kana namoonni akka hin reebne dhorkuus hima.

“Naannoo sa’aatii shanii ta’u mooraa kilinikaa namni guutee ture. Yeroo kana warra poolisii tiraafikaa naannoo sana jiran waamnee uummanni akka tasgabbaahu ta’e,” jedha Addunyaan.

Waraabessichi erga kutaa laaboraatoorii seenee mataa isaa buuseetuma maramee ciise kan jedhu oggeessi fayyaa kun, haalli isaa kan dhukkubsate malee waan miidhaa namarraan gahuuf deemu hin fakkaatu ture jedha.

“Waraabessi kun dhukkuba akka qabaachuu malu shakkine. Isaan boodas warra ogeessa fayyaa beelladaattan bilbile. Innis dhufee lilmoo ‘Antirabies’ jedhamu kennaafii jedhe. Sana booda qoricha kana faarmaasii deemee biteen suuta jedhee lilmoodhaan waraane,” jedha Addunyaan.

Waraabeessa kilinika seenee cise
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sa’aatii tokkoofi walakkaa kilinika kana keessatti akka dabarse kan dubbatu Addunyaan, waraabessichi lilmoo waraannatee daqiiqaa 20 booda ka’ee deeme jedha.

“Waraabessi kun dhukkubsataa waan fakkaatuuf nuti kutaa duwwaa tokko keessa galchuuf ture. Garuu akka nuti yaanne hin taane. Inni lilmee waraannatee jennaan bakka ciisee jiru sanaa ka’eetuma bahee deeme,” jedha Adunyaan.

Waraabessi kilinika namaa dhufee lilmee waraannate kunis erga kilinikichaa bahee deebi’ee hin dhufnes jedhan haala taatee sanaan booda jiruu yoo himan.

Kutaa laaboraatoorii waraabessi seenee keessatti lilmee waraannate kanas qulqullina barbaachisu erga godhameen booda kilinikichi hojii idileesaa, yaala namaa itti fufuus hima.

Kana dura taateen akkanaa naannoo sanatti dhagahamees mudatees akka kan hin beeknee fi inni kun namoota naannoos hedduu akka ajab akka jechiisise dubbata oggeessii fayyaa kun.

Magaala Harariitti yeroo baayyee namoonni waraabeessaaf foon laachuun akka hawwata turistiitti yoo itti fayyadaman dhagahama.

Dhiyeenyuma kana ammo Buraayyuufi Finfinnee fa'aatti waraabessii nama nyaachuun isaa ni yaadatama.