Buraayyutti dargaggoon waraabessi miila isaa lamaan nyaate maal hima?

Biraanuu Dhaabaa

Madda suuraa, Xannaa Tamasgeen

Dargaggoo Birhaanuu Dhaabaa torbee darbe Hagayya 10, 2022 halkan naannoo sa’aa 4:00 tti mana maatii isaa magaala Buraayyuu ganda Lakkuu Kattaatti argamuu bahee gara magalaa Mojoo deemuuf imala eegaluu hima.

“Manni ani gaafas itti ture Kattaa gubbaarra. Gara Mojoo deemufin ture. Geejibni yeroo sana hinjiru waan tureef karaan miilaan gara Askootti nama ceesistu jirti ture. Karaa sanarra osoon imalaa jiruuti kun kan na quunname” jedha.

Sa’aa sanaan gara magaala Mojoo maalif imaluuf akka yaade kan gaafanne dargaggoon kun borumtiisaa ganama hojii seenuu waan qabuuf sa’aa sanaan imaluuf akka dirqame hima.

“Konkolaataa fe’umsaa halkan deemutu jira. Isa sana Wingeet dhaqeen qabadha jedheen deemaa ture” jedha.

Haa ta’u malee dargaggoon kun iddoo yaade osoo hin gahin naannoo Caffee jedhamuun beekamutti balaan miilasaa lamaan isa dhabsiise isa mudate.

“Irraan gadee deemaan jira. Bineensi fuldurakoo darbaa jira” kan jedhu dargaggoo Birhaanuun karaarratti waraabessa tokko arguu hima.

“Tokkichuman arge. Ergasii wantan ta’e, taatee narratti raawwate hin beeku. Borumtiisaa gaafa Kamisaa sa’aa 5:00 irrattin hospitaalatti of beeke” jedhe.

“Yemmuun of baru ciiseen jira, dhaqni koo guutuun dhumeera. Jilba kootii gaditti jechuudha. Maatiinkoos na bukkee dhaabbatanii turan” jedha dargaggoon kun.

Dargaggoo Birhaanuun guyyaa Kamisaa wayita of barutti miilli inni tokko koronyoodhaa gadi guutumatti cite kan ture fi milli inni biraan immoo koronyoo biratti cite gogaa qofaan rarra’ee akka ture hima.

“Lukni bitaa koronyoodhaa gadi hinjiru ture. Luka mirgaakoorra immoo gogaan qabatee jira. Ilaallaan nan nahe. Maatiinkoo nabira jiran na tasgabbeessan” jedha.

Waraabessi miilasaa lamaan dabalataan harka fi dugdasaa irrattis midhaan qaqqabsiisuu kan himu dargaggoon kun “kan harka kootii ilkaanin akka ciniiname ni beeksisa. Kan dugdakoo mirgaarra jirus ilkaan ta’uunsaa ni beeksisa.

Lapheekoo immoo kan lafarra na harkise natti fakkaata, waan qunca’ee qaba” jedha.

“Akka hin duuneef miilli isaa muramuu qaba jedhan…”

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dargaggoo Birhaanuu Dhaabaa Kamisa Hagayya 11, 2022 hospitaala keessatti erga ofbaree booda miillisaa miidhame lamaan jilbaa gaditti muramuu akka qabu ogeeeyyii fayyaan itti himamuusaa dubbata.

“Manni yaalaa gara sammuutti akka hin deemneef yookiin dhiignisaa dhangala’ee akka hin duuneef muramuufii qaba jedhan. Kutaa yaalaa na geessanii narraa muran. Lachuu jilbaa gaditti murame” jechuunis hime.

Yeeroo ammaa magaala Finfinnee Hospitaala 'AaBET' keessatti wal’aansarra kan jiru dargaggoon kun, balaan kun erga irra gaheen booda eenyu gara hospitaalaa akka isa geesse waan beeku akka hin qabne hima.

Odeeffannoon hojjettoota hospitaalichaarraa itti himame konkolaataa ambulaansiin fidamuusaa akka ta’e dubbata.

“Ijoolleen na arganii dhufan oduudhumaan ‘buufata fayyaa Buraayyuu si geessinee achirraa deebisnee ambulaansiin sifudhatee Abeetiin (hospitaala) sifide’ kan jedhudha” jedha.

Odeeffannoon BBCn Poolisii magaala Buraayyuu irraa argate immoo dargaggoo Birhaanuu Dhaabaa miidhaa waraabessaan irra gahaa turerraa birmannaa qaamolee nageenyaan lubbuun isaa baraaramuu mul’isa.

Poolisii Buraayyuutti Abbaa Adeemsaa Kutaa qorannoo yakkaa aanaa tokkoffaa kan ta’an Inispeektar Malkaamuu Asaffaa guyyichatti halkan tilmaamaan naannoo sa’aa 6:30 eeruun milishoota biraa isaan qaqqabuu himan.

“Gaafa nuyi deemnu miilasaa tokko guutumaan guututti irraa nyaatee fixeera. Miila lammaffaa immoo foonsaa nyaate. Cinaachasaas karaa duubaas irraa cuffateera” jedhan.

Poolisootni wayita iddicha gahanis sagaleen waraabessaa dhagahamaa akka tures kan himan Inispeektarichi, dargaggoo Birhaanuu konkolaataa poolisiin mana yaalaa dhiyeenyatti argamutti geessuu isaanii fi sana boodas gara hospitaalaa akka deemu deeggarsa gochuu isaanii himu.

Gara Poolisii Buraayyuu erga dhufanii yeroo gabaabaa ta’uu kan himan Inispeektar Malkaamuun magaalichatti taateen akkanaa darbee darbee akka mudachaa ture odeeffannoo akka qaban himaniiru.