Itoophiyaan hayyama tajaajila telekoomii dabalataa kennuuf waamicha dhiyeessite

Madda suuraa, Getty Images
Abbaan Taayitaa Telekomunikeshinii Itoophiyaa dhaabbileen damee tajaajila telekoomii biyyattii irratti hirmaachuuf fedhii qaban fedhiisaanii akka beeksiisaniif waamicha dhiyeesse.
Itoophiyaan damee telekoomii dhaabbilee dhunfaafi biyya alaatiif banaa gochuuf waggootaan dura haaluma murte taasiseen, dameen Itiyoo-teelekoom mootummaan qabamee ture banaa taasisuu beeksiisuun isa ani yaadatama.
Haaluma kanaanis ‘‘Gamtaan Walta’insa Idil-addunyaa Itoophiyaa SafarCom’n durfame, yeroo jalqabaatiif hayyama argatee bara darbe tajaajila telekoomii kennuu eegaleera.
Abbaan Taayitaa Telekomunikeeshinii biyyattii Safaricomtti aansee, kaampaaniiwwan tajaajila telekoomii irratti Itoophiyaa keessatti hojjachuuf fedhii qaban gaaffii akka dhiyeessaniif waamicha taasiseera.
Abbaan Taayitichaa waamicha Jimaata Waxabajjii 30, 2023 ifatti dhiyeesseen, gaaffiiwwan kaampaaniiwwan damee kanarratti hirmaachuuf gahumsa qabaachusaanii agarsiisu hanga torban jalqaba baatii Fulbaana dhufutti akka dhiyyeeffataniif affeeramaniiru.
Waamiichi kan dhiyaateef kaambaaniiwwan damee tajaajila telekoomii sadarkaa idil-addunyaarratti hirmaataniif yoo ta’u, kanneen tajaajiala telekoomii guutuu biyyattiitti kennan ta’us eereera.
Itoophiyaan dame telekoomii wayita jalqabaaf dorgommiif ifa taasiftee hayyamawwan lama kennuuf karoorsite kan turte yoo ta’u, Safarcom’n alattis kaampaaniiwwan haala abbaan taayitichaa barbaaduun dorgomtoota ta’an waan hin arganneef hayyamichi tureera.
Kana malees, sheerii Itiyoo-telecom guddicha to’annoo mootummaa jala jiruu abbootii qabeenyaa dhunfaatiif dabarsuuf karoora qabatee tures tursiisuun isa ani yaadatama.
Itoophiyaatti baroota dheeraaf dame telekoomii dhuunfatee kan ture Itiyoo-Telecomdha. Safaricom dhiheenya gara gabaa Itoophiyaatti seenee tajaajila kennuu kan eegale dhiheenya yoo ta’u, tajaajjilli isaas babal’ataa jira.
Baatii Caamsaa darbees mala Safaricom -M-pesa jedhamuuf maallaqa dadabarsuuf tajaajilu Itoophiyaa keessatti eegaluuf Baankiin Biyyaaleessaa Itoophiyaa hayyama kennee ture.
Dameen telekoomii Itoophiyaatti waggoota 125 oliif mootummaa qofaadhaan to’atamee ture banaa taasisuudhaaf hayyama telekoomii jalqabaa kan kennite wagga laman dura ture.
Caalbaasii damee kanarratti Itoophiyaa keessatti hojjachuuf sadarkaa idil-addunyaatti taasifameenis gamtaan Safaricom Keeniyaa hoogganu doolaara miiliyoona 850 haguuguunsaa ni yaadatama.












