Itoophiyaan hayyama tajaajila maallaqaa moobaayilii biyya alaaf isa jalqabaa Safaricom'f kennite

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan hayyama tajaajila maallaqa bilbilaa kan jalqabaa dhaabbata biyya Keeniyaa Safaricom’f kennite.
Hayyami kunis har’a Caamsaa 11, 2023 tajaajila maallaqa moobaayilii -M-pesa SafariCom’f akka ta’e Baankiin Biyyaaleessaa Itoophiyaa beeksiise.
Hayyamni tajaajila maallaqaa kun kennamunsaa Baankiin Biyyaaleessaa kaayyoo kalaqawwan sirna faayinaansii cimsuufi gabaa biyyattii keessatti hammachuuf qabatee ture kan calaqqisiisu ta’uu bulchaan baankichaa Obbo Maammoo Mihiratuu toora Tiwitara isaanii irratti barreessaniiru.
Sirna bittaa fi gurgurtaa diinagdee maallaqa callaa irratti hundaa’e, haala kanfaltii dijitaalaatiin bakka buusuu fi babal’isuu cimsee akka deeggaru ibsi Baankii Biyyaaleessaa baase eereera.
Itoophiyaan sirnoota faayinaansii dijitaalaa dhiheenya keessa banaa gooteen, tajaajilli baankii karaa mobaayilii, tajaajilli baankii kaardii waggoota dhiyoon asitti saffiisaan babal’ataa dhufuun himameera.
Jijjiramni gama tajaajila faayinaansii dijitaalaatiin Itoophiyaa keessatti mula’taa jirus sirna faayinaansii saffisaan guddataa jiru, si’omaa, kan nageenyisaa eegameefi iftoma kan qabu akka taasisuu himameera.
Sirni maallaqa karaa mobaayilitiin daddabarsu M-pesa jedhamu Keeniyaan waggoota 14 dura eegalte, ammatti jiraattoonni biyyattii parsanataa 72 ol ta’an ittiin fayyadamaa jiraachusaanii maddi marsariitii Oksi jedhamurra argame ni mul’isa.
Biyyoota torba keessatti tajaajila kana kennu M-pesa’n maamiltoota miiliyoona 42 fi bakka bu’oota kuma 400 qabaachutu himame.
Keeniyaatti oomishi biyyattii waliigalaa (GDP) parsatanaa 50 ta’u karaadhuma sirna kanaatiin socha’aa jira.
Itiyoo-Telecom ammoo mala maallaqa fudhachuu, erguu, bittaafi tajaajila kanfaltii raawwachuufi akkasumas biyya alaarraa maallaqa fudhachuuf dandeessisuu ‘Tele Birr’ waggaa lamaan dura eeegale.

Madda suuraa, National Bank of Ethiopia/Twitter
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tajaajila maallaqaa karaa moobaayilaatiin Itoophiyaatti baankiiwwaniifi dhaabbilee wal fakkaatan qofaatti kennamaa ture, irratti fooyya’insa taasisuudhaan tajaajila Itiyoo-Telecom kennuun alaatti amma sirna faayinaansii keessatti hirmaachuun eegalameera.
Kanaan dura Baankiin Biyyaaleessaa ALI Bitooteessaa fi Adooleessa 2012 keessa haala kanfaltiin itti raawwatamuufi tajaajiloota hogganu irratti qajeelfama lama baasee kan ture yoo ta’u, damee kanaan dura baankootaafi dhaabbilee maayikro faayinaasitiif qofa cufamee ture dhaabbilee kaaniif banaa taasiseera.
Paarlaamaan biyyattiis bara darbe keessa fooyya’insa labsii sirna kanfaltii biyyaaleessaa kan raggaasisee yoo ta’u, kanaan alattis kaampaaniiwwan biyya alaas akka hojiiwwan sirna kanfaltii keessatti hirmaataniif karra baneera.
Keeniyaatti dhaabbanni telecom guddichi Safaricom, Itoophiyaatti tajaajila kennuu kan eegale Fulbaana darbe keessa ture.
Itoophiyaatti dhaabbilee miisoomaa waggoota 125 oliif mootummaa qofaadhaan qabamanii turan keessaa tokko kan ta’e dameen telekoom dhaabbilee biyya alaatiif banaa gochuun hayyama kan kennite waggaa lamaan dura ture.
Caalbaasii idil-addunyaa gabaa telecom Itoophiyaa keessatti hirmaachuuf taasifameenis gamtaan dhaabbilee Safaricom Keeniyaan durfamu doolaara miiliyoona 850n injifachuunsaa ni yaadatama.












