Itoophiyaan liqaa Chaayinaa doolaara bil 5.38 'hamma tahe' yuwaaniin kaffaluuf marii'ataa jirti

Madda suuraa, Ethiopian Embassy Beijing
Itoophiyaan liqaa doolaara biiliyoona 5.38 Chaayinaaf kaffaluu qabdu keessaa hanga tahe maallaqa biyyatti yuwaaniin deebisuuf marii'achaa jirti.
Adeemsa kanaaf Itoophiyaan fakkeenyummaa Keeniyaa kan hordofte yoo tahu, qaama tattaaffi qarshiin Chaayinaa sadarkaa idil-addunyaa akka qabaatu taasisuus akka tahe Biluumberg gabaasa Onkololeessa 19,2025 baaseen ibseera.
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa, Obbo Iyyoob Takkaalinyi baatii darbe daawwannaaf yeroo Beejiing deeman dhimma kaffaltii liqaa kana gara yuwaanitti geeddaruu baankilee Chaayinaa lama waliin marii'achuu isaanii Biluumbarg himeera.
Jilli Ministira Maallaqaa Itoophiyaa Obbo Ahmad Shideen durfamu kora Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa US, Onkololeessa 17, 2025 Waashingitanitti taa'amerratti hirmaateera.
Mariin kun yeroo murteessaa Itoophiyaan liqaa gurgurtaa boondii irraa argatte yeroo jedhametti deebisu didde jedhamuun muddama keessa jirtutti gaggeeffame.
Tibbana liqeesitoonni ishee Itoophiyaa waliin waliigalteerra gahuu dhabuun filannoo seeraa ilaalla jedhanii ture.
Af gaaffii Onkololeessa 17, 2025 kora waggaa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa Waashingitanitti kennaniin geeddaraa maallaqaa kana ifatti Chaayinaa gaafachuu bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa himan.
Obbo Iyyoob, ''Chaayinaan ammatti michuu keenya ishee ijoo dha, hammi daldalaafi invastimantii biyyoota lamaanii guddachaa jira,'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haala kanaan geeddaraa maallaqa daldalaa mijeessuun dabalataan, ''waan kana (qarshii liqaa) doolaaraan ture yuwaanitti geeddaruun kaffaluu'' waan irratti hojjechaa jiru dha jechuun, ''ifatti gaaffii dhiyeessineerra,'' jedhan.
Baankileen Chaayinaa People's Bank of China fi Export-Import China irraa dhimma kanarratti ammatti waan dhagahame hin jiru.
Itoophiyaan liqaa ishee qarshii Chaayinaa yuwaanii kaffaluuf gaafachuun biyyoota kanneen akka Keeniyaa, Haangarii fi Shiriilaankaa fa'itti dabalamteetti.
Gabaan liqaa ammallee doolaaraan kan qabame tahus Chaayinaan qarshiin ishee akka addunyaatti faayidaarra akka oolu gumaachi taasisaa jirtu guddataa dhufeera jedha gabaasni Biluumberg.
Liqaa biyyootarra doolaaraan jiru gara kaffaltii dhala gad-aanaa tahetti geeddaruun, ''qaama tarsiimoo bal'aa Chaayinaan qarshii ishee(yuwaan) akka addunyaatti fudhatama akka argatu gochuuti,'' jechuun bulchaan Baankii Biyyaalessaa Afrikaa Kibbaa Leseetjaa Kanyaagoo dubbachuu Biluumberg ibseera.
Obbo Iyyoob ''haala kanaan qarshiin ni qusatama,'' kan jedhan yoo tahu biyyattiin maallaqa liqaa hangam yuwaaniin geeddartee kaffaluuf akka karoorsaa jirtu garuu hin himne.
''Mariin taasisaa jirru abdachiisaa dha garuu ammallee sadarkaa jalqabararra jira,'' jedhaniiru.
Itoophiyaan miseensa garee BRICS yoo taatu gareen biyyoota kanneen akka Raashiyaa, Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaa qabatee jiru dhimma ''hirkattummaa doolaaraa hir'suu,'' jedhu irratti marii'ataa ture.
Gama biraan Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa waliigalteewwan akkasii gaarii tahanillee biyyooti Afrikaa harka jireessaan Chaayinaarraa liqqeeffatan shan ykn jaha hin caalan jedhe.
Afrikaatti Daarektarri Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa, Abbaba Sillaasee, ''adeemsi kuni qarshii guddaa akka hambifataniifi kanaanis kaffaltiin liqaa isaanii akka hir'isu gochuun biyyoota kanneen akka Keeniyaafi kaan adeemsa kana hordofuu barbaadaniif waan gaarii dha,'' jedhan.
Keeniyaan haala kanaan liqaa kaffaltuun waggaatti doolaara miiliyoona 215 akka hambifattuu ishee gargaara jedheera mootummaan biyyattii.
Bara 2024tti Chaayinaan Itoophiyaa irraa liqaa biiliyoona 5.38 kan qabdu yoo tahu gabaasa IMF baaseen biyyattiin bara 2023 liqaa biiliyoona 15 liqeessitootaaf deebisuu hin dandeenye.
Onkololeessa 14, 2025, mariin liqaa Itoophiyaan osoo hin kaffaliin hafte irratti xiyyeeffachuun Ministeera Faayinaansii Itoophiyaa fi koree liqeessitootaa gidduutti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumurameera.
Itoophiyaan liqaa boondii Yuuroo miliyoona tokko tahu osoo hin kaffaliin haftee ture.
Ministeerri Faayinaansii Itoophiyaa mariin gaggeessaa ture ''sadarkaa gaarii irra gaheera'' jedhus koreen liqeesitootaa garuu ''waliigalteerra hin geenye'' jedhan.
Koreen kun Itoophiyaa ''seeraan gaafachuu'' akka malan himan.
Dhimma kanarratti Obbo Iyyoob, ''marii akkaan jabaa tahe taasisne, qabxii waliigaluu hin dandeenyerra geenyeerra hin jedhu.
Waan gara fuulduraatti tarkaanfatuufi abdachiisaa dha. Yeroo dhuftu waan kana marii'achuu jalqabnaan, itti xumuruufi,'' jedha.












