Liqeessitoonni Itoophiyaa biyyattii 'seeraan' gaafachuu malla jedhan

Magaalaa Finfinnee

Mariin liqaa Itoophiyaan osoo hin kaffaliin hafte irratti xiyyeeffachuun Ministeera Faayinaansii Itoophiyaa fi koree liqeessitootaa gidduutti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumurameera.

Itoophiyaan liqaa boondii Yuuroo miliyoona tokko tahu osoo hin kaffaliin haftee ture.

Ministeerri Faayinaansii Itoophiyaa mariin gaggeessaa ture ''sadarkaa gaarii irra gaheera'' jedhus koreen liqeesitootaa garuu ''waliigalteerra hin geenye'' jedhan.

Koreen kun Itoophiyaa ''seeraan gaafachuu'' akka malan himan.

ALI bara 2007 keessa Itoophiyaan boondii waggaatti dhalli isaa %6.625 tahee fi waggaa 10 keessatti deebistee kaffaltu gurgurte.

Mootummaan waggaatti yeroo lama dhala isaa kaffaluufii qaba ture. Kunis A.L.I ji'a Waxabajjii fi Muddee keessa kaffalamaa kan ture yoo tahu hanga bara 2015tti haaluma kanaan kaffalaa turte.

Bara 2016 jalqabee garuu mootummaan kaffaltii dhalaa irraa eegamu raawwachaa hin turre.

Akkasumas, boondichi guutummaatti Mudde bara 2017 darbe kana kaffalamee raawwatamuu qaba ture. Kunis hin taane.

Itoophiyaan haala kaffaltii itti raawwattuu fi yeroo isaa irratti liqeessitoota waliin marii gaggeessaa turte.

Marii tibbana liqeessitoota waliin Faransaay, Paarisitti gaggeeffame irratti gareen Itoophiyaa dhaabbata gorsa seeraa kennu, Waayit and Keez jedhamuu fi Laazaard jedhamu qabachuun dhiyaatan.

Koreen liqeesitootaas gorsitoota seeraa isaanii qabatanii dhiyaatan.

Itoophiyaan liqeessitoota ishee haala wal fakkaatuun keessummeessuu irratti ejjennoo dhaabbataa qabdi.

Haala kaffaltii liqaa kana dursitee kan dhiyeesite Itoophiyaa yoo tahu koreen liqeesitootaas kan isaa dhiyeeffateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan Itoophiyaa haalaa fi yeroo kaffaltii liqaa irratti haala mijataan akka uumamuuf karaa gaggeesitoota G20 marii gaggeessaa ture.

Kana dura mootummaa Chaayinaa waliinis haaluma kanaan waliigaleera. Kanaaf Itoophiyaan liqeesitoota ishee haala wal fakkaataan keessummeessuu akak barbaaddu ibsite.

Mootummaan Itoophiyaa dhala liqeesitoota isarra jiru kaffaluu tursiisuu kan barbaadeef ''waliigalteen liqeessitoota kaan waliin qabu balaa irra akak hin buuneefi karaa wal fakkaataan keessummeessuu waan barbaaduufi.''

Itoophiyaan liqeesitoonni ishee kaan yeroo boqonnaa akka kennaniifi gaafattee waliigaltee ture.

Mariin waliigaltee malee xumurame kun torban sadii fudhate. Ministeerri faayinaansii Itoophiyaa waliigalteerra gahamuu baatus ''fooyya'insa guddaa'' akak galmaa'e amanna jedhe.

Itoophiyaan garaagarummaa gidduu isaanii jiru dhiphisuuf marii itti aanu gaggeessuuf balballi ishee bana atahuu himte.

Koreen kun ammoo Itoophiyaan karoora qabatte kan fooyyesitee dhiyaattu yoo tahe marii biraa taa'uuf qophii tahuu ibseera.

Ha atahu malee, koreen kun waliigalteerra gahuun waan hin danda'amneef 'filannoo seeraa ilaalla'' jechuu isaanii Rooyitarsi gabaaseera.

Karoorri Sirreeffama haaraa Itoophiyaa maal ture?

Ministeerri Maallaqaa mariin kun waliigaltee malee xumuramuu ilaalchisee ibsa fuula 14 qabu baase keessatti, karoora sirreefama liqaa jila Itoophiyaa fi koreen liqeessitootaan dhiyaate of keessaa qaba.

Akka Ministeerri Maallaqaa jedhutti, abbootiin liqii haal-duree sirreeffam haaraa Itoophiyaan dhiheessite baay'inaan kan fudhatan yoo ta'u, gariin ammoo sirreeffama guddaa barbaadaa jiru.

Qabxiilee Ministeerri Maallaqaa dhiheesse keessaa tokko; gatii boondii doolaara biiliyoona 1 hir'isuudha. Hir'inni kunis kan hojiirra oolu gatiin boondii biyyoonni gabaa keessatti dhiyeessan yeroo hir'atudha.

Itoophiyaan gatii boondii doolaara biiliyoona 1 irratti hir'ina dhibbeentaa 15 gaafatte. Akkasumas maallaqni waliigalaa liqeessitootaaf deebi'uu qabu doolaara miiliyoona 850 dha.

Akka karoora liqii kennitootaaf dhiyaateen mootummaan dhala doolaara miiliyoona 99.3 Muddee 2016tti kuufame kaffaluu isaa dura waliigaltee boondii haaraa irra gahuu barbaada.

Mootummaan Itoophiyaa yeroon boondii Muddee ALI 2017 guutumatti deebi'uuf ture dheeressuuf waliigaltee haaraa gaafate

Ministeerri Maallaqaa waliigaltee boondii haaraan kun Amajjii 2018 irraa eegalee hojiirra kan oolu yoo ta'u, waggoota sadii booda, bara 2021 xumurama.

Waggoota kanneen keessatti doolaara miiliyoona 850 kutaa sadiin kaffaluuf yaadde

Kutaan jalqabaa doolaara miiliyoona 350 bara kana ji'a Adoolessa keessa kan kaffalamu ture.

Maallaqni wal fakkaataan kutaa lammaffaan ammoo ji'a Adooleessa 2020 kan kanfalamu yoo ta'u, kan hafe birrii miiliyoona 150 ammoo ji'a Adoolessaa 2021 keessa kan kaffalamu ta'a.

Liqeessitoonni waggoota waliigaltee boondii haaraan hojiirra oole keessatti dhala ni argatu. Haa ta'u malee mootummaan dhala waggaa amma jiru dhibbeentaa 6.625 hir'isuu barbaada. Dhala haaraa Ministeerri Maallaqaa dhiyeesse dhibbeentaa 6.125 ta'a.

Akka karoora Ministeerri Maallaqaa Itoophiyaatti bara 2019 hanga 2028tti waggoota sagal keessatti raawwiin al-ergii waggaa waggaadhaan tilmaama Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) yoo caale maallaqa dabalataa liqeessitootaaf kan kaffaltu ta'uu ibsameera.

Maallaqni waggoota kanneen keessatti liqii kennitootaaf kaffalamuu qabu galii dabalataa al-ergii irraa tilmaamaan dhibbeentaa 1.5 ta'a. Haa ta'u malee, Ministeerri Maallaqaa bara baajataa tokko keessatti maallaqa kana gara doolaara miiliyoona 30tti daangeessuuf karoorfateera.

Akkasumas waggoota sagal keessatti walumaa galatti doolaara miiliyoona 180 daangaa qaba.

Malli lammataa mootummaan Ityoophiyaa yaada dhiheesse bara baajataa 2020tti raawwiin al-ergii biyyattiin galma kaa'amee gadi yoo ta'e Itoophiyaan kutaa sadaffaa doolaara miiliyoona 150 hir'isti.

Raawwiin al-ergii biyyattii dhibbeentaa 95 gadi yoo ta'e mootummaan kutaa dhumaa gara doolaara miiliyoona 100tti ni hir'isa. Raawwiin hojii dhibbeentaa 85 gadi yoo ta'e doolaara miiliyoona 50 qofa kaffala.

Koreen abbootii liqaa bakka bu'an waliigaltee boondii haaraa Itoophiyaan yaada dhiheessite fudhachuun isaa ni yaadatama.

Koreen kun yeroon kanfaltii boondii hanga bara 2021tti dheereffamuu, liqiin kun kutaa sadiin akka deebi'u, dhala gara dhibbeentaa 6.125tti akka gadi bu'u fudhateera.

Karoorri gatii boondii dhibbeentaa 15'n hir'isuuf qophaa'e jalqaba irratti mormii kan ture yoo ta'u, boodarra fudhatama argateera.

Koreen kun haal-duree kaffaltii raawwii al-ergii waliin walqabatee karoora Itoophiyaa keessatti hammatamanis qajeelfamaan kan fudhate yoo ta'u, hojiirra oolmaa isaanii irratti garuu sirreeffama mataa isaa taasiseera.

Raawwiin al-ergii karoora yoo caale maallaqni liqeessitootaaf kaffalamu al-ergii dabalataa keessaa dhibbeentaa 4.75 akka ta'u koreen kun gaafateera. Karoorri kun yaada koreen kun dhiheesse dachaa lamaa ol ta'a.

Akkasumas, malli kun bara baajataa darbe ALI 2017 irraa eegalee duubatti deebi'ee hojiirra ooluu fi hanga bara 2028tti waggoota 11'f akka itti fufu gaafataniiru.

Itoophiyaan bara 2017 galiin al-ergii argatte Doolaara biiliyoona 8.3 yoo ta'u, baajata mootummaa irraa dhibbeentaa 82'n dabaleera.

Liqeessitoonni kunneen raawwii karoora armaan olitti bara 2017 galmaa'eef kaffaltiin dabalataa doolaara miiliyoona 65 akka ta'u kan barbaadan yoo ta'u, kunis daangaa waggaa doolaara miiliyoona 30 Ministeerri Maallaqaa kaa'e dachaa ol akka ta'u barbaadu.

Akkasumas waggoota 11 keessatti maallaqni mala kanaan argachuu danda'an irratti daangaa doolaara miiliyoona 180 Itoophiyaan yaada dhiheessite irraa gara miiliyoona 400'tti akka ol guddatu gaafataniiru.

Koreen liqeessitootaa mala raawwiin al-ergii Itoophiyaa ALI bara2020 gadi bu'aa yoo ta'e hojiirra oolu irratti sirreeffama mataa isaa taasiseera.

Korichi kaffaltii dhumaa gara doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 50tti gadi buusuuf haalduree dhiyaate ka fudhate yoo ta'u, Haa ta'u malee adeemsi kun raawwii alergii waggaa tokko qofa irratti akka hin hundoofne gaafateera.

Sarras fedhii raawwii hojii waggoota afur,kan ALI bara 2017 hanga 2020tti shallaguuf qabu karoora keessatti hammateera