Riifoormii diinagdee Itoophiyaa balaan qunnameera jechuun IMF akeekkachiise

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) riifoormiin dinagdee Itoophiyaan hojiirra oolchite rakkoon isa qunnamaa jira jechuun akeekkachiise.
Itoophiyaan wantoota ijoo sagantaa riifoormii kanaan irraa eegamu galmaan geessuus deeggarsi arjoomtotaa dhibuun yaaddoo ta'u dhaabbatichi ibseera.
Aangawoonni Itoophiyaa waggoota shantama keessa ta'e kan hin beekne riiformii diinagdee haaraa waggaa dura hojiirra oolchaniiru.
Akkaatuma kanaan galiin sharafa alaa dabaluu aangawoonni himaniiru. Haa ta'u malee, oomishi gahaa yoo hin jiraanne dinagdee miidha jedhu ogeeyyiin.
Dhaabbati Maallaqa Addunyaa gabaasa bal'aa baaseen aangawoota Itoophiyaa leelliseera.
Rooyitars akka gabaasetti, mootummaan tarkaanfiiwwan dinagdee kanneen akka deeggarsa mootummaan taasisu adda kutuu, galii biyya keessaa dabaluufi riiformii taaksii taasisuu akka gaaritti eere.
Haa ta'u malee, rakkinootni biroo biratti guddataa jiru jedhe.
Kana yoo eerus gabaan sharafa maallaqa alaa baankiin alatti (gabaa gurraachaa) guddachuu, haala rakkoo nageenyaa amansiisaa hin taane fa'i eere.
Kunneenis, guddinaaf danqaa ta'uu mala akkasumas akkaataa liqiin deebi'uurratti xaxaa uumuu malaa jedheera.
Wanti gaarii maali?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaan waggaa darbe baatii Mudde keessa biyyoota Afrikaa liqii ofirraa kaffaluu dhaban jedhaman keessaa tokko taateetti.
Haa ta'u malee, aangawoonni Itoophiyaa liqii erga takkaa kaffaluuf jecha tarkaanfii fudhatan malee liqaa kaffaluu dadhabanii akka hin taane dubbatani.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dhihoo Paarlaamaatti yeroo dubbatanitti, biyyattiin gara fooyya'iinsa maakiroo ikoonomii akka galtuuf kan godhe caba dinagdee suphuuf tahuu himaniiru.
Cabni kuni hojii dhabdummaa, qaala'insa gatii akkasumas daldalli madaallisaa wal-caaluun ibsamuu danda'a jedhan.
Dhimmooti biroo fooyya'insi kuni akka taasifamuuf sababa tahan, daldalli dhuunfaa dammaquu dhabuu fi mijuu dhabuu, qonnaafi indaastiriin oomishtummaa gabaa irratti dorgomaa tahuu dhabuu eeraniiru.
Sirni daldalaa addunyaa jeeqamuun akka isa mudateef guddinni addunyaa gad bu'aa jiraachuu kan himan MM Itoophiyaa guddina waliigalaa 8.1 galmeessiteetti jedhaniiru.
Dhaabbanni maallaqaa IMF biyyoota Sahaaraan gadi jiran keessatti ''guddinni 4.8% galmaa'a jedhee tilmaamus, biyyooti kunneen guddina 3.8 kan galmeessan yoo tahu, Itoophiyaan biyyoota Sahaaraan gaditti guddina olaanaa galmeessite,'' jedhan MM Abiy.
Bara kanas mootummaan isaanii guddina 8.4% galmeessuuf hojjechaa akka jiru himan.
Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa qaala'iinsi jireenyaa itti cimeefi liqaan baay'ee irra jiru keessaa tokko.
Keessumaa biyyattiin walitti bu'iinsa yeroo dheeraaf keessa jirtuufi gatiin meeshaalee sadarkaa addunyatti dabalaa deemu irraa kan ka'e dinagdeen ishee qormaata keessa galeera.
Hanguma dinagdeen biyyatti tasgabbii dhabaa deemu ammoo humni biyyattiin liqaa kana dura irra kuufame ofirraa kanfaluuf qabdu dadhabaa deemuun, liqaa dabalataa keessa akka galtu ishee dirqamsiisa jedhu xiinxaltoonni.

Madda suuraa, Getty Images
Oomisha waliigalaa biyya keessaa keessaa waggoota kudhan dura qoodi deeggarsa alaa 12% ture, amma garuu 4% gadi ta'u gabaasi Rooyitars agarsiisa.
Waggaa kana keessa lammiilee Itoophiyaa shan keessaa tokko gargaarsi namoomaa akka barbaachisuun IMF ibseera.
Itoophiyaan gatiin sharafa alaa gatii gabaan akka murtaa'u gochuun akka gaaritti ka'us, rakkoowwan bu'uuraa hin furamne jiru jedhameera.
Fakkeenyaaf gurgurtaa sharafa alaarratti taaksiin 2.5% jiraachuun, gatiin maallaqa walii ergan guddatuufi kaan akka jiru Rooyitars gabaaseera.
Kunimmoo hamma gatii sharafa alaa gabaa gurraacharra jiru 15% guddise jedhe IMF.
Qaala'iinsi gatii yeroo eegamerra dursee gad cabuus qabeeya dhaabbilee dhuunfaatti dabarsuun harkifatuu, invastimantiin alaa laafuun akka yaaddootti ka'aniiru.
Itoophiyaan al ergiin fooyya'iinsa argamsiisuu eereera.
Itoophiyaan IMF waliin liqaa dolaara biiliyoona 3.4 waliiigalte jala jalaan fudhataa jirti.
Ji'a kana keessas dolaara miiliyoona 262 fudhachuu Rooyirats gabaaseera.
Murteen sharafa alaa maal buuse?
Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa ALI Adoolessa 22, 2016 sirna bulchiinsa sharafa alaa irratti fooyya'iinsa taasisuun bittaafi gurgurtaan sharafa alaa gabaadhaan akka murtaa'u taasiseera.
Murteen Baankii Biyyaalessaa kunis diinagdee Itoophiyaarratti abdii fi yaaddoo cimaa uumee ture.
Yaaddoowwan ijoo ka'aa turan keessaa tokko ammoo murteen kun qaala'iinsa gatii gateettii lammiilee biyyattii dadhabse caalmaatti ni miidha kan jedhu ture.
Keessattuu ammoo miidhaan kun lammiilee galii gadi aanaa qaban irratti akka cimu kan yaadda'anis heddu turan.
Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaafi gorsaa diinagdee Magaalaa kan ta'an Dr. Tashoomaa Tafarraa, murteen Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa waan buusees waan miidhes qaba jedhu.
"Rakkoolee diinagdee keessatti fide keessaa inni guddaan jireenya harka qalleeyyii baay'ee miidhee jira.
''Kana jechuunis wantoonni namoonni fayyadaman kan biyya alaatii galan akka gatiinsaanii mi'aawu taasiseera" jedhu Dr. Tashoomaan.
Faayidaa isaa yoo eeran immoo "Daldalli al-ergii biyyattii waggoota hedduuf baay'ee xiqqaa ture, (galiin waggaatti al-ergiirraa argamu) doolaara biliyoona afur darbee hinbeeku.
''Erga gatiin sharafa alaa gabaadhaan murtaa'uu eegalee al-ergiin bunaa doolaara biliyoona tokko caalee hinbeeku. Barana garuu ji'oota 9 ykn 10 keessatti doolaara biliyoona lama darbuuf jedha" jedhan.












