Itoophiyaatti sharafni doolaraa ji'oota 10 keessatti dhibbeentaa 128'n dabale

Madda suuraa, Getty Images
Haaromsi sharafa alaa 'gabaatiin durfamu' bara darbe ji'a Adoolessaa keessa erga raawwatamee booda, doolaarri US dhibbeentaa 128 ol dabaleera. Baankiin Daldalaa Itoophiyaa torbee tokko keessatti sharafa doolaara Ameerikaa birrii torbaan dabaleera.
Mootummaan Itoophiyaa ALI Adoolessa 21/2016 Sirni bulchiinsa sharafa alaa haaraa hojiirra oolchuu dura gatiin bittaa doolaara Ameerikaa tokkoo ALI Adoolessa 19, 2016tti birr 57.48 ture.
Itoophiyaan Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa irraa liqii doolaara biiliyoona 10.7 argachuuf waliigaltee taasifameen sharafa alaa gabaa irratti hundaa'e hojiirra oolchuun gatii maallaqaashee hir'isaa turte.
Sirna waggoota kurna hedduuf mootummaan bulchaa ture, gabaa sharafa alaa dhaabbataa ture, gara fedhii gabaatiin hoogganamutti jijjiiruuf murtoon murtaa'eera.
Dandeettiin bittaa birrii Itoophiyaa torban tokko qofa keessatti dhibbeentaa 57n laafaa dadhabuun isaa ni yaadatama.
Jiraattonni fi daldaltoonni yeroo sanatti BBCn gaaffiifi deebii taasiseef, daballii kana hordofuun gatiin meeshaalee fi dhiyeessii baay'ee dabaluu komataniiru.
BBCn sharafa guyyaa guyyaa Baankii Daldalaa Itoophiyaa fi Baankii Daasheen kan sakatta'e yoo ta'u, har'a baankonni lamaan doolaara tokko bitachuuf gara birrii 131 kaa'aniiru, garaagarummaa saantima qofa qabu.
Baankiin Daldalaa Itoophiyaa doolaara Ameerikaa tokko birrii 124n bitee birrii lama itti dabalee gurguraa kan ture. Walakkeessa torbee darbee irraa eegalee birrii afur dabalatee birrii 128 bitaa ture.
Baankichi torbee tokko keessatti birrii torba akka dabalu beeksisee, Doolaara Ameerikaa tokko birrii 131n bitee birrii 133n gurgura.
Baankiin Daashin gama isaatiin Caamsaa 20, 2017 beeksisa marsariiticha irratti maxxanfameen doolaara Ameerikaa tokko birrii 131 fi saantima 80n bitee, birrii 134 fi saantima 50n gurguraa akka jiru ibseera.
Baankiin Biyyaalessaa maallaqa biyya alaa baankotaaf caalbaasiidhaan gurguraa kan jiu yoo ta'u, torban darbe marsaa 6ffaa irratti doolaara miiliyoona 50 dhiyeessee baankonni 14 giddugaleessaan birrii 133 fi saantima 17 fudhachuu isaanii beeksiseera.
Caalbaasii marsaa shanaffaa irratti doolaarri miiliyoonni 60 caalbaasiidhaaf dhiyaatee giddugaleessaan birrii 132 fi saantima 90n gurgurameera.
Mootummaan maallaqa kana laaffisuun gabaa walfakkaataa waliin madaaluuf hojjechaa jira jedhus qaawwi jiru bal'achaa jira. Torban darban keessa gabaa idilee keessatti gatii doolaara tokkoo 124 yoo ta'u, gabaa walfakkaatu keessatti ammoo 154 ture.
Sirna sharafa alaa amma dura turerraa kan ka'e biyya keessa hanqinni sharafa alaa mudachaa akka ture baankichi ibseera. Kun adda durummaan damee dhuunfaa "bakka dhaabbileen seeraan alaa fi daldaltoonni muraasni faayidaa hin malle itti fayyadamaa turan godheera jedheera.












