Itoophiyaan marii faayinaansii Waashingitan DC irraa maal buufatte?

Madda suuraa, Ministry of Finance - Ethiopia
Jilli Ministira Maallaqaa Itoophiyaa Obbo Ahmad Shideen durfamu kora Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa US, Waashingitanitti taa'amerratti hirmaateera.
Mariin kun yeroo murteessaa Itoophiyaan liqaa gurgurtaa boondii irraa argatte yeroo jedhametti deebisu didde jedhamuun muddama keessa jirtutti gaggeeffame.
Tibbana liqeesitoonni ishee Itoophiyaa waliin waliigalteerra gahuu dhabuun filannoo seeraa ilaalla jedhanii ture.
Gama biraan marii jilli Itoophiyaa Waashingitanitti gaggeese bu'a qabeessa tahuu Ministeerri Faayinaansii biyyattii himeera.
Kora jaarmiyaalee maallaqaa addunyaa kana cinaatti Obbo Ahmad Shidee qondaalota Komishinii Gamtaa Awurooppaa fi Baankii Investimantii Awurooppaa waliinis mari'ataniiru.
Gamtaa Awurooppaatti Daarektara Itti Aanaa Michummaa Idiladdunyaa kan ta'an Aadde Marjeta Jager waliin akkaataa nannoo misoomaan walitti hidhuu, sagantaa rifoormii gaggeeffamaa jiru akkamiin akka tumsanii fi karoora misoomaa mootummaaf dursa kennuun akkamiin akka milkeessuun danda'amurratti xiyyeeffachuun mari'ataniiru.
Obbo Ahmad Shidee Baankii Investimantii Awurooppaatti Daarektara Michummaa Idiladdunyaa kan ta'an Aadde Thouraya Triki waliinis mari'ataniiru.
Walga'iisaaniirratti Baankiin Investimantii Awurooppaa sagantaa misooma baadiyyaa Itoophiyaa tumsuuf maallaqa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 110 akka kennu ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministirri Maallaqaa Itoophiyaa Obbo Ahmad Shidee kora Baankii Addunyaa fi IMF cinaatti qondaalota Jaarmiyaa Qindoomina Misooma Maallaqaa US (DFC) waliinis tarsimoo investimantii irratti mari'ataniiru.
Keessattuu ijaarsa buufata xiyyaaraa idiladdunyaa haaraa damee aviyeeshinii Itoophiyaa akkaan babal'isa jedhamee abdatamu maallaqaan tumsuun danda'amurratti, akkasumas galmoota misooma bal'aa irratti xiyyeeffachuun mari'atan.
Qondaalonni gameeyyiin jaarmiyaa maallaqaa Ameerikaas ijaarsa buufata xiyyaaraa Itoophiyaa kanaaf carraawwan tumsa maallaqaa jiran kaasuun irratti dubbataniiru.
Buufati xiyyaaraa haaraan Itoophiyaa kun dandeettii biyyattiin imaltootaa fi kaargoo keessummeessuuf qabdu kan guddisudha.
Saffisa olanaan kan guddatee fi baayyina maamilootaan kan hojiin itti baayyatee jiru buufati xiyyaaraa idiladdunyaa Boolees sababa kanaan hojiin irraa salphata jedhamee abdatama.
Buufati xiyyaaraa Itoophiyaan naannawa magaalaa Bishooftuutti ijaaruuf jettu kun wayita xumuramu Gaanfa Afrikaatti handhuura loojistikii isa guddicha ta'a.
DFCn ijaarsa buufata xiyyaaraa kana gama hedduun akka deeggaru ibseera.
Deeggarsa maallaqaa, wabii investimantii akkasumas jaarmiyaalee dhuunfaa misooma buufataalee xiyyaaraa Ameerikaa keessa jiran waliin qindoomuun deeggarsa dhiheessii meeshaalee, misoomaa, injineriingii fi ijaarsaa akka taasisu ibseera.
Ministirri Maallaqaa Itoophiyaa Ahmad Shidee ''DFC damee misoomaawwan bu'uuraa, keessattuu damee aviyeeshinii kan misooma biyya keenyaa fi dorgommii akka naannawa keenyaatti jiru keessa seenuuf murteessaa ta'etti seenuusaa gammachuun simanna,'' jedhan.
Gareen lameenuu akkaataa pirojektii buufata xiyyaaraa haaraa kana maallaqaan tumsuun danda'amurratti karoora ifa ta'e lafa baasaniiru.
Ministirri Maallaqaa Itoophiyaa marii Global Sovereign Debt Roundtable (GSDR) jedhamurrattis hirmaataniiru.
Mariin kun kora Baankii Addunyaa fi IMF kan bara 2025 irratti gaggeeffame.
Mariin kun Daarektara IMF Kiritaaliinaa Jiyoorjiyeevaa, Pirezidantii Baankii Addunyaa Ajay Baangaa fi yeroo ammaa dursituu kora G20 kan taate Afrikaan kibbaan durfame.
Mariin kun bulchiinsaa fi kaffaltii liqiin walqabatee adeemsa jiruu fi bu'a qabeessummaasaarratti xiyyeeffate.
Marii kanarratti Obbo Ahamd Shidee akka addunyaatti adeemsi liqii jiru akkaataa itti Itoophiyaa tumsaa jiru galateeffataniiru.
Sagantaa waliigalaa G20 jalatti yaada Itoophiyaan dhiheessitu tumsuu isaaf caaseffama liqaa addunyaa galateeffataniiru qondaalli Itoophiyaa kun.
Mootummaan Itoophiyaa haalaa fi yeroo kaffaltii liqaa irratti haala mijataan akka uumamuuf karaa gaggeesitoota G20 marii gaggeessaa ture.
Kana dura mootummaa Chaayinaa waliinis haaluma kanaan waliigaleera. Kanaaf Itoophiyaan liqeesitoota ishee haala wal fakkaataan keessummeessuu akak barbaaddu ibsite.
Mootummaan Itoophiyaa dhala liqeesitoota isarra jiru kaffaluu tursiisuu kan barbaadeef ''waliigalteen liqeessitoota kaan waliin qabu balaa irra akak hin buuneefi karaa wal fakkaataan keessummeessuu waan barbaaduufi.''
Mariin liqaa Itoophiyaan osoo hin kaffaliin hafte irratti xiyyeeffachuun Ministeera Faayinaansii Itoophiyaa fi koree liqeessitootaa gidduutti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumurameera.
Itoophiyaan liqaa boondii Yuuroo miliyoona tokko tahu osoo hin kaffaliin haftee ture.












