Bishooftutti 'shiftoonni waggoota 20'f ummata dararaa turan' ajjeefaman

Akka Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu jedhetti, 'shiftoonni' kuni hawaasa dararaa waan turanif ummanni bahee miira ibsate

Madda suuraa, Bishoftu Communication

Ibsa waa'ee suuraa, Akka Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu jedhetti, 'shiftoonni' kuni hawaasa dararaa waan turanif ummanni bahee miira ibsate

Magaalaa Bishooftuu keessatti 'shiftoonni' yakkoota saamichaa fi ajjeechaa lubbuu raawwachuun yaaddoo uumaa turan tarkaanfii qaamoleen nageenyaa fudhataniin ajjeefamuu bulchiinsi magaalichaa ibse.

Qondaalli magaalichaa Obbo Ibraahim Huseen BBC'tti akka himanitti, namoonni hidhatan kunneen waggoota 20 darban magaalaa keessatti yakkoota adda addaa raawwachaa turan.

Hordoffii qaamoleen nageenyaa taasisaa turaniin erga bakki jiran bira gahameen booda dursaa 'shiftoota' kanaa kan jedhameefi miiltoon isaa ajjeefamuu himan.

Waggoota dheeraaf badii raawwachuun kan himataman namoonni hidhatan kunneen akkamiin waggaa hammanaa to'annoo seeraa jala ooluu dhaban ifa miti.

Dursaan isaanii maqaa masoo ‘misaaw’ jedhamuun kan beekamu Indaalemmaa Ballaxaa fi miiltoon isaammoo Kiruubeel Girmaa akka jedhamaniifi dhukaasa tureen ajjeefamuu dubbatan.

''Qaamoleen nageenyaa hordoffii taasisaa turaniin bakka isaan jiran erga bira gahaniin booda harka akka kennatan gaaffii dhihaateef diduun dhukaasa qaamolee nageenyaa irratti waan bananiif walitti dhukaasa tureen shiftoonni lamaan ajjeefaman,'' jedhan.

Namoonni ajjeefaman kunneen saamichaa fi ajjeechaa meeshaa waraanaatiin deeggarame raawwataa akka turan aangawoonni himaniiru.

Yeroo adda addaatti qaamolee nageenya mootummaarratti osoo hin hafne haleellaa kan raawwatan akka ta’etu himama.

Kana malees abbootii qabeenyaa doorsisuun maallaqa hanga miliyoona tokkootti akka gaafatanii fi kanneen ajaja isaanii fudhachuu didan irratti ajjeechaa raawwachaa turan jedhan.

Qindeessaa garee saamtota kanaa kan ta’e ‘misaaw’ maqaan isaa magaalattii keessatti akkaan kan beekamuu fi sodaa uumaa kan ture akka ta’e qondaalli magaalichaa himaniiru.

Bakka jijijjiiruun hordoffii qaamolee nageenyaa jalaa miliquun waggoota hedduu gocha kanarratti bobba’ee turuu himan Itti gaafatamaan Kominikeeshinii Magaalaa Bishooftuu Obbo Ibraahim.

Poolisiin mana jireenyaa 'shiftoota' kanaatii qawwee, bombii fa'i argatuu hime

Madda suuraa, Bishoftu Communication

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisiin mana jireenyaa 'shiftoota' kanaatii qawwee, bombii fa'i argatuu hime

'Shiftoonni' kunnneen Kibxata darbe Magaalaa bishooftuu kutaa magaala Duukam keessatti maqaa nama biraatiin mana kireeffatanii jiraachaa akka turan barame.

Erga humnoota nageenyaan tarkaanfiin irratti fudhatameen boodas meeshaaleen waraanaa saamichaaf dhimma itti bahan too’atamuus himan.

''Kilaashii tokko rasaasa isaa waliin, shugguxii maakiroofii fi Boombiin harkaa sadii too’atameera,'' jedhan.

Vidiyoon waajjirri kominikeeshinii Bishooftuu fuula Facebook isaarratti ajjeefamuu namoota kanaa ilaalchisuun maxxanse tarkaanfii fudhatameen hawaasni yoo gammadu mul'isa.