Shakkamaan Finfinneetti nagahee sobaa Birrii biliyoona 30 baasu gurgure akkamiin to'atame?

Shakamaa magaalaa Finfinneetti nagahee sobaa gurguruun to'atame

Madda suuraa, Poolisii Federaalaa Itoophiyaa

Shakkamaan nagahee sobaa qopheessuun daldaltootaa fi dhaabbilee adda addaati Birrii biliyoona 30 gurgurachuun shakkame to’annoo jala ooluu poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Oduun kun guyyaa Jimaataa dhagahamuu hordofee dubbii ijoo marsaalee hawaasaa tahuun, namuu "kun akkamiin tahuu male?" jechuun walgaafachaa turan.

Poolisin magaalichaa shakkamaa kana irratti qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu himuun, shakkamaan waraqaa eenyummaa sobaa baasaa akka tures himaniiru.

Dubbii himaan poolisii federaalaa Itoophiyaa Jeeylaan Abdii BBCtti akka himanitti, shakkamaan nagahee sobaa maqaa Salamoon Muluu jedhuun qopheessee akka gurgure himan.

Maqaa Salamoon Muluu jedhu kanaan waraqaa eenyummaa baase. Sana booda ammoo maqichumaan maashinoota kireessuu fi gurguruun kan jedhu eeyyama daldalaa baaasuu himan.

"Maqaa kanaan hojiin daldalaa homtuu hin hojjetamne, meeshaan ykn maashiniin gurgure homaas hin jiru. Garuu nagahee maqaa kanaan qopheessuun daldaltoota adda addaatti akkasumas dhaabbilee adda addaaf gurguraa ture,’’ jedhan Jeeylaan.

Shakkamaan kun magaalaa Finfinnee naannoo Markaatootti yakka kana hojjechuun shakkame.

Markaatoon gabaa guddicha magaalaa Finfinnee keessaa yoo tahu, daddabarsa maallaqaa guddaatu guyya guyyaan achitti raawwata.

Shakkamaan nagahee sobaa kana gara Birrii biliyoona 30tti gurgurachuun shakkame.

Jeeylaan Abdii dabaluun, "namni meeshaa bitu nagahee barbaada. Namni sitti gurgure ammoo nagahee siif kennuu yoo dide nama kana irraa bituun Birrii hanga kanaan bite jechuun gabaasa gochaa turan," jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namni kun meeshaa homaayyuu osoo hin gurguriin nagahee qofa itti barreessee gurguruun Birrii biliyoona 30 walitti qabateera jechuudha jedhan dubbii himaan kun.

"Namootni seera qabeessaan gurguran nagahee siif kennu. Rakkoo hin qaban. Warra nagahee hin kenninetu nagahee akkasii bitee itti fayyadamu," jedhan.

Shakkamaan kun yeroo dheeraaf dhokatee akka ture himuun, qindoomina Biiroon Galiiwwanii magaalaa Finfinnee Poolisii magaalichaa wlaiin tahuun godhaniin to’annoo jala ooluu himan.

Daldaltootni tokko tokko guyyaatti hammam akka gurguran dhoksuun gibira mootummaaf galuu qabu kan burjaajjessan ni jiru.

Jeeylaan Abdii akka jedhanitti gochaan akka kanaa namoota seera qabeessaan hojjetan irrattis dhiibbaa qaba.

‘‘Poolisiin naannessee qorataa jira. Eenyufaatu isa irraa bitaa ture kan jedhu qorataa jira. Qorannoo booda bu’aan akkamii akka dhufu hin beeku," jedhan.

‘‘Maashiniin ittiin hojjechaa ture to‘atamuu kan himan Jeeylaan, Birrii hamma kanaatti gurguratee galii Birrii biliyoona 30 argachuu maashinicha irraa mirkanaa’e," jedhan.

Jalqaba biiroo galiiwwanii irraa eeruun dhufuu kan himan dubbi-himaan kun, sana booda poolisiin federaalaa hordofuun to’annoo jala oolchuu himan.

Erga shakkamaan to’annoo jala oolfamee uummanni eeruu akka kennu gaafannee ragaa baay’een argamaa jira jedhan.

Namni nagahee akkasii fayyadamu faayidaa isaaf hin malle argachuuf itti fayyadamuu danda’a.

Itoophiyaa biyya hanqina sharafa alaa fi qaala’insa jireenyaan rakkachaa jirtu keessatti sharafni gabaa gurraachaa dhaabbachuu hin dandeenye.

Bara 2019 yeroo kantiibaan magaalaa Finfinnee ammaa Ministira Galiiwwanii turan, dhaabbileen 166 gibira dhoksuu fi nagahee sobaa fayyadamuun shakkamuun qorannoon gaggeeffamaa turuu gabaafameera.

Isaan keessaa jalqaba 16 kan tahan to'annoo jala ooluun qoratamaa turuu himame.

Isaan meeshaa homaa osoo hin gurguriin nagahee sobaa fayyadamuun daddabarsa maallaqaa Birrii miliyoona 51 raawwachuu gabaafame.

Itoophiyaatti burjaajii gibiraa fi nagahee sobaa fayyadamuun kun dhagahamus, namootni ykn dhaabbileen gochaa akkanaan shakkaman irratti adabbiin akkamiin darbe kan jedhu yeroo hedduu hin dhagahamu.