Naannoo Amhaaraa Gondaritti Shiftoota imaltoota ugguruun birrii kumaatamaan gaafatan

Kominikeeshiniiniin Godina Gondar Lixaa, itti aanaa hogganaa dhimma nageenya, eegumsaa fi uummataa godinichaa Obbo Areggaaw Azzaanaaw wabeeffachuun naannichatti uggurrii raawwatu ibseera.
Namni ugguramee qarshii 410,000 kanfale bahuu hime tokko rakkoo keessa darbe BBC'f qoodeera.
“Gaafa 16/06/13 ganama naannoo sa’aatii lamaatti konkolataa FSR Shiinfaa irraa gara Ganda Wuhaatti imalaa ture irratti aanaa Matammaa nannoo gaaraa Lamalamii fi gandoota Gubay gidduutti shiiftoonni saamichaa fi yakka ugguruu gaggeessaniiru,” jedhan.
Namootni uggura kana gaggeessan miseensa poolisii tokko ajjeesanii, qabeenya hedduu saamanii namoota ugguran gadhiisuuf maallaqa hedduu gaafachu ibseera.
BBC’n namoota yeroo sanatti ugguraman keessa sadii argachuun haala ture isaan gaafateera.
“Dhaabbiitti nagaggalagalchaa akka garbuutti na tumani”
Namoota ugguraman afur keessa tokko kan ta’e Mallasaa Yene’alem “odeeffannoo waan hin qabneef utuu ani hin deemne ta’e isaanis hin qabaman ture,” jechuun haala ture ibsa.
Namootni uggura kan raawwatan odeeffannoo Wiixata dhufa jedhu kan qaban akka tureefi Wiixata yeroo hafu Kibxata akka isa eegan hima.
Konkolaatonni jaha fuuldura isaani turan dabarsani isaaniin dhabuun isaanii odeeffannoo qabu jedhe akka yaaduuf sababa ta’eera.
“Odeeffannoo cimaa magaalaa Shinfaa keessaa qabu. Manakootiis yeroon ba’u namni na hordofu jira. Nu qabanii konkolaachisaa konkolaataa keessaa erga buusani booda dubartoota duuba sakkata’ee yeroo na dhabu bu’e.
''Yeroo lammataas yemmuu na dhabu bilbilaan gaafate oodeeffanno erga argate na fudhate,” jedha.
Qacaramee akka hojjetu irra deddeebiin itti himus daldalaa ta’uu isaa odeeffannoo akka qaban itti himuun irra deddeebiin isa reeban.
“Konkolaachisichas reebaniiru garuu adda addummaa qaba. Reebichi isaani akka reebichakoo hamaa miti. Daldalaadha maallaqa qaba jedhaniiti,” jedha Mallasaan.
“Sadafiin na rukutaniiru. Kanaratti ammo ulee Leza jedhamu muratanii dhaabbitti gaggalagalchanii na tumani. Jiraminii akka garbuu fi akka nuugiitti?'' jechuun hima.
'‘Waa’eekee odeeffannoo addaa dhaga’aa jirra. Odeeffannoo [daldalaadha. Maallaqa qaba] jedhu qabna ati akkam nu dhoksita? Akkam qacarameen hojjadha jetta. Odeeffannoo nuti qabnu qabeenyichi kankee ta’uu malee qacaramtee bakka buufamtee akka hojjattu akka hin taanedha’' jechuuni kan na reebani jechuun dubbate.
Konkolaataa irraa erga isaan buusanii booda maallaqa, bilbila, qubeelaa fi faaya mormaa dabalatee jalaa fudhataniiru. “Shirrixiikooyyu ‘kan namaati’ jedheen jalaa hambifadhe -guutummaatti kiisiikoo keessatti wanti hafe hin jiru,” jedha.
Konkolaaticha irratti atarri adii hirriyaa isaa fe’amee ture. Midhaanicha hin tuqne. “Odeeffannoon isaanii waa’eekoo malee waa’ee midhaanichaa hin turre. Odeeffannoon magaalaa kanarraa argame akka ani dureessa ta’e ‘maallaqa kan qabu isadha’ jechuun itti himamaa ture,” jechuun ibseera.
Konkolaataa biraa keessa kan ture qondaalli nageenya tokko bakkicha ga’ee yakkamtoota kana waliin dhukaasa banameen uggurtoota kana keessa tokkoo fi qodaalli kun lubbuun isaanii darbeera.
Mallasaan reebicha irra ga’erra kan ka’e dhukkubbii gatiittii fi kalee isaa irra itti dhaga’amuun yeroo ammaa garaa isaan akka ciisu hima.
Guyyoota afur namoota isa ugguran waliin kan ture Mallasaan “bakka bulti hin qabnu. Daandirraa kan bulle. Guyyaa holqa da’oo isaani keessa nu oolchu,” jechuun yaaddannoo isaa hima.
“Isaaniif buddeenii garii ni dhufaafi. Nuuf ammo biddeena gogsame [dirqooshii] kubbaayyaan nuuf kennu. Guyyaatti al tokko irbaataaf kubbaayyaa tokko nuuf kennu,” jedha.
Akka Mallasaan jedhutti bakki uggurtoonni kun jiran hin beekamu ta’us nannoo daangaa Sudaan ta’uu isaani ibsuun maatiitti himaa turani.
Maatii isaa akkanni gadhiifamu yoo barbaadan birria kuma 450 hanga 500 akka kaffalaniif gaafatamaniiru.
Maatiinis dhimmicha seeratti dhiyeessuuf yeroo socho’aa turan odeeffannoon waan isaan ga’uuf maatiin akka kana hin gooneef akka itti himaniif reebamaa turani.
“Gara poolisii deemaa jiru deebi’aa jedhiini. Maaliif deemu? Maal fiduufi? Amma harka keenya keessa jirta. Maal goochuufi? Qamoolee seeraa irraas odeeffannoo qabna. Raayyaa Ittisaa irraa hanga poolisiitti maal gochuuf deemani’' naan jedhani jechuun dubbata.
‘'Deebi’aa na ajjeesuufi'’ jechaa utuun obboleessakootti himuu na reebu jechuun dubbata.
Maatiin isaa waan qaban walitti sassaabanii fi liqeeffatanii birri kuma 410 kaffaluun akkanni gadhiifamu godhaniiru. “Ana qofaafi birriin kuma 410 kan kaffalame. Maatiin dhippachaa turani isa ajjeesna waan jechaa turaniif,” jedha.
Maallaqa kana walitti qabuuf meeshaalee hojiif itti fayyadamu dabalatee meeshaa kuusaa keessa jiru gurguruuf akka dirqame hima.
Dalgiirraa hanga Bahir Daar kan jiran hirriyyoonni isaa,” hanga danda’an maallaqa kennuun waan gargaaranifi maallaqa gaafatame kaffaluun kan danda’ame.
Amma “homaa abdii hin qabu” kan jedhe Mallasaan “waanan yaadu hin qabu tokkoffaan lubbuukoo dhabeera. Lammaffaan hojjedhee nan argadha kaayyoo jedhe hangan hin qabaannetti lubbuun amman jirutti qacaramees yoo ta’e nan hojjadha.
''Hiriyyoonnikoo yoo qabaatan na gargaaru. Yoo hin qabanne qacaramee jiraachuudha murteenkoo” jechuun haala abdii kutannaan ibsa.
Dhimma kanarratti mootummaan xiyyeeffannoo akka gochuu qabu hima. “Boris qacaramee tokko yoo hojii na ajaje akkuma kana ugguramee lubbuukoof gabbaruu malee jijjiramni hin jiru. Mootummaan hawaasichaaf utuu jijjirama fidee gaariidha,” jedha.
Mallasaan miidhaa irra ga’erra bayyaannachuuf wal’aansa argachaa jira.
Bulchaa Godina Gondar Lixaa kan ta’an Obbo Dassaalenyi Xaasaw yeroo gochi ugguraa kuni raawwatetti poolisiin tokkoofi warra uggura gaggeessan keessa tokko ajjeefamuu mirkaneessaniiru.
Namootni yakka ugguraa rawwatan kun kudhan ol ta’u isaanii ibsuun namoota san uggura irraa olchuun akka hin danda’amne ibsaniiru.
Namoota ugguraman gadhisiisuuf duullii gaggeffamu irra darbeeyyuu kanaan walqabatee namootni lama shakkamanii to’annoo jala oolaniiru jechuun BBC'tti himaniiru.
“Qaamoleen fedhii adda addaa qaban kana gochuu akka danda’an ni beekama. Uggurri haaraa miti darbee darbee ji’atti ykn ji’a lamaan namootni ilaalcha farra hawaasaa qaban yakka ugguraa ni raawwatu, lubbuunis badeera.
''Ji’oota booda kun uumameera. Uumamuu hin qabu ture nama gaddisiisu,” jechuun haala nannichaa ibsaniiru.
''Kayyoon uggura kanaa inni tokkoffaa hokkoraa fi jeequmsa uumuu yoo ta’u inni lammataa ammo utuu hin hojjatiin sooramuu waan barbaadaniifi. Yeroo hunda maallaqaa nuu kennaa jedhu,” jechuun dubbatan.
Odeeffannoo namicha ajjeefamerraa argameen uggurri kun kan raawwatame namoota naannichaan ala dhufaniin ta’uu barameera jedhan.
“Duris ergama ormaadha, ammas sanuma. Kun akka hin uumamneef hojjachaa jirra. Tarkaanfiis ni fudhanna.,” jechuun Obbo Dassaalenyi.
Dhimma kana irratti BBC’n Komiishinii Poolisii Naannoo Amaaraa irraa deebii argachuuf yaaliin irra daddeebiin taasise hin milkoofne.













