Afrikaa Kibbaa beeksisuuf Tireevar Nohaaf doolaarri mil 1.7 kaffalamuufi jedhamuun dheekkamsa kaase

Afrikaa Kibbaa akka beeksisuuf komeediyaaniin dhalataa biyyattii badhaasa Emiii mo'ate Tireevar Nohaa, maallqa biyyattii miiliyoona 33 (doolaara miiliyoona 1.7) kaffaluuf yaadni dhiyaate dheekkamsa kaase.

Ministarri Turizimii Afrikaa Kibbaa Paatrishiyaa da Liil Tireevariin viidiyoo beeksisaa daqiiqaa shanii irratti hirmaachisuuf akkasumas kaffaluuf karoorsuu paarlaamaatti himte.

Miseensoti paarlaamaa baayyee yaada dhiyaate yoo morman, Aadde da Liil komeediyaaniin Afrikaa Kibbaa Tireevar Nohaan qarshii uummataa irraa miti kan kaffalamuufi jette.

Maallaqa dhuunfaa Gumii Daldala Turizimii Afrikaa Kibbaa, dhaabbata qaamota imalaa fi turizimii biyyattii bakka bu'u irraati kaffalamaaf jette.

Lammiileen Afrikaa Kibbaa kaanis yaada dhiyaate waan bu'aa hin buusne jechuun kara miidiyaalee hawaasaa mormaniiru.

Kanneen biroos Afrikaan Kibbaa rakkoo faayinaansiin rakkachaa jirtutti kana karoorsuun yeroosaa mitii jedhan.

''Mootummaan qarshii hin jirre waan hiika hin qabnerratti akka hin baasne eegna.

Eenyuyyuu haa tahu, biyyi rakkoo keessa jirti. Ibsaan hin jiru, hojii dhabaatu guute, isaan qarshii miiliyoona 33 Tireevariif kennan qabuu? Tireevar biyya fooyyessuuf maal gumaache,? jechuun gaafate tokko Tiwiitara irratti

Kanneen kaan immoo namni beekamaan kan akka Tireevar Nohaa turizimii Afrikaa Kibbaa jajjabeessuu danda'a jedhan.

Bitootessa darbe Nohaa fi taphataan teenisii beekamaa Roojar Federer lamaanuu lammummaa Afrikaa Kibbaa fi Siwiizii qaban Siwiizarlaand hawwata turizimiin beeksisaa turan.