Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humna waraanaa fiixee Somaalee hanga Mitsiwwaa tiksu ijaarreerra - MM Abiy
Itoophiyaan humna waraanaa leenjii addaa fudhate biyyarra kan darbe Baha Afrikaa tiksuu danda'u akka ijaarte Ministirri Muummee Abiy Ahimad dubbatan.
Bulchaan Itoophiyaa hundeeffama waggaa 65ffaa Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa magaalaa Hawaasaatti yeroo kabajametti kana dubbatan.
Dubbiin isaanii kuni yeroo muddamni Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti hammaatee jirutti dhagahame.
Erga Eertiraan Itoophiyaarraa bara 1993 walaboomte as ulaa galaanaa dhabdeetti.
Bulchiinsi MM Abiy akkatti buufanni Asab Ertiraa jalatti hafe 'seenaanis, seeraanis' fudhatama hin qabu jechuun morma.
Kunimmoo Ertiraa mufachiiseera, akka birmadummaa isheerratti qiyyaafatametti ilaalti.
Ministirri Muummee Abiy humna addatti leenji'eefi biyyarra dabee naannicha tiksuu danda'a jedhan yeroo ibsan biyyoota lama Itoophiyaa daangessan eeran.
''Fiixee Somaalee hanga fiixee Mitsiwwaatti shororkeessummaa galaanarra mudatan ummatoota obbolaa [ta'an] deeggarree hambisuufi naannoo keenyatti misoomaafi badhaadhina mirkaneessuuf qophiidha,'' jedhan.
Mitisiwwaan buufata doonii Ertiraa yoo ta'u Itoophiyaan humna galaanaa achitti qabdi turte. Ta'us, walabummaa Ertiraa booda abbummaa dhabde.
Gama kaaniin ulaa galaanaa barbaacha waliigalteen bulchiinsa Somaalilaand waliin taasistes Somaaliyaa waliin muddama guddaa uumee ture.
Jaarsummaa Turkiin Somaaliyaan gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaa deebisuuf waliigalteetti.
Ammoo ammatti waan milkaa'e akka hin jirre Somaaliyaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa dubbataniiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad Itoophiyaan ulaa dhabuun guddina ishee hubuufi ulaatti bahuun Itoophiyaafis ta'e nageenya Gaanfa Afrikaaf wabii ta'uu dubbatu.
Pirezidantiin Turkii Reseeph Xayyiib Erdohaan dhihoo yeroo Itoophiyaa daawwatan, Yaa'ii Gamtaa Afrikaa, paarlaamaafi bakkee adda addaatti yaaddoo isaanii kana irra deddeebiin dubbataniiru.
Bulchiinsi isaanii Raayyaa Ittisa Biyyaa bara bulchiinsa ADWUI 'loogii paartii siyaasaa qaba' jedhan jijjiiruuf riifoormii gaggeessuu hima.
Kanaanis, ''Ergamni keenya kan waraana dhaabsisu, waraana kan goolabu, humna leenjiidhaan ga'oome (elite) ijaaruudha.
''Ergamni keessan [loltoota] Itoophiyaa ijaaruu, Itoophiyaa eeguu, Itoophiyaa cimsuu fi Itoophiyaa ceessisuudha,'' jedhan.
'Hanga Fiixee Mitsiwwaa'
Ministirri Muummee Abiy waraanni isaanii nageenya Itoophiyaa mirkaneessuuf qofa miti jedhan.
''Qophiin keenya Afrikaa guutuu keessatti nagaa buusuuf guutuu Afrikaa keessattii badhaadhina mirkaneessuuf, biyyoota naannawa keenya jiran irreefi gaachana ta'uufidha.''
Bishaan ''akka bartee waaqa tolfamaatti ilaaluu'' jijjiiruuf bulchiinsi isaanii dalaguullee himan.
''Kanaafis jecha leenjii [waraanaa] lafoofi gaararra, [akkasumas] lagarra ture har'a gara galaanatti,'' kan ceessisan kanaaf akka ta'e himan.
Gaafa Sambataa lolttoonni Itoophiyaa Haroo Hawaasaa irratti shaakala waraanaa godhaniiru.
Bulchiinsi MM Abiy erga aangootti dhufee booda Humna Galaanaa diigamee ture deebisee ijaareera.
Sochii isaanii kana biyyoonni akka 'daangaa babal'ifannaatti' ilaalan jiru jedhu xiinxaltoonni himu.
Erga baga Sooma Ramadaanaaf geessan jechuun ergaa dhaamaniin deebii kennaniiru.
Itoophiyaan har'a ummatashee miliyoona 130 ol ta'e hiyyumma keessaa baasuuf qabsoo gochaa jirtu ta'uu kan eeran MM Abiy, "naannawaashee kan ilaaltu ija walta'insaan malee babal'ifannaan miti'' jechuun dubbatan.
Biyyi duudhaa amanamummaa fi haqaan beekamtu Itoophiyaan qooda biyya biraa fudhachuu, daangaa babal'ifachuu ykn nageenya ollaa yaaddoo keessa galchuuf fedhii fi karoora hin qabdu jedha ibsi MM Abiy.
Humna leenjii addaa fudhate ijaaran ''Hanga Fiixee Mitsiwwaatti [Galaana Diimaa]'' ergama raawwachuuf qophii ta'ullee himan.
Humni leenjii addaa fudhate jedhan ''Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane humna eelit (buleessa) naannichaaf gahaa ta'e tekinolojii hidhate, teknolojii kan fayyadamu, dirooniin sakatta'u, kaamikaazin [gosa dirroonii] dahoo diigu,'' ijaaramuu dubbatan.
''Dahoo qofa osoo hin taane bakkeewwan tarsiimawaa ta'anitti jaarmiyaa aanaawwan nagaa qabanitti waraana itti mudduufi waraana gabaabsu Itoophiyaan waan ijaarteef biyyoonni Baha Afrikaa, biyyoonni Afrikaa guutuu baga gammaddan baga gammanne jechuu nan barbaada.''
Bulchaan Itoophiyaa jaarmiyaafi humna buleessa kan ijaarru ''naannawa keenyatti lolaafi shororkeessummaan akka hin uumamneefi.
''Yeroo uumames yeroo gabaabaatti goolabuufi'' jechuun dubbatan.
''Humni ijaarre Itoophiyaan ala ergama idil-addunyaa jiran irratti hojii maqaa qabu akkuma dalagaa ture bara kanas seenaa sana kan deebisu, kabaji bonetii diimaa galeefidha,'' jedhan.
Itoophiyaan Kongoo, Somaaliyaa, Sudaan fi biyyoota kaanitti humna nagaa kabachiisaa bobbaasuun maqaa gaarii horatteetti.
Raayyaan biyyattii ijaartee ''Bilisummaa Itoophiyaa, nagaa Afrikaa har'as akka kaleessaa kan kabachiisu humna amansiisaa ta'u isaa,'' dubbatan.
Itoophiyaan ''hin weeraramnes, hin weeraramtus. Kabajaafi bilisummaan ijoollee keenyaaf,'' dabarsina jechuunis dubbatan.
Itoophiyaan akkamiin ulaa galaanaa dhabde?
Gaaffiin guddaa yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiru gaaffii ulaa galaanaati.
Waggaa dura Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad gaaffii kana erga dhiheessan booda Gaanfa Afrikaatti muddamni dhalateera.
Sababa kanaan hariiroon Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin qabdu muddama seenees ture, jiras.
Ta'us, Itoophiyaan karaa nagaan gaafachuu hin dhiisu jechuun irra deddeebiin beeksisteetti.
Itoophiyaan biyya ummata hedduu osoo qabduu karra galaanatti ishee baasu hin qabnedha.
Buufatni doonii Itoophiyaaf haaraa hin turre. Waggootaaf buufata doonii Asabiin fayyadamaa turte.
Hanga bara 1993tti Itoophiyaan Galaana Diimaatti balbalashee banattee gadi bahuun ittiin ol galti ture.
Daldalaafis tahe buufata humna waraana galaanarraaf yaaddoo hin qabdu ture.
Haa ta'u malee, bara 1993 dhaabate.
Kunis, Ertiraan lola waggoota 30 booda Itoophiyaarraa walabummaa waan gonfatteefi.
Walabummaan Ertiraa Itoophiyaa Galaana Diimaarraa fageesse.
Xinxalaan garuu Ertiraan Itoophiyaarraa yeroo walabummaashee argattu dhimmi ulaa galaanaa deebii akka hin arganne ibsu.
Galaanni Diimaa maaliif barbaachisaa ta'e?
Galaanni Diimaa Garba Guddaa Hindiifi Galaana Mediteraaniyaan wal qunnamsiisa.
Bara durii eegalee toorri Galaana Diimaa godaansa, daldalaafi duula waraanaaf ulaawwan ijoo ta'uun itti fufeera.
Keessumaa boba'aafi wantoota bu'uuraa barbaachisan biroo baay'isanii doonii meeshaa guddaa baatuun geejibsiisuuf toora galaanaa barbaachisaadha.
Keessumaa boba'aa addunyaarratti barbaadamu Giddugala Bahaafi biyyoota Galoo Galaanaarraa geejibsisuuf karaa gabaabsa waan ta'ef daldalaafi siyaasa addunyaarratti bakkee ijoo qaba.
Sababa kanarraa kan ka'e biyyoota ollaa Galaana Diimaa jiran kanneen akka Masrii, Sa'udi Arabiyaa, Ertiraa, Yaman, Jibuutiifi Somaaliyaan alatti biyyoonni fagooo jiran fedhii isaanii mirkaneessuuf naannawa galaana kanaa sosso'u.
Sochii daldalaa addunyaa keessaa 12% - 15% kan ta'u akkasumas fe'umsa konteenaraa keessaa 30% kan ta'u gama Galaana Diimaarra ce'a.
Imalli kuni baasiifi yeroo imala doonii Eeshiyaafi Awurooppaa gidduu taasifamu sadarkaa olaanaan xiqqeessa.
Sababa Kanaan daldalaafi dhiheessiii annisaa addunyaan keellaa ijoo jedhamee ibsama.