Itoophiyaan kaardii herregaa kaffaltii idiladdunyaa raawwachuuf gargaaru eeyyamte, akkamiin hojjeta?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa maamiloonni herrega sharafa alaa qaban osoo viizaa fi tikeetii xiyyaaraa hin gaafatamin kaardii sharafa alaa ittiin kaffaluu danda'an akka qabaatan eeyyame.

Kanaan dura akkaawuntii sharafa alaa banachuuf doolaara 100 kaa'uun dirqama ture, dirqamni kun amma hafeera.

Baankiin biyyaalessaa Roobii, Guraandhala 11, 2026 maallaqa alaa qabachuu, argachuu fi itti fayyadamuu ilaalchisee qajeeltoowwan duraan turan fooyya'iinsa hanga tokko taasisuu ibseera.

Baankichi qajeeltoowwan Adoolessa 2024 fooyya'iinsa sharafa alaa ilaalchisuun baase irrattidha kan inni fooyya'iinsa taasise.

Qajeeltoon ''Kitaaba Magariisa'' jedhamuun waamamu kun Adoolessa, 2024 yeroo rifoormiin diinagdee biyyattii keessatti hojiirra ooluu eegale labsame.

Qajeeltoon sun sharafi alaa olaantummaa mootummaan to'atamuu jalaa ba'ee haala gabaa jiruun akka murtaa'u eeyyame.

Fooyya'iinsi amma taasifames rifoormii diinagdee faana jijjiirama sharafa alaarratti bara 2024 taasifame keessaa akka qaama tokkootti ibse baankichi.

Fooya'iinsi taasifaman kunneen ''daldalli sharafa alaa irruma caalaa akka guddatuuf yaadamuun'' hojiirra akka oolan ibsi baankichaa ni mul'isa.

Hoji-maata kanaan dura tureen baankonni fi biirooleen sharafa alaa kaardii kaffaltii idiladdunyaa raawwachuuf gargaaru kan kennan maamiloota isaanii gara alaatti imalaniif ture.

Kaardii sharafi alaa irratti kuufamuu danda'u kana argachuu namoonni barbaadan tikeetii imala gara biyyoota alaa fi viizaa dhiheessuutu irraa eegama ture.

Haalli kun akka lammiileen Itoophiyaa karaa onlaayinii meeshaalee adda addaa biyyoota alaatii hin bitanne ykn maamila ta'anii galmaa'uun (subscription) tajaajila fedhan akka hin arganne taasiseera.

Baankiin Biyyaalessaa fooyya'iinsa amma taasise kanaan kaardii herregaa idiladdunyaa argachuuf imala gara biyya alaa akka haaldureetti kaa'amee ture haqeera.

Baankonni maamiloota isaaniif ''kaardiiwwan herregaa sadarkaa idiladdunyaatti fudhatama qaban akka baafatanii fi bu'uura gaaffii abbaa herregaan, viizaa fi tikeetiin imalaa osoo hin gaafatamin, sharafa alaa akka irratti galchaniif,'' akka eeyyamu qajeelfama haaraa irratti eerameera.

Kaadiin baankonni kennan kun ''kaffaltii biyya alaaf karaa onlaayinii ykn dijiitalaan taasifamuufis'' tajaajila kan kennu ta'uu akka qabus Baankiin Biyyaalessaa ibseera.

Akka ibsa baankichaatti kaardii herregaa idiladdunyaa kana argachuu kan danda'an maamiloota akkaawuntii sharafa alaa qabaniidha.

Baankichi akkaawuntii sharafa alaa baafachuuf dirqama doolaarri 100 kuufamuu qaba kan jedhus kan hambise yoo ta'u, doolaara hangamtu kuufamuu qaba kan jedhu baankonni akka murteessan eeyyamni kennamuufii ibseera.

Akkaataa qajeeltoo haaraa fooyya'ee ba'e kanaan kaardii kana argachuuf viizaa fi tikeetiin imala xiyyaaraa dirqama ta'uun hafeera.

Qajeeltoo duraan tureen namoonni wal'aansa fayyaaf gara biyya alaa imalanis sharafa alaa argachuuf viizaa, yoo danda'ame ammoo tikeetii imalaa akka dhiheessan gaafatamu.

Akkaataa qajeeltoo haaraa kanaan namoonni wal'aansa fayyaa fi barnootaaf gara biyyoota alaatti imalan viizaa fi tikeetii xiyyaaraa osoo hin dhiheessan haga dooaara kuma 20 argachuu danda'u.

Fooyya'iinsi Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa taasise kan biraan akkaataa lammiileen Itoophiyaa maallaqa gara alaa erganirrattidha.

Qajeeltoo haaraan kun maamilli herrega sharafa alaa qabu ''haadha warraa fi kaffaltii barnootaa ijoolleef, wal'aansa fayyaaf akkasumas imalaaf,'' akka ergu eeyyameera.

Dabalataan lammiileen Itoophiyaa ''firootasaanii biyyoota alaa jiraatan gargaaruuf'' hanga doolaara 3,000 gara biyyoota biraatti erguu danda'u.

Sharafa alaa kana erguuf sababa amansiisaa ta'e dhiheessuu akka qaban qajeeltoo kanarratti eerameera.

Imaltoota doolaara kuma 10 caalaa qabatanii gara Itoophiyaa seenan irra daangaan gumruukaan kaa'amee ture akka ka'u qajeeltoo haaraa kana keessatti ibsameera.

"Maallaqa hamma barbaadan sanada gumruukaa malee,'' sharafuu ykn kaa'uu akka danda'an Baankiin Biyyaalessaa beeksiseera.