Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waamicha nagaa MM Abiy Wallaggatti dhiyeessaniif WBO deebii 'garaarraa miti' jedhu kenne
Ministirri Muummee Abiy Ahimad (PHD) tibba kana Godinaalee Wallaggaa adda addaa keessatti hojiilee misoomaa hojjetaman yoo eebbisan irra deebiin hidhattootaaf waamicha araaraa dhiyeessaniiru.
Hidhattoota kanneen ifatti maqaa dhahuu baatanis MM Abiy Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan hidhannoon mootummaa waliin wal loluutti jiru akeekan.
WBO gama isaatiin waamichi kun ''garaarraa miti'' jechuun deebii kenneera.
Misooma waaraafi jijjiirama ummataaf barbaachisummaa nagaa buusuu cimsanii kan ibsan MM Abiy, bakka nagaan boora'etti hojiin misoomaa rakkisaa waan ta'uuf yeroo kamiyyu caalaa nageenya buusuun barbaachisaa ta'uu dubbatan.
Hidhattoota WBO karaa nagaatti deebi'aniin ''warra galan galateeffachaa warra hafan ammoo ijoollee galan hordofaa, nu gaha kana caala wal nyaachuun, wal-arrabsuun, wal-ajjeesuun bu'aa akka hin qabne argineerra...kana booddee xiyyeeffannoon keenya uummata waliin naannoo keenya misoomsuu ta'uu qaba'' jedhan.
Oromiyaa keessatti diina alaa dhufee nu ajjeesaafi nu cabsaa jiru caalaa ijoolleen Oromoo osoo taa'anii mariyachuu qabanii wal cabsaafi wal ajjeesaa misoomni akka dhaabatu kan gochaa jiran baayyeedha'' jechuunis dubbatan.
MM Abiy rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa keessa jiru ilaalchisee yeroo adda addaatti haasaa yoo godhan mariin rakkoo jiru furuun akka danda'amu himaa turan.
Dhibdee Waraana Bilisummaa Oromoo fi mootummaa gidduu jiru marii nagaan furuuf amma dura gidduseentummaa qaamolee adda addaan yaaliiwwan abdiin irra kaahame gaggeeffamanis osoo hin milkaahiin hafaniiru.
Bara 2023 keessa mariin nagaa marsaa lammaffaa odola Zaanzibaaritti gaggeeffamaa ture abdii guddaa horee ture hin milkoofne.
Ergasiis qaamolee lamaan gidduutti dhibdeen jiru itti fufee uummatni gidduutti dararaa argaa jira.
Ammoo qaamoleen waraana WBO yeroo adda addaatti qawweesaanii hiikkatanii karaa nagaatti deebi'aa turan.
WBO waamicha mootummaan erga mariin Zaanzibaar fashalee booda dhiyeessu faara gaariin fudhachaa hin jiru. ''Harka kennadhaa galaa'' jechuudha jechuun fudhatama dhabsiisa.
''Osoo teenyee mariyachuu dandeenyuu afaan tokkoon, yaada tokkoon waan nuuf toluu qabu osoo waliin karoorsuu dandeenyu misooma jalqabne fixuu dadhabuun nama gaddisiisa jedhaniiru MM Abiy.
Waamicha nagaa MM Abiy Roobii darbe dhiyeessan irratti yaada qaban gaaffii BBCn gaafateef deebii kan kennan gorsaa ajajaa olaanaaWBO Obbo Jireenyaa Guddataa ''nu gaha araara buusuu qabna kan jedhu jechaan gaariidha'' jedhan.
Ammoo ''waamichi kun hiiknisaa maali? wanta kana amma dura tattaafannee hin beeknu?'' jechuun gaafatu.
''Sabni kun gaaffii siyaasaa qabu san deebisnee nu gaha jechaa jirramoo humna waraanaatiin isinin caalla kanaaf isin cabseera, jilbeeffadhaatii waanin ani jedhu fudhadhaa isa jedhu agarsiisa kan jedhu sirnaan ilaaluu nama gaafata.''
Waamichi nagaa Muummichi Ministiraa dhiyeessan of duubaa kaayyoo biraa qaba jechuun waan shakkan Obbo Jireenyaan dubbataniiru.
''Nagaa gaafa jedhu nagaa "warra Orweel" isa jennu sana ta'uun hubatamuu qaba. Nagaan "warra Orweel" ammoo lola karoorfattee nagaa haasa'uu jechuudha.''
''Nu gaha'' jechuun isa Ministirri Muummee dubbatanis ''yaadni kun dhugumaa?'' jechuun shakkii irraa qaban ibsu.
''Nu gaha gaafa jedhu garaasaarraatii? gaaffii saba kanaa deebisuudhaafi? Misoomaafi?''
Dabaluun, Muummichi Ministiraa ''nama waan jedhu godhu akka hin taane agareerra'' jechuunis himatan.
''Nama dantaa saba kanaaf quuqamu fakkaatee lolaaf nama qopheessuutti jira'' jechuunis dabaluun qeeqan.
Dhimmi bakka sanatti dubbatame irra keessisaa misooma ta'us waayee lolaati jedhanii akka amanan BBCtti himan.
Lola waggoota shanii oliif kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti WBO fi humnoota mootummaa gidduutti gaggeefamaa ture karaa nagaa akka goolabamu mariin nagaa marroo lammaan godhame bu'aa malee xumurameera.
Yeroo adda addaa yaaliin marroo sadaffaa ni godhama abdiin jedhu fi gabaasaaleen akkasii dhagaahamaa kan turan ta'us, Obbo Jireenyaan ammatti tattaaffiin godhaamaa jiru hin jiru jedhaniiru.
Marii nagaa godhaman keessatti WBO bakka bu'uun kan hirmaatanii turan Obbo Jireenyaan, ''dhimma siyaasaa dhimma jaarsolii biyyaatiin dhumatu fakkeessuun sossobaa galchaa'' jechuun marii nagaa bu'a qabeessaa ta'u ''akka diduuti'' jedhaniiru.
Qaama mariitti deebisutu dhibamee?
Obbo Jireenyaan bakka qaamni sadaffaa jirutti gaaffii dhiyaate ilaalanii faaraan deebisuu hin feene jechuun sababa mariiwwan nagaa amma duraa fashalaa'anii hafaniif mootummaatti quba qabaniiru.
Himannaa gama kanaan ka'u ilaalchisee amma dura mootummaan fashaluu mariiwwan nagaaf WBO himatee ture.
Marii nagaa marroo lamaaf gaggeeffame kan gaggeessaa turan mootummaa Ameerikaa fi IGAD fi biyyoota Awurooppaa turan.
Amma qaamoleen kun maricha keessaa harka sassaabbatan moo maali jedhamanii kan gaafataman Obbo Jireenyaan, ''tattaaffiin isaanii fedhii keenyarratti hundaa'a'' jedhan.
''Fedha mootummaa, fedha uummataafi fedha keenyarratti hundaa'anii walitti nu fidu malee bakka walitti araarsuun hin danda'amne keessatti si dirquu hin danda'an.''
Yaada walitti araaramu gaafa dhaban callisaanii ilaalu, ammayyuu wal hin quufne, yaadaanis humnaanis wal hin injifanne jedhanii hanga achi geessutti si eegu.''
Obbo Jireenyaan fedhiin qaamolee lamaanii jiraannaan mariin deebi'ee eegaluuf abdiin akka jiru ibsaniiru.
Qaamolee jaarsummaan marii kana furuuf yaalanitti wanti danqaa ta'e akka itti rakkoon kun furmuratti qaamoleen wal dhaban lamaan ejjennoo walirraa addaa qabaachuu akka ta'e kaasaniiru.