Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan Iraan yoo haleelte wantoota mudatuu danda'an torba
Ameerikaan guyyoota muraasa keessatti Iraan haleeluuf waan qophoofte fakkaata.
Karoorri Tiraamp harka micciiranii Iraan gara waliigalteetti fiduu ta'ullee bu'aan isaa akkas ta'uu dhiisuus mala.
Kanaafuu, yoo Iraan hanga daqiiqaa dhumaatti waliigaltee taasisuuf fedhii hin horannee fi akka Pirezidaanti Doonaald Tiraamp dhaadate humnoonni Ameerikaa haleellaa akka fudhatan ajaje, wanti ta'uu danda'u maali?
1. Haleellaa bakka murteessoo fi miidhaa namoota nagaati hanga tasgabbaa'utti
Haala kana keessatti humnoonni qilleensaa fi galaanaa Ameerikaa haleellaa daangeffamee fi qiyyaafannoo isaanii ta'e irratti ni raawwatu.
Haleellaan kun buufataalee waraanaa gariin Eegdota Warraaqsa Iraan (IRGC), harka jiru akka Baasij, bakka misaa'ela balistikii furguggisuu fi kuusu akkasumas bakkeewwaan sagantaa gabbisa niwukilaraa Iraan irratti kan xiyyeeffatu ta'uu danda'a.
Kaayyoon isaas mootummaa Iraan duraanuu dhiibbaa jala ture, kuffisuun biyyattiin hawaasa addunyaa waliin deebitee nagaan akka jiraattu gochuudha.
Bu'aan kun yoo ta'e haala abdii guddaa qabuu dha. Garuu giddu-seentummaan waraanaa biyyoota dhihaa Iraaqi fi Liibiyaa keessatti dabalatee haala salphaa ta'een ce'umsa gara dimokiraasiitti taasifamu hin fidne.
Haalli akkasii sun biyyoota lamaan keessatti sirna abbaa irree jigsus, jeequmsaa fi dhiiga dhangalaasuu waggootaaf fulla'e uume.
Sooriyaan fakkeenya addaa biraa qabdi. Warraaqsa ofii ishee bara 2024 geggeessite, kallattiin waraana warra dhihaa osoo hin seenin Pirezidaantii Bashar al-Asad aangoo irraa kaaste.
Hanga ammaatti biyyattiin Iraaqi fi Liibiyaa waliin wal bira qabamtee yoo ilaalamtu ce'umsa tasgabbaa'aa ta'e argarsiifteerti.
2. Sirnichi itti fufa, garuu imaammati isaa ni fooyya'a
Kun bal'inaan "moodeela Veenzuweelaa" jedhamee kan waamamuu danda'u yoo ta'u, tarkaanfiin Ameerikaa saffisaa fi humna guddaa qabu sirnicha akka hin tuqamnetti fudhatama yoo ta'e, imaammattoonni ishee garuu akka fooyy'auuf dirqamsiifamuu dandeessi.
Kunis Rippabilikni Islaamaa itti fufti jechuudha. Haalli kun lammiilee Iraan hedduu quubsuu baatus, deeggarsa milishoota humna guddaa qaban Baha Giddu-galeessaa keessatti argattu hir'isuuf, sagantaa misaa'ela niwukilaraa fi baalistikii biyya keessaa ishee dhaabuuf ykn hir'isuuf, akkasumas mormii ukkaamsuuf kan dirqisiisu ta'a.
Kanas ta'e sana, haalli kun akka waan salphaatti hin taaneetti ilaalama.
Hoggansi Iraan waggoota 47'f dhiibbaa jalatti dandamatii kan hafe yoo ta'u, amma daandii kana jijjiiruu kan hin dandeenye fakkaata.
3. Sirnichi kufee, bulchiinsa waraanaatiin bakka bu'uu
Xiinxaltoonni hedduun hunda caalaa waanti ta'uu danda'u kana jedhanii yaadu.
Sirnichi namoota hedduu biratti kan hin jaallatamne ta'uu fi mormiin irra deddeebiin ka'u kan laaffise ta'us, dhaabbati nageenyaa humna guddaa qabu ammallee haala jiru eega.
Hanga ammaatti mormiin ummataa kan mootummaa kuffisuu dadhabeef sababoonni ijoon gama waraanaan duubatti jechuu guddaan waan hin jirreefi.
Warra to'annaa jala oolan ammoo humnaa fi gara-jabummaa daangaa hin qabne fayyadamuu isaaniiti.
Jeequmsa haleellaan Ameerikaa uumu booda, Iraan mootummaa waraanaa cimaa kan humnoota Eegdota Warraaqsaatiin hogganamu jalatti kufuu dandeessi kan jedhus hedduminaan ka'a
4. Iraan humnoota Ameerikaa fi ollaa irratti duuluun haaloo baati
Iraan haleellaa Ameerikaa kamiyyuu irratti haaloo ba'uuf dhaadattee jirti. Qondaaltonni biyyattiin deebiif qophii ta'uu fi meeshaa isaanii nyaachifatanii eegaa akka jiran ibsaniiru. Kun ollaa ishee haleeluu akka dandeessu dabaltee jechuudha.
Humni Iraan humna galaanaa fi humna qilleensaa Ameerikaa wajjin kan wal gitu akka hin taane ifa.
Haa ta'u malee ammallee filannoowwan ciccimoo qaba. Misaa'ela balistikii fi diroonii hedduu kan qabu yoo ta'u, kaan holqa, buufata lafa jalaa fi naannoo gaarreen fagoo keessa dhofkamanii jiraniin haleellaa raawwachuu dandeessi.
Buufatni waraanaa Ameerikaa gurguddoon naannoo Galoo Galaanaa keessattuu Baahireen fi Kaataar keessatti argamu. Iraan bakkeewwan kanneen irratti xiyyeeffachuu dandeessi.
Bakkeewwan akka Joordaan dabalatee biyyoota haleellaa Ameerikaa ni deeggaru jettee amante keessattis bakkaeewwan barbaachisoo ta'an irratti qiyyaafachuu dandeessi.
Haleellaan misaa'elaa fi dirooniin bara 2019 dhaabbilee boba'aa Sa'udii Aramco irratti raawwatame naannichi hangam saaxilamuu akka danda'u agarsiisera. Haleellaan kun milishaa Iraaq keessatti deeggaramuun kan raawwaatame yoo ta'u, yeroodhaaf oomisha boba'aa Sa'uudii hir'isuun gabaa bob'aa addunyaa irratti yaaddoo ta'eera.
Biyyootni Arabaa Galoo Galaana ollaa Iraan, hundi isaanii michoota Ameerikaa yoo ta'an, yeroo ammaa kana tarkaanfiin waraanaa Ameerikaa kamiyyuu isaan irratti deebi'ee ka'uuf akka jiru ibsamaa jira.
5. Iraan albuudaa fi boba'aa Galoo Galaanaa keessaa ba'anitti ulaa cufuun haaloo baati
Iraan albuudafi boba'aa akkasumas dooniiwwaan daldalaa Galoo Galaanaa irra imalan yeroo dheeraaf adda kutuun dhiyeessii boba'aa addunyaa irratti balaa guddaa akka ta'etti ilaalama ture.
Yeroo waraana Iraan fi Iraaq (1980–88) Iraan daandii doonii albuuda, boodarra ammoo meeshaaleen albuuda baasaniif yaaddoo guddaa taate.
Daandiin Galaanaa dhiphoo Iraanii fi Omaan gidduu jiru bo'oo 'Strait of Hormuz' jedhamu bakkeewwan ulaa galaanaa dooniwwaan keessa darban addunyaa irratti barbaachisoo ta'an keessaa isa tokkodha.
Al-ergii gaazii uumamaa dhangala'aa (LNG) addunyaa keessaa gara %20 fi tilmaamaan %20–25 oomishi boba'aa addunyaa waggaa waggaan bo'oo kana keessa darbu.
Iraan bo'oo kana haala itti cufuu dandeessu shaakala waraanaa raawwatteetti. Yoo sana goote daldalli addunyaa ni jeeqama, gatiin boba'aas dabaluu hin oolu.
6.Iraan doonii waraanaa Ameerikaa dhidhimsuun haaloo ba'uu
Kaapteeniin humna galaanaa Ameerikaa tokko yeroo tokko balaawwan Iraan irraa baay'ee sodaatan keessaa tokko "haleellaa jumlaa" akka ta'e dubbateera. Dubbii kana kan dubbate doonii waraanaa Galoo Galaana keessa osoo tajaajilaa jiruu ture.
Haleellaan jumlaan kan mudatu Iraan yeroo tokkotti diroonii dhoo'aa fi bidiruu torpedoo saffisaa baay'ee yeroo furguggistudha.
Ittisa cimaan humni galaanaa Ameerikaa fageenya dhiyoo jiru illee balaa dhufu hunda dhaabuu hin danda'u ta'a.
Galoo Galaanaa keessatti humni galaanaa Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) gahee waraana galaanaa Iraan sarara duraa humna galaanaa barame irraa harka guddaan fudhateera.
Qondaaltonni humna galaanaa durii tokko tokko bara Shah Dartmouth dabalatee akkaadaamiiwwan warra dhihaa keessatti leenji'aniiru. Garuu humni galaanaa IRGC akkaataa waraanaa adda ta'e irratti xiyyeeffata.
Gareen ishee tooftaalee hin baratamne ta'aniin baay'ee leenji'u. Tooftaan kun saffisaa fi teeknooloojii olaanaa humna galaanaa Ameerikaa ofirraa ittisuuf kan qophaa'anidha.
Iraan doonii waraanaa Ameerikaa dhidhimsitee namoota lubbuun hafan yoo qabatte Ameerikaaf rifannaa fi salphina guddaa ta'a.
Xiinxaltoonni baay'een ammallee haala kana akka hin fakkaanneetti ilaalu, garuu taateewwan darban dooniiwwan waraanaa hangam saaxilamoo ta'uu akka danda'an agarsiisu.
Bara 2000tti dooniin barbadeessituu doolaara biliyoonaan lakkaa'amu 'USS Cole' jedhamtu buufata doonii Aden keessatti boombii balleessee badaa Al-Qaayidaan dhooheen miidhaa guddaa irra gaheera.
Hojjattootni doonii Ameerikaa 17 ajjeefamaniiru. Kanaan dura bara 1987 xiyyaarri Iraaq dogoggoraan misaa'ela doonii Ameerikaa irratti dhukaasuun hojjatoota dooniichaa 37 ajjeeste turte.
Taateewwan kunniin humnoonni galaanaa humna guddaa qaban illee haala walxaxaa ta'een balaa guddaaf saaxilamuu akka danda'an kan yaadachiisudha.
7. Sirni diigamee jeequmsi itti fufuu
Kun balaa guddaa fi yaaddoo guddaa biyyoota ollaa Iraan keessattuu Kaataar fi Saa'udi Arabiyaati.
Yoo mootummaan kufe Iraan waraana biyya keessaatti kufuu dandeessi, kunis kan Sooriyaa, Yaman fi Liibiyaa keessatti mudate waliin wal fakkaata.
Burjaajii kana keessattis waldhabdeen sabaa gara jeequmsaatti jijjiiramuu danda'a.
Gareen Kurdootaa, Baaluuchii fi gareewwan xiqqaa biroo yeroo qaawwi aangoo biyyoolessaa uumamutti hawaasa isaanii eeguuf yaaluu danda'u.
Biyyoonni Baha Giddu Galeessaa hedduun xumura Rippabiliika Islaamaa ni simatu turan. Keessattuu Israa'el Iraan akka balaa guddaatti kan ilaaltu yoo ta'u, kanaan duras gareewwan Iraan deeggaraman guutuu naannichaa keessatti haleelaa turuun ni yaadatama. Hoggantoonni Israa'el hawwii niwukilaraa Iraan shakkamtee sodaa qabu.
Haa ta'u malee, biyyi kamiyyuu Iraan - saba Baha Giddu Galeessaa baay'inaan qabduu fi namoota gara miliyoona 93 qabdu jeequmsa keessa akka buutu hin barbaadan.
Tasgabbii dhabuun akkasii balaa namoomaa guddaa fi rakkoo baqattootaa guutuu naannichaa miidhu kaasuu danda'a.
Balaan guddaan amma jiru shallaggii dogoggoraati. Prezdaant Tiraamp humna waraanaa guddaa naannoo daangaa Iraanitti walitti ergeera.
Tiraamp waraana malee filannoon biraa hin jiru jedhee yoo amane haleellaa akka fudhatan ajajuu danda'a. Bu'aan isaa garuu waan tilmaamuu hin dandeenyee fi gaaga'ama guddaa geessisuu ta'uu danda'a.