Chaampiyoonsi Liigii: Arsenal osoo hin mo'amin tapha 8 jalqabaa xumure, Moriinoon Riyaal Maadriid salphise

Dorgommii Chaampiyoonsi Liigiin kilaboonni 36 taphoota saddeet jalqabaa taphachuun marsaa jalqabaa gulantaa liigichaa xumuraniiru.

Dorgommii jalqabaa kanaan Arsenaal taphoota hunda injifachuun sadarkaa itti aanutti darbeera.

Baayer Muunik, Liiverpuul, Tootanhaam, Baarseloonaa, Chelsii, Ispoortiing fi Maanchistar Siitiin kilaboota saddeet keessa galuun darbanidha.

Chaampiyoonaa bara darbee, PSG, dabalatee kilaboonni sadarkaa 9ffaa hanga 24ffaa jiran ammas erga waliin taphatanii booda saddeetitti galu.

Isa booda warra jalqabaa (Arsenaalfaa) waliin 16 keessa galuun taphi itti fufa jechuudha.

Kanneen 24ffaa booda jiran akka kanaan duraallee carraa Yurooppaa Liigii hin argatan.

Tapha xumuraa Roobii galgalaan kilaboonni hundinuu sa'atii walfakkaataa (akka biyyaatti halkan keessaa sa'atii shan) irratti taphataniiru.

Taphoonni 18 sa'atii walfakkaataatti taphataman jechuudha.

Taphoota kunneen irratti diraamaawwan hedduu argine, garuu kan Joosee Moriinoo Riyaal Maadiriidiin salphise yaadannoo yeroo kamuu ta'ee hafeera.

Kilabni inni leenjisu Beenfikaan haala hin eegamneen kilaba gameessa waancaa Chaampiyoonsi Liigii injifachuun gita hin qabne gulantaa 1-8 keessaa baase.

Dorgommicha keessaa baafamuurraas of oolche.

Joosee Moriinoo dorgommii Chaampiyoonsi Liigii kana keessatti imalli inni ittiin dhufe salphaa miti, halkan Roobii garuu xumura isaa bareeche.

Kilabi yeroo 15 Waancaa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa nyaate Beenfikaa harka kennachiisuun itti ulfaate. Hojii manaa biraa fudhatee gale.

Sa'atiin taphaa idilee hanga xumuramutti Beenfikaan goolii 3 fi 2n dursaa ture. Diraamaan taphichaa ittuma fufe. Daqiiqaa dabalataa irratti Riyaal Maadiriid taphattoota lama, Raawul Aseensiyoo fi Roodriigoo kaardii diimaan dhabe.

Kun kilaba Poorchugaal kanaaf carraa guddaa bane. Dhumarratti daqiiqaa 98ffaarratti goolii eegaan Beenfikaa, taphataan Yukireen, Anaatoolii Tiruubiin goolii mo'icha isaanii mirkaneessu lakkoofsise.

Haala kanaan taphichi goolii 4 fi 2n olaantummaan Beenfikaan xumurame. Gooliin Kiliyaam Imbaappee lamaan kilabasaa dabarsuu hin dandeenye.

Jifataan Riyaal Maadiriid kun taphoota Chaampiyoonsi Liigii bara kanaa hanga yoonaa taphataman saddeet irratti goolii 13 lakkoofsisuun dursaa jira. Taphataan Baayer Muunik Haarii Keen goolii saddeetiin lammaffaa, Jifataan Maanchister Siitii Erliing Haalaand goolii 7n sadaffaarra jira.

Wayita gooli eegaan Beenfikaa istaadiyeemii Estadio da Luz jedhamutti sekondii ishee dhumaarratti goolii galchu dirreen guutuun gammachuudhaan guutame, warri Maadiriid ammoo boqoo buusan.

Duraan Riyaal Maadiriid leenjisee kan beeku Joosee Moriinoo Anaatoolii Tiruubiin akkaan isa gammachiisuu dubbate.

''Goolii ajaayibaa, goolii seena qabeessa. Goolii istaadiyeemii guutuu mirqaanse. Kun waan nuuf maludha,'' jedhe.

''Riyaal Maadiriidiin injifachuun Beenfikaaf kabajaa fi ulfina guddaadha.''

Beenfikaan osoo goolii afur hin galchine ta'ee garaagarummaa gooliin caalamee dorgommii keessaa ba'uu danda'a. Anaatoolii Tiruubiin goolii 3 fi 2n wayita dursaa turanitti waan injifatanii darban itti fakkaatee yeroo gubaa ture.

Garuu erga Marseen ammallee isaan caalee jiraachuu hubatee lafaa ka'ee tattaafachuu eegale. Dhumarrattis kilabasaa gooliidhaan kiise.

''Duraan kun [gooliin] akka nu barbaachisu hin beeknen ture. Namuu quba gara kootti qaba, ergan argee booda nan ka'e. Fuuldurattin qajeele. Goolii dabalataa akka nu barbaachisun hubadhe,'' jedhe taphaan booda wayita yaada kennu.

''An nama goolii galchuun beekamu miti. Kanaafuu kun anaaf waan haaraadha. Amma umriin koo waggaa 24. Goolii koo jalqabaati.''

Leenjisaan umrii waggaa 63 Joosee Moriinoo kilabasaa ganamaa Beenfikaatti wayita deebi'u milkaa'uusaarratti shakkiin ture.

Ji'oota afurii fi walakkaa darban keessatti Beenfikaan liigii isaa (Poorchugaal) keessaa hanga yoonaa hin mo'amin jira.

Garuu amma qabxii 10n Poortoo duuba hafuun sadarkaa sadaffaarra jira.

Garuu dorgommii Chaampiyoonsi Liigii keessatti ga'umsa gaariirra hin turre.

Xiinxalaan tapha kubbaa miillaa Awurooppaa Juuliyeen Laawuransi ''kun Moriinoof injifannoo guddaadha. Sababni isaa taphoota darban irratti guddoo milkaa'aa hin turre,'' jedhe.

Riyaal Maadiriidiin mo'achuuf Moriinoof bu'aa guddaadha

Joosee Morinoo kilaboota hedduu leenjiseera. Kilaba guddaa addunyaa Riyaal Maadiriid waliinis seenaa guddaa waan qabuuf guddina kilaba kanaa sirriitti hubata.

''Riyaal Maadiriidiin mo'achuun mataansaa bu'aa fi faayidaa addaa qaba. Kana waan ta'eef kilaba kana mo'achuuf waan dandeenyu hunda gochuutu nurra ture,'' jedhe Moriinoon.

Leenjisaan duraanii Chelsii kun bara 2010 hanga 2013 Saantiyaagoo Barnaabootti dabarse.

Yeroo sana leenjisaa gameessa addunyaa Baarseloonaa leenjisaa ture Peep Gaardiyoolaa waliin morma walqabaa turan.

Bara 2011 fi 2012 waancaa Laaligaa Ispeen mo'ateera.

Dorgommii Chaampiyoonsi Liigii baranaarratti gareen Arbelowaa sababa Beenfikaatti sadarkaa 9ffaan xumure.

Beenfikaan ammoo sababa goolii ishee dhumaa (goolii 4ffaa) galcheef kufaatiirraa hafee 24ffaan (sadarkaa isa dhumaa) darbe.

Haala kanaan carraan ammas deebi'anii Maadiriid waliin walarguu ni jiraata jechuudha.

Sababni isaa ammoo kilaboonni 9ffaa hanga 24ffaa ba'an ammas walii waliisaanii faana taphachuun gara itti aanutti ce'uu waan qabaniif.