'Hospitaala nun geessiinaa'- Hiriirtota Iraan sodaa hidhaaf dhoksaan wal'aanaman

''Namoonni nu gargaaranii konkolaataa keessa seenne...isaan ammoo hospitaala nun geessiinaa jedhan.''

Yeroo humnooti nageenyaa doqdoqqeedhaan dhufanii uummatatti iyyuu jalqaban Taaraafi hiriyyaanshee wiirtuu magaalaa Iraan, iddoo Isfaanaa jedhamutti hiriirarra turan.

''Hiriyyaan koo miseensa humna nageenyaa tokkooon, 'nutti hin dhukaasiinaa' jetteen jennaan yeroosuma dhukaasuu jalqabe, al baayyee dhukaase. Nuyi hundi keenya lafatti jigne. Wayyaan keenya hundi dhiigaan laaqame.

Namoonni kunneen konkolaataa nama hin beeknee keessa seensifaman. Garuu akka Taaraan jettutti ''sodaa to'annoo jala ooluu waan qabaniif hospitaala deemuu sodaataniiru.

Daandiin hundi cufamee waan tureef, maatii mana isaanii dura dhaabbatan mana isaaniitti akka ol nu galchan gaafadhe jetti Taaraan.

Hamma barii'utti manuma maatii kanaa turanii achumatti doktara madaa miilasaanii qulleessu argachuus himti.

Hakiimni baqaqsanii yaaluu manumatti rasaasa hamma tokko keessa baaseera. Haa tahu malee, ''hundi bahuu hin danda'u, gariinsaa achumatti hafuu danda'a,'' jedhe.

Maqaan gabaasa kana keessa jiru hundi nageenya namootaaf jecha geeddaramee jira.

Tarkaanfii humnooti mootummaa hiriirtota irratti bal'inaan geggeessaa jiruun dhiigni dhangala'aa kan jiru tahullee, sababa biyyattii keessatti intarneetiin cufameef miidiyaaleen haala jiru guutummaan gabaasuu hin dandeenye.

Tahus dhaabbanni tola oolaa teessoo isaa Ameerikaa godhate Human Rights Activists News Agency (HRANA) namoonni 6,301 ajjeefamuu himee, kunneen keessaa 5,925 mormitoota hiriira bahanii jedhe.

Ijoollee 112, namoota dhaabbatanii ilaalan 50, kanneen mootummaatti hidhata qaban 214. Kana malees ajjeefamuu namoota 17,091 qorachaa akka jiru hime.

Akka dhaabbanni kuni jedhutti yoo xiqqaate namoonni 11,000 tahan akka malee kan madaahaniiru.

Kanneen miidhaman keessaa gariin to'annoo jalaa ooluudhaaf jecha madaa isaanii yaalsisuuf hospitaala deemuu bakka hin barbaanne BBCtthi himaniiru.

Kunimmoo hakiimota, narsootafi ogeessoti fayyaa kaan dhoksaan mana isaaniitti miidhamtootaaf yaalii kennuun balaa irra waan isaan buusuu danda'u akka dalagaa jiran himan.

Hojjettoonni fayyaa humnoonni nageenyaa hospitaala keessa akka jiraniifi galmee dhukkubsattootaa akka hordofan himan.

Nimaan hakiima baqaqsanii yaaluu magaalaa Teeraan keessa jiraatu dha. Yeroo qondaaloti dhukaasa banan gaafa Amajji 8 dargaggoonni baayyee daandiirratti madaa'anii yoo kufan arguu hime.

''Warreen miidhaman keessaa tokko duuba konkolaataa, iddoo meeshaa ka'an keessa galcheen hospitaal geesse. Poolisiin na qaba jedhee sodaa guddaa keessa ture,'' jechuun BBCtti hime.

Poolisoonni daandii irratti isa dhaabanii hakiima tahuusaa waraqaa eenyummaa erga mirkeaneessaniin booda akka deemuuf akka isaa eeyyaman hime.

''Sa'atii 96f otoo takkaa addaan hin kutiin otoo hin rafiin, otoo ija walirra hin buusiin oppireeshinii hojjechaa turre. Namni komii qabu tokko hinturre, boo'aa hojjetaa turre,'' jedhe.

''Wayyaan keenya, gaawooniin keenya, paantiin keenya otoo hin hafiin dhiiga ijoollee ol adeemoo kanaan laaqamee ture.

Nimaan nama miilaafi fuularra rasaasaan dhahame yaalaa akka ture hima.

''Rasaasni afaanaa keessa galee karaa mangaagaasaa gubbaan bahe,'' jedhe.

Nimaan dabaluunis dargaggoonni baayyeen qaama isaanii irraa muramee fa'a jiru.

Qondaaloti Iraan yeroo hokkora kanaa namoonni 3,100 ajjeefamuu mirkaneessanii garuu bayyeen miseensota humnoota nageenyaafi namoota jiruu isaanii otoo deemani 'mormitootaan,' ajjeefamni dha jedhan.

Dubbii himaan ministeera fayyaa Hooseen Shookrii yeroo hokkara kanaa wal'aansi baqaqsanii hodhuu 13,000 hojjetamuu himuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

''Namoonni ministeera fayyaa amanu, hospitaalonnis namoota miidhaman otoo hin qoodiiniifi hin loogiin isaan yaalu. Namoonni 3,000 tahan manatti of yaaluurraa hospitaala akka deeman goones,'' jedhaniiru.

Haa tahu malee gabaasaaleen BBC qaqqaban akka agarsiisanitti humnooti nageenya dhukkubsattoota hospitaalaa butanii fudhatan deebi'anii akka hin argamne odeeffateera.

Dhaabbileen mirgoota namoomaa akka agarsiisanitti ogeeyyiin fayyaa mormitoota yaalaa turan amma ofiisaanii yaaddoo irratti qiyyaafatamaa jira.

Mirgi Namoomaa Iraan torbee darbe qofa hakiimonni shan to'annoo jala ooluu maddeen achi jiran irraa odeeffachuu himeera.

''Humnooti nageenyaa uummata wareersuun hakiimota qabuun hiriirtonni yaalii akka hin arganne gochaa jiru, kana malees dahoo yaalii dhukkubsattoota keessa galuunis danqaa uumaa jiru,'' jechuun dhaabbanni Noorweey tokko gabaaseera.

Hakiimni baqaqsanii yaaluu Dr Aliireezaa Golchiinii magaala kaaba biyyatti Qaazviin mana isaatti reebamuu fi hiriirtota miidhaman yaalte jechuun humnooti nageenyaa akka to'annoo jala isa oolchan himeera.

Dabaluunis waan ''faallaa Waaqaa'' dal raawwateera jechuun isa himataniiru. Kunis seera Iraaniin du'aan nama adabsiisuu danda'a.