Haleellaa Ameerikaa kamiifuu deebii kennuuf qophiidha-Iraan

Iraan doorsisa Pirezidantii Ameerikaa Donaald Tiraamp kuffisuun, Haleellaa Ameerikaa kamiifuu deebii kennuuf qophii ta'uu ishee ibsite.

Tiraamp waraanni Ameerikaa naannawa baha giddu galeessaa qaqqabuu hordofee, Iraan sagantaa nukilaraa isheerratti mari'achuuf ''yeroon jalaa dhumataa jira'' jedhan.

Ministirri Dhimma Alaa Iraan, Abbaas Araagchii humnoonni Iraan haleellaa biyyattii irratti raawwatamu kamiyyuu saffisaa fi humna guddaan deebii kennuuf qophii ta'uu akeekkachiisaniiru.

Abbaas Araagchii barreeffama toora X irratti barreessaniin, ''waraanni Iraan qophaa'aniiru, qawwee isaanii nyaachifatanii weerara daangaa lafaa, qilleensaa fi galaanaa biyyattii irratti raawwatamu kamiyyuu battalumatti deebii kennuudhaaf qophiidha,'' jedhan.

Abbaas Araagchii itti dabaluun Iraan haleellaa waraanaa Israa'el bara darbe baatii waxabajjii keessa biyyattii irratti raawwatte kan bulchiinsi Traamp itti dabalamuun haleellaa iddoowwan niwukilaraa Iraan irratti raawwate irraa "barumsa guddaa " fudhachuu ibsan.

"Waraanni sun deebii cimaa, saffisaa fi gadi fagoo akka kennuu akka dandeeyu nu barsiisera'' jedhan.

Yaadni Araghchi kun kan dhaga'ame yeroo Tiraamp Iraan gara mariitti akka dhuftu ykn haleellaa waraanaa akka ishee eeggatu doorsisanii boodadha.

Ameerikaan mormii farra mootummaa dhiheenya kana Iraanitti eegalee keessa harka akka qabdu biyyattiin himataa turte.

Mormiin sun amma hanga tokko tasgabaa'us du'aatii namoota hedduuf garuu sababa ta'eera.

Tiraamp wayita humni waraanaa guddaan gara galaana baha giddu galeessatti qajeeluu ibsan yoo barbaachisa ta'e itti fayyadamuu dhiisuu dandeenyaa jechuun dubbatanii ture.

Pirezidaantiichi "Iraan daftee 'gara mariitti akka seentu fi waliigaltee dhimma nukelaraa taasiftu'' barbaadu.

Yoo sana hin taane haleellaan raawwatamu ''kan kana duraa caala baay'ee hammaataa ta'aa'' jedhu.

Baatii Waxabajjii bara darbee keessa Ameerikaan dhaabbilee niwukilaraa Iraan sadii irratti boombii darbachuun ni yaadatama.

PIrezidaantiin Iraan Masoud Pezeshkiyaan tibbana akka ibsanitti "doorsisni Ameerikaa kunnageenya naannichaa jeequuf kan kaayyeffate waan ta'eef tasgabbii dhabuu malee bu'aa biraa galmaan hin ga'u" jedhan.

Ministirri dhimmaalaa Araghchi gama isaanin Iraan haleellaa raawwachuuf doorsifamaa osoo jirtuu faayila niwukilaraa irratti marii'achuu deebitee akka hin jalqabne ibsan

"Guyyoota darban keessa Iraani fi Ameerikaa gidduu quunnamtiin hin turre, gaaffiin marii nuuf hin dhiyaanne," jechuun Araghchi miidiyaa mootummaa biyyattitti dubbatan.

Itti dabaluunis "Ejjennoo keenya ifaadha, mariin doorsisa waliin hin deemu, mariin kan raawwatamuu danda'u bakka doorsisni fi gaaffiin garmalee hin jirretti qofa," jechuun himaniiru.

Gama biraatiin Gamtaan Awurooppaa Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Iraan tarree shororkeessummaatti dabalera.

Pirezidaantiin Paarlaamaa Awurooppaa "Torban kana keessa Awurooppaan dhumarratti Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) akka dhaabbata shororkeessummaatti moggaasuuf carraa fi dirqama seena qabeessa qabdi."jedhan.

Roobartaa Meetsoolaan murtee kana "tarkaanfii fakkeenyaa gaarii" jechuun ibsiteetti, itti gaafatamummaa Awurooppaan kana hojiitti jijjiiruuf qabdus cimsitee dubbatan.

"Haqni namoota kumaatamaan lakkaa'aman daandii irratti ajjeefamaniif," akkasumas "Iraan miliyoonaan lakkaa'aman cunqursaa jala jiraatanii fi nu eegaa jiraniif" ni gaafanna jedhan.

Ministiroonni dhimma alaa biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa qoqqobbii haaraa Kamisa Amajjii 29 labsuuf jiru, kunis namoota mirga namoomaa sarbaman fi dhaabbilee 10 Iraan keessatti diroonii oomishuuf hirmaatan irratti xiyyeeffate.

Ministirri dhimma alaa Xaaliyaanii jalqaba torbee kanaa akka jedhanitti, Eegdota Warraaqsa Iraan tarree dhaabbilee shororkeessummaa Gamtaa Awurooppaa keessatti dabaluudhaaf yaada dhiyeessan. Faransaay, Jarmanii fi Ispeenis yaada dhihaate kana irratti walii galuu isaanii ibsaniiru.