Yeroo muddamni cimetti Itoophiyaan Sa'udii waliin hariiroo cimsachuuf

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Itoophiyaan yeroo Gaanfa Afrikaatti muddamni cimetti Sa'udi Arabiyaa waliin hariiroo cimsachuuf marii taasifte.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiwoos gara Sa'udi imaluun gita isaanii waliin marii taasisuu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibseera.

Daawwannaafi mariin kuni yerootti Gaanfa Afrikaatti muddamni cimeefi biyyoota jajjaboo Giddugala Bahaa dorgommii cimsanitti mudate.

Biyyoonni Giddugala Bahaa badhaadhan, Sa'udi Arabiyaafi Yunaayitid Arab Emireet Yaman akkasumas Sudaan keessa wal dhabaa jiru.

Haleellaa Sa'udiin Yaman keessatti haleellaa raawwatte booda UAE'n loltoota ishee Yaman keessaa baasteetti.

Gama kaaniin biyya ollaa Itoophiyaa Sudaanitti biyyoonni lamaan gartuulee garagaraa bira dhaabbatu jechuun himatamu.

Sa'udiin waraana Sudaan kan Janaraal Al Burhaaniin hoogganamu ni tumsiti, Yunaayitid Arab Emireet immoo Humna Addaa (RSF) ni deeggarti jechuun himatamu.

Gama kaaniin Somaaliyaaniis hariiroo UAE waliin qabdu kutuu ibsuun, Sa'udi waliin hariiroo cimsataa jirti.

Itoophiyaan immoo UAE fi Sa'udi Arabiyaa waliin hariiroo jabaa qabdi.

Keessumaa erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti dhufanii Itoophiyaan Yunaayitid Arab Emireet waliin hariiroo jabeessiteetti.

Yunaayitid Arab Emireetii (UAE) fi Sa'udi Arabiyaan Yaman fi Sudaan keessaa wal dhabaa jiru.

Dirreen itti aananii wal falman Itoophiyaa ta'uu mala jechuun xinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad BBC'tti yaaddoo himatee ture.

Biyyoota waliin hariiroo yoo tolfannu waan sadii irraa fayyadamuufi jedha Jawaar; misooma, nageenyaafi ijaarsa dimookiraasiirratti akka nu tumsan.

Waggoota MM Abiy aangootti dhufan booda hariiroon UAE waliin tolfame ''hariiroo hirkattummaaati'' jechuun ibsa.

Inumaa dhimma nageenyaa Itoophiyaa keessa jiru warri UAE ''ni hammeessan'' jechuun himata.

Itoophiyaan UAE waliin hariiroo isheen gama dinagdeefi sirna dimookiraasii ijaaruurratti osoo xiyyeeffachuu qabduu, gama nageenyaan cimsite jedha.

Kunis, ''wal waraansa Itoophiyaa keessa kan hammeessaa'' dhufe.

Somaaliyaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Suleeyimaan Daddafoo garuu Itoophiyaan biyyoota lamaan waliin hariiroo jabaa akka qabduu dubbatan.

UAE fi Sa'udi Arabiyaan Liibiyaa, Sudaan, Yaman, Itoophiyaa, Somaaliyaa hanga Sooriyaatti ''wal dorgommii cimaa keessa jiran'' jedha Jawaar.

Yaman fi Sudaan keessa erga wal dhaban booda ''ammammoo Itoophiyaa irrattillee wal dura dhaabbachaa jiru,'' yaada jedhu qaba.

Dr Gediyoon Ministira Dhimma Alaa Sa'udi Arabiyaa Ilma Mootii Fayisal bin Farhaan Al Saawud waliin hariiroo waloo isaanii cimsuuf mari'achuu ibsameerra.

''Qaamoleen lamaan barbaachisummaa hariiroo waggaa dheeraaf tureefi wal ta'insa siyaasaafi dinagdee fooyyessuuf'' mari'achuu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibse.

Kaayyoon marii kanaa ''michuu tarsiimawaa'' biyyoota lamaan gidduu cimsuuf akka ta'e himame.

Aangawoonni lamaan Gaanfa Afrikaatti nagaafi tasgabbii akka fooyya'u hojjechuuf waliigaluu Ibsi Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa ibseera.