Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haasaa MM Abiy parlaamaa irratti taasisaniif Ertiraan deebii kennite
MM Abiy Ahmad haasaa kaleessa paarlaamaa irratti waa'ee Galaana Diimaafi loltoota Ertiraa ilaalchisuun dubbataniif Ertiraan deebii kennite.
Wiixata, Guraandhala 3, 2026 mana maree bakka bu'ootatti dhiyaachuun gaaffii miseensota mana marichaarraa ka'uuf MM Abiy deebii yoo kennan, dhimma ulaa galaanaa argachuufi waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamee Ertira cimsanii qeeqan.
Waraana kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaaf gaggeeffamerratti mootummaa Itoophiyaa tumsuun humnoota Tigraay lolaa kan turan loltoonni Ertiraa, warshaalee dabalatee Tigraay keessaa qabeenya guddaa saamuu isaanii MM Abiy paarlaamaa irratti dubbatan.
MM Abiy wayita waraanni gaggeeffamaa ture sanatti loltoonni Ertiraa yeroo qabeenya kaan saamaa, kaan ammoo barbadeessaa, akkasumas namoota ajjeesaa turanitti Itoophiyaa waliin wal dhabaa turuu kaasan.
Wadhabdeen keessa keessa hammaataa dhufe sun ammoo gaafa waliigalteen Piritooriyaa mallattaa'ee waraanni dhiiga dhangalaasaa ture dhaabbate Ertiraan waraanni maaliif dhaabbataan ifatti mormite.
Ertiraan dubbii gaggeessaa Itoophiyaa kanaaf deebii kenniteen, mootummaann Itoophiyaa yeroo waraanichi gaggeeffamu Ertiraa galateeffataafi medaaliyaa badhaasaa ture amma Ertiraa maqaa balleessaa akka jiru ibsite.
Ministiira Odeeffannoo Ertiraa kan ta'an Yamaanaa Gabramasqal X gubbaatti Itoophiyaa qeequun ibsa kennaniin, mootummaan Itoophiyaa paarlaamaa irratti dhiyaatee sobaafi waan dhugaarraa fagaate dhiyeessaa akka ture ibsan.
"Akkuma yaadatamu, namuu beeku- gaggeessitoonni PP [Paartii Badhaadhinaa] akkasumas qondaalonni waraanaa olaanoon yeroo waraanichi gaggeeffamuufi waraana boodas loltoota Ertiraa gar-malee jajaaa turan, Medaaliyaawwan Biyyaalessaas kennaafii turan," jechuun Itoophiyaan erga waraanni darbee booda maqaa Ertiraa xureessaa akka jirtu barreessan.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamerratti Ertiraan waraana bobbaasuun yeroo mootummaa Itoophiyaa gargaaraa turtetti, MM Abiy mana maree bakka bu'ootaa irratti dhiyaachuun Ertiraan Itoophiyaaf oolmaa guddaa akka oolte dubbachuun ifatti galateeffatanii turan.
Qondaalonni waraanaafi siyaasaa olaanoon Itoophiyaas irra deddeebiin loltoota Ertiraafi mootummaa Ertiraa jajuun galateeffataa turan.
Waliigalteen Piritooriyaa mootummaa Itoophyaafi TPLF gidduutti mallattaa'uu hordofee walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Ertiraa gidduu jiru laaffatee, wal-jajuurra gara wal-balaaleffachuufi wal-gaarreffachuutti cehe.
MM Abiy haasaa kaleessa, Guraandhala 3, paarlaamatti taasisan irratti, "Ertiraan TPLF osoo hin balleessin Waliigalteen Piritooriyaa mallattaa'uu hin qabu" jechuusheerraa kan ka'e walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii akka hammaate dubbatan.
Dhimma ulaa Galaana Diimaa argachuurratti dubbiin MM Abiy kaleessa dubbatanis Ertiraa dheekkamsiisera.
MM Abiy Galaanni Diiman dhimma fedhiifi nageenya biyyaalessaa Itoophiyaa wajjin kallattiin wal-qabatu ta'uu kaasun, "Itoophiyaafi Galaanni Diiman yoomiyyuu gargar bahanii jiraachuu hin danda'an" jedhanii dubbatan.
Kana ammoo akkaataa itti Israa'el Gaarren Goolan qabatteefi nageenya biyyaalessaasheef jettee to'attee akka jirtuufi Galaanin Diimanis akkasuma Itoophiyaaf murteessaa ta'uu ibsan.
Ertiraan garuu akkaataan itti Itoophiyaan waa'ee Gaarreen Goolaaniifi Galaana Diimaa walitti fidde waan wal-hin fakkaannefi fedhii Ertiraa waraanuf qabduuf haala mijeeffachuuf akka ta'e ibsite.
"Sobi Paartiin maqaa malee bu'uura hin qabne [Paartiin Badhaadhinaa] dhiyeesse kan irraa maddu...maqaa "mirga ulaa galaanaa argachuu" jedhuun ajandaa waraana Ertiraa irratti gaggeessuuf qabu irraati," jechuun ibsan Yamaanaa Gambra Masqal.
MM Abiy erga aangotti dhufanii as Itoophiyaaf ulaan Galaana Diimaa ni mala jechuun ajandaa biyyaalessaa akka ta'u godhaniiru.
Kana milkeessuuf ammoo dippilomaasii akka filannootti akka fayyadaman ibsanis, Ertiraafi Itoophiyaa gidduutti dhimma ulaa galaanaa irratti ifatti mariin gaggeeffamuu waanti ibsame hin jiru.
Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa irra deddeebiin kaasuun, Ertiraa yaaddoo waraanaa keessa galcheera. Kanarraa kan ka'e biyyoota lamaan gidduutti waraanni ka'uu mala yaaddoon jedhu ammayyuu jira.