Bulchiinsi yeroo Tigraay walitti bu'iinsi humnoota Federaalaa waliin godhame "kan ta'uu hin qabne ture" jedhe

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Bulchiinsi Yeroo Tigraay walitti bu'iinsi tibbana mootummaa Federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti uumame "kan ta'uu hin qabne ture" jedhe. "Sababa walitti bu'insaa kanaan addaan kan cite balaliin Daandii Qilleensaa Itoophiyaa akka jalqabuufis mootummaa Federaalaatiif gaaffii dhiyeessuus beeksiseera.

Bulchiin Yeroo Naannoo Tigraay Leetenaant Jeneraal taaddasee Warradeen hogganamu kun kan kan jedhe ibsa haala yeroo ilaalchisuun Dilbata Guraandhala 01, 2026 baaseen ture.

Humnoonni Tigraay fi raayyaan ittisa biyyaa jalqaba torban darbeerraa kaasanii walitti bu'iinsa keessa galanii ture.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dhuma torban darbee ibsa baaseen, walitti bu'iinsi kan mudate bakka naannolee Tigraay, Affaarifi Amaaraa wal-daangessutti akka ta'e beeksise.

Bakka naannoleen Amaaraafi Tigraay kan kooti jechuun irratti wal-falman Tsallamt keessatti bakkeewwan argaman Maayi Daagush, Maancaraafi bakkeewwan biraatti meeshaalee waraanaa gurguddaan walitti bu'iinsi gaggeeffamaa akka tures, gaabasi komishinichaa ni ibsa.

Jimaata halkaniifi Sambata ganama haleellaa diroonii giddu galeessa Tigraayitti gaggeeffameen namni tokko yoo du'u, namni tokko ammoo madaa'uu Bulchiinsi Yeroo Tigraay mirkaneessee ture.

Gama biraan ammoo Bulchiinsi Yeroo Tigraay Dilbata, Bitootessa 1, 2026, halkan ibsa baaseen, sababni walitti bu'iinsa kanaa "gaaffiin Tigraay bifa waaraa ta'een deebii argachuu dhabuurraa kan ka'eedha" jedhe. Furmaanni waaraan dhabamuu jechuun mootummaan naannichaa kan ibse dhimma "buqqaatotaafi daangaan Tigraay kabajamuu dhabuudha".

Haa ta'u garuu, sababni ijoon walitti bu'iinsa torbee darbe mudatee sirriitti ifa miti. Pirezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Jeneraal Taaddasaa Warradaa gaaffifi deebii karaa TV Tigray Sambata halkan tamsa'e irratti, walitti bu'iinsi kan dhalate humnoonni Tigraay gara naannoo Tsallamt seenuuf yeroo jedhanitti kan uumame ta'uu ibsan.

"Tsellamti gara oliifi Tsellamti gara gadii akka socho'aniif humni xiqqaan akka cehu murtaa'ee ture," jechuun sochiin hidhattootaa murtee Bulchiinsa Yerootiin ta'uu akeekan.

Jeneraal Taaddasaan akka jedhanitti, hidhattoonni gara naannichaa akka seenan godhamuunsaanii buqqaatonni deebi'uu dhabuusaaniin kan wal-qabatuudha.

"Yaaliin buqqaatota deebisuu Bulchiinsa Yeroo osoo hin hirmaachisin" gaggeeffamaa jiraachuu kan komatan Jeneraal Taaddasaan, "karoora buqqaatota deebisuu hojiirra oolchuu irratti Bulchiinsa Yeroo guutumaan guututti dhiisuun gaggeeffamaa jira, kuni akka sirratuuf gaafata turreera" jedhan.

Naannoo Tsallamtitti "bulchiinsi seeraan alaa diigamuu qabu ture jabaachaa deemuun" akkasumas eenyummaan balaarra bu'uu akka sababaatti dhiyeessan.

Sirni barnootaa bakkichatti jijjiiramee barattoonni afaan Amaaraan akka barataniif dirqamuus dabalanii ibsan.

Humnoonni Tigraay Tsellamtitti sochii akka godhan kan taasifame dhimmi kun irra deebiin "ajandaa ta'ee akka ka'u gochuuf malee sochiin waraanaa hin taasifamne" jedhan.

Sochiin kun yeroo taasifamu "walitti bu'iinsi hin eegamne gaggeeffameera" kan jedhan Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay, "akka waan waraana guututti galamee kan fakkaatu haleelaan diroonii gaggeeffamuusaaf" mootummaa federaalaa komataniiru.

"Haleellaawwan diroonii gaggeeffamaa turaniifi waraana guutuu gaggeessutti cehuuf qophiiwwan godhamaa jiran gaarii miti," jechuun mootummaa federaalaa qeeqaniiru.

Mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay gidduutti walitti bu'iinsi mudachuu hordofee Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Kamisa darberraa kaasee balaliiwwan gara Tigraayitti taasisu addaan kuteera.

Sababii balaliin gara Tigraayitti taasifamu adda citeef imala gara Finfinneetti taasisuuf jalaa danqamuu Jeneraal Taaddasaa Warradaa ibsaniiru.

Walitti bu'iinsa mudateefi dhimmoota biroo irratti "mootummaa federaalaa wajjin mariyachuuf" beellama qabatanii turuu kan himan Jeneraal Taaddasaan, balaliin gargar cituurraa kan ka'e osoo hin deemin hafuu ibsan.

Balaliin deebi'ee kan eegalu yoo ta'e, marii taasisuuf gara Finfinnee akka imalanis eeraniiru.

"Garaagarummaa keenya dhiphisnee rakkoo jiru furuu qabna. Gara waraanatti galuuf fedhii hin qabnu; gaaffii keenya akkaataa waliigaltee Piritooriyaan ni furra," jedhan.