'Waamicha marii Gamtaan Afrikaa taasise nan fudhadha'- TPLF

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Mootummaa Itoophiyaa waliin bifa haaraan muddama keessa kan gale TPLF waamicha marii Gamtaan Afrikaa taasise akka fudhatu beeksise.

TPLF kana kan beekse ibsa kaleessa, Amajjii 31, baaseen yoo taa'u, Gamtaan Afrikaa haala naannoo Tigraay keessa jiru mootummaan federaalafi TPLF hammeessurraa akka of qusataniif waamicha dhiyeesse akka fudhatuufi marii Gamtaa Afrikaa jalatti hogganamu akka fudhatus ibse.

Naannoo Tigraayitti raayyaa ittisaafi humnoota Tigraay gidduutti walitti bu'iinsifi muddamni bifa haaraan ka'uu hordofee, dura ta'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Maahimud Alii Yusuuf, mootummaan federaalaa fi TPLF haala naannicha keessa jiru akka isaan yaaddesseefi mootummaan federaalaafi TPLF dubbii hammeessurraa akka of qusatan gaafa Amajji 30, 2026 ibsa baasaniin waamicha dhiyeessanii ture.

TPLF ammoo waamicha Komishiniin Gamtaa Afrikaa dhiyeesse kana akka fudhatu ibsuun, rakkoo isaafi mootummaa federaalaa gidduu jiru furuuf mariin filannoosaa jalqabaa akka ta'e beeksise.

"Muddama jiru tasgabbeessuun mariin akka taasifamuuf waamicha dhiyaate TPLF ni simata," jechuun ibse.

Dabaluunis, TPLF marii Gamtaa Afrikaatiin hogganamuufi kaayyonsaa nagaa buusuu, wal-amantaa cimsuufi araara fidu ta'e kamiyyuu akka fudhatus beeksise.

"TPLF Marii dhugaa, hammataa ta'eefi bu'aa irratti xiyyeeffate irratti hirmaachuuf qophiidha; akkasumas Waliigalteen Piritooriyaa bifa guutuu ta'een akka hojiirra oolu Gamtaan Afrikaa akka deeggarsa godhu ni abdanna," jedha ibsi TPLF kun.

Gama biraan ammoo Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay haleellaa diroonii kaleessa, Amajjii 31, giddu galeessa Tigraayitti gaggeeffame balaaleffateera.

Biiroon Kominikeeshinii Naannoo Tigraay haala yeroo ammaa naannicha keessatti deemaa jiru ilaalchisuun ibsa fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti baaseen, haleellaa diroonii gaggeeffameen lubbuun namaafi qabeenyarra miidhaan gahuu ibsuun haleellicha balaaleffateera.

"Haleellaan diroonii Godiina Giddu Galeessa Tigraay, magaalaa Intichoofi naannoo Gandaabtaa jedhamutti gaggeeffameera. Haleellichi kan irratti xiyyeeffate konkolattota Isuzu meeshaalee nyaataa fe'an lama irratti. Kanarraa kan ka'e konkolaachisaan tokko yoo du'u, gargaaraa isaarra miidhan cimaan gaheera.

Bulchiinsi Yeroo Tigraay haleellaa hamaa namoota nagaa irratti gaggeeffame cimsee balaaleffata. Maatii miidhamtootaaf gadda keenya ibsuu barbaanna, jajjabinas hawwinaaf," jechuun uummanni yeroo sochii taasisu of-eeggannoo cimaa akka godhu ibse.

Bulchiinsi Yeroo Tigraay Jeneraal Taaddasaa Warradaan hogganamu ibsa isaa kanaan, haleellaan diroonii eenyun akka gaggeeffame waanti ifa godhe hin jiru.

Naannoo Tigraayitti jalqaba torban kanaa kaasee bakkeewwan akka Tsellamtiifi Mahatsabrii jedhaman fa'aatti humnoota federaalaafi humnoota TPLF gidduutti walitti bu'iinsi turuufi bakkeewwan kaanittis muddamni hammaachuu BBCn naannicharraa odeeffateera.