Yeroo jalqabaaf DNA'n leencaa adamsituu qabachuuf hojjiirra oole

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Addunyaa irratti yeroo jalqabaaf DNA'n leencaa adamsitoota himachuudhaaf faayidaarra oole.

Ogeessi yakka bineensota bosonaa qoratu Zimbaabwee keessatti reeffa bineensa du'erraa kutaa qaamaa akkaa samuudaatti fudhachuun odeeffannoo DNA leencaa duraan kaa'amerraa adda baasuun danda'ameera jedha.

Samuudni dhiigaa kanaan dura leenca kormaa irraa fudhatame, leenci kuni raadiyoon funyoo morma isaarratti fayyadamuun paarkii Hiwaaangee keessatti hordofama.

Bara 2024 taatee mudateen adamsitoonni lama mana hidhaa bu'aniiru,murtoon akkasii biyyattii keessatti yeroo jalqabaaf hojiirra oole.

Murtoo darbe kanaaf odeeffannoon DNA akkaan gumaache.

Dhaabbanni miti-mootummaa daldala bineensota bosonaa dhaabuuf hojjetu Tiraafiik jedhamu haala ture ibseera.

Caamsaa 2024 qondaaloti Paarkiin Biyyaalessaa Hiwaangee raadiyoon morma leencaa irratti hidhamee ergaa dabarsuu dhaabnaan shakkan.

Poolisiin dhimma kana gaafa qorachuu jalqabu kiyyoo rifeensi leencaa irra jiru qofatu argate.

Ragaa fooreensiikii walitti qabuun booda namoota lama naannciha jiraatan gaafachuu jalqaban, achiin foon qalqalloo sadii, qeensa leencaa 16, ilkaan afur argatan.

Kutaaleen qaamaa argaman kunneen hundi booda odeeffannoo DNA waliin wal bira qabamanii ilaalamuuf jiru. Kunis leenca bade sana argachuufi.

Zimbaabwee keessatti qaama leencaa dhuunfachuun yakka miti.

Qaama leencaa kana kan duriiti, faayaa aadaati, leenca uumamaan du'erraa argame jechuun fa'a bira darbuun danda'ama.

Kanaaf kanaan dura nama adamoo raawwate to'annoo jala oolchuun rakkisaa ture.

Amma garuu DNA dhaan wal-simsiisuun adda baasuun ni dand'ama.

Kutaalee qaamaa reeffa leencaa irraa argaman kunneen walitti qabuun erga DNA laaboraatorii keessatti adda baasaniin booda, samuuda dhiigaa leenca raadiyoon mormasaa irratti hidhame ture wajjin wal bira qaban.

Saamudni lameen kunneen wal fakkaatanii argamnaan saayintistoonni bineensa bade kana adda baasuu danda'aniiru.

Dhaabbanni Victoria Falls Wildlife Trust (VFWT) waggoota saddeet darban keessatti paawundii 250,000 deeggarsaan argachuun odeeffannoo DNA leencaa qindeessuu danda'aniiru.

Namoonni DNA kana adda baasaniifi dhaabbata kana keessaa hojjetan maqaan isaanii akka hin eermane gaafataniiru.

''Kanaan dura teeknolojiin qabnu sanyii bineensaa akka adda baasnu qofa nu gargaara ture, innimmoo gahaa miti,'' jedhu

''Amma qeensa leenca kanaa fudhannee odeeffannoo leenca isa barbaadamaaa jiru waliin walitti qabnee ilaaluu dandeenya,'' jedhu.

Leenci kuni ajjeefamee guyyaa 10 keessatti ragaan DNA'n mana murtiitti dhiyaate.

Namoonni lama balleessaa amanuun hidhaa baatii 24'n adabamaniiru.

Dhaddacha kanarratti leenci ajjeefame doolaara 20,000 akka baasu himameera.