Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bineensi 'maalummaasaa hin beekne' lubbuu galaafachaa, nu shororkeessaa jira- jiraattota Shawaa Lixaa
"Dhaqee lapheerratti yeroo na dhaabbatu uffata narratti kute. Harkasaatiin harka bitaakoo na moccore," jedhu jiraataan aanaa Ada'aa Bargaa.
Bineensi 'maalummaansaa hin beekamneefi kanaan dura naannichatti mul'atee hin beekne' lubbuu jiraattotaa galaafachaa jiraachuu jiraattonni Godina Shawaa Lixaa aanaa Ada'aa Bargaa BBC'tti himan.
Bineensi jiraattonni "dhiiga xuuxa" jechuun ibsan aanaalee Godina Shawaa Lixaa kan biroo lama Meettaa Roobii fi Meettaa Walqixxee keessattis mul'achuunsaas himameera.
Jiraataan Aanaa Ada'aa Bargaa ganda Maaruu Cobot Obbo Dabalii Dhaabaa waa'eedhuma bineensa kanaa ALI Guraandhala 9, 2018 waaree dura BBC waliin af-gaafii erga taasisanii sa'aa muraasa booda bineensa kanaan miidhaan irra gahuu himan.
Guyyichatti naannoo sa'aa 10:00'tti midhaan guuraa osoo jiranuu bineensi kun gara qe'ee nama tokkoo ol seenuun xuuxillaa (buchillaa) saree fudhachuusaafi namoonni faana bu'uun itti marsuu Obbo Dabaliin himu.
"Daggala wayii seenee achitti itti marsine. Achitti ka'eetuma dhufee lapheetti na dhaabate. Meeshaadhaan achi ofirraa darbadhe, meeshaanis [qawwee] akka carraa ni ciniine," jedhan.
Kana gidduutti bineensi kun qeensa isaatiin erga miidhee booda fiigee achuma daggala keessa dhokkachuusaa himan.
"Namarra koree hidda iddoo laafaa nama qabachuu barbaada. Kana birattimmoo harkaanis, miilaanis qeensisaa baay'ee jajjabaadha. Isaan boccoruufi dhaqna namaa foxxoqsuuf yaala" kan jedhan Obbo Dabaliin, "dhumarratti bakka inni riphee ciisutti meeshaadhaan ajjeesne" jedhan.
Harkisaanii "baay'ee dhiiguu" kan himan jiraataan kun, bineensichi erga ajjeefamee booda mana yaalaa deemanii yaalamuu himan.
Daa'ima waggaa 6 bineensichaan lubbuun darbe
Obbo Toleeraa Galaanaa aanaadhuma Ada'aa Bargaatti jiraataa ganda Maaruu Cobot yemmuu ta'an, maatii sababa bineensa kanaan miidhame keessaa tokko.
Daa'ima waggaa 6 firarraa fudhatanii guddisaa akka turan kan himan Obbo Toleeraan, daa'imni kun ALI Mudde 26, 2018 guyyaa keessaa sa'aa 10:00 irratti iddoo horiin oolutti daa'imman biraa walin tapharra akka ture dubbatu.
"Tiksee guddaan, daa'imni jajjabaan waliin jiran ture, nuyis fuuluma sana turre. Oggaa daa'imman achii iyyan yoo fiigne achi geenyu (bineensichi) ammasumatti mucaa morma kutee mucaan lubbuunsaa darbee jira," jedhan.
Jiraataan kun bineensi kun ergasii asis re'ee tokko jalaa ajjeesuusaa kan himan yemmuu ta'u, "kana kan namatti deemee waan namaa humnaan nyaatu kana arginee, dhageenyeetis hin beeknu," jedhan.
Bineensi kun gandoota Bishaan Diimoo, Maaruu Cobot fi Gaattiraa Nabee keessatti yoo xiqqaate namoota sadi ajjeesuusaa jiraattonii himaniiru. Kunneen miidhaa qaamaa irraan gahe akka jiranis dubbau.
ALI Amajjii 12, 2018 "dubartiin tokko kophaashii osoo deemtuu bosona keessatti ishee nyaachuuf kan ka'e nuullee taabota galchuuf kan deemnu isa dhiisnee gara isheetti birmannee harkaa baafne" jechuun namoonni birmannaa hawaasaan lubbuun oolan akka jiranis Obbo Dabaliin himu.
"Bariisaa gaafa guyyaa 14 qotiisa qotaa osoo jirruu daa'ima wayii nyaachuuf yeroo deemu ijoolleen iyyitee birmannee ajjeesne," jedhan.
"Bineensa beekamuu miti"
Bineensi kun jiraattotarratti rakkoo geesisuu erga eegalee waggoota sadi lakkoofsisuu kan himan Obbo Dabaliin, "bineensa beekamuu miti, biyya kanarratti ijumaanuu arginee hin beeknu. Nuyi miti maanguddoonni nu dura turan arganii hin beekan," jedhan.
"Jalqaba Aanaa Ada'aa Bargaa ganda Bishaan Diimootti nama jabaa abbaa maatii nyaatee ture," jedhan.
Itti aansuunis gandoota aanichaa Haroo Shoboree, Gaattiraa Nabee fi Maaruu Cobot keessatti mul'achuu akka eegaleefi jiraattotarratti miidhaa geesisuu akka itti fufe jiraattonni ni himu.
Jiraataan aanaa Ada'aa Bargaa inni biraan Obbo Taaddasaa Jootee, "bineensi akkanaa dur hin jiru. Bineensi dur jiru kan akka qeerransaa, waraabessaafi qamaleeti. Bineensi kun bakka dhufee hin beekamu, halkan loo'ee dhufe," jedhan.
Jiraattonni ganda isaanii keessa bineensa kana sadi ajjeesuu isaaniis jiraataan kun himaniiru.
"Amallisaa akka qeerransaati, waa hundisaa bifuma qeerransaati kan qabu" kan jedhan Obbo Dabaliin, bineensi kun dhiiga xuuxuun cinatti 'foon hallayyaa galchee yookiin mukarra korsiisee erga foon tortoree ni nyaata' jedhan.
"Maqaasaa Shattafaa jedhuu, Gurra Kutii jedhuu, hanga ammaatti namni maqaasaa adda baasee hin beekne," jechuunis himan.
Jiraataan aanichaa inni biraan Obbo Toleeraan immoo, "bineensi kun kafana warra riphee fakkaata, eegeerrattimmoo duffuriinsaa adiidha. Isaan booda gara kaan ni qal'ata, gara mormaa kanammoo akka uumaa qeerransaa ta'ee qeerransaan adda. Akka goobaatti fuldurrisaa akka malee si sodaachisa, gooba guddata," jedhan.
Bineensi kun Deeroo ta'uusaa kan gaafanne jiraataan kun , "Deeroo keechatti jiraanne, isa kana argineetuu hin beeknu. Kuni Deeroodhaan adda" jedhan.
'Nabseen keenya nu qabeetuma jira'
Sodaan bineensi kun jiraattota aanichaarratti uume hojii guyyuu jiraattotaarratti danqaa ta'uu jiraattonni BBC'n haasofsiise ni himu.
"Akka ganda keenyaatti qotee bulaan keenya ofii isaatiif ijoolleesaa gara mana barumsaatti gaggeessa.
Iddoo bosonaa, iddoo itti shakku bira dabarsee haala kanaan daa'imti gara mana barumsaa akka deemtu gochaa jiru," jedhu Obbo Dabaliin.
"Mootummaan bineensa kanaaf xiyyeeffannoo kennee funaanamee paarkii keessatti galuu qaba malee ummatarraan miidhaa kanaa ol geesisuuf jira.
Baadiyyaa keessatti daa'immantu horii bobbaasee eega. Amma garuu daa'imti horii bobbaasuu dhiistee gara qe'eetti deebitee nama gurguddaatu gurmaa'ee horii ofii eeggachaa jira," jedhan.
Dhimma bineensa kanaa walgahiiwwan garagaraarratti kaasuusaanii kan himan Obbo Toleeraan, "ammas nu nyaata, maal goona?' jennee nabseen keenya nuqabeetuma jira" jedhan.
Obbo Taaddasaa Jootee gama isaaniitiin, "amma namni kophaa hin deemu, baay'atanii bosona keessa kutanii deemu malee kophaa hin deemu. Namni sodaatee jira. Namni jabaanuu bishaan kophaa hin waraabbatu," jedhan.
"Milishoonniifi Raayyaan Ittisaa 'nutti himaa isin gargaarra, yeroo agartan gara keenyatti bilbilaatoo isin gargaarra jechuun nu jajjabeessaa jiru" kan jedhan Obbo Taaddasaan, 'ummanni sodaa guddaa keessa jira' jedhaniiru.
Bineensicha ija ogeessaan
Dhimma bineensa kanaafi yaaddoo jiraattotaa ilaalchisee BBC'n yaada angawoota aanichaafi godinaa argachuuf yaaliin taasise ammatti hin milkoofnne.
Itti Gaafatamaan Komunikeeshinii Aanaa Ada'aa Bargaa Obbo Birhaanuu Yaadatee, ALI Guraandhala 9, 2018 'abbaa dhimmaa waliin akka jiraniif fi sa'aa 11:00 irratti akka bilbilluuf erga nutti himanii booda yeroo jedhametti yeroo bilbillu bilbila nu jalaa hin kaasne.
Komunikeeshinii Godina Shawaa Lixaarraa Obbo Warquu Hundeessaa gama isaaniitiin, "Ani wantan odeeffannoo qabu hin jiru. Biiroo Komunikeeshinii Naannoo gaafadhaa" jechuun nuuf deebisaniiru.
Gama biraatiin Dhaabbata Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaatti Ogeessa Misoomafii Itti Fayyadama Bineensa Bosonaa kan ta'an Obbo Ashannaafii Mangistuu, qaamni dhimma bineensa kanaa dhaabbata isaaniitti eeruu kenne yookiin beeksise akka hin jirre BBC'tti himaniiru.
Haata'u malee, waa'ee bineensa kanaa miidiyaalee hawaasaarratti arguusaanii dubbatan.
Dhaabanni isaanii lafa hektaara miliyoona afur ta'u akka hogganu kan himan Obbo Ashannaafiin, iddoon bineensi kun miidhaa geesisaa jira itti jedhame to'annoo isaanii jala kan hin jirre ta'uusaas himan.
Haata'u malee, akka adeemsaatti rakkoon bineensota bosonaan ummatarratti qaqqabu hammaataa yoo ta'e hojimaatni bineensicharratti tarkaanfiin itti fudhatamu akka jiru himan.
Jalqaba "Abbaa Taayitaa Eegumsa Bineensa Bosonaa Itoophiyaaf eeruutu kennama. Achii booda iddoon kun to'atamee, biiroolee adda addaarraa ogeessonni walitti dhufanii qorannoo gaggeessu," jedhan.
Akka Dambii Mana Maree Ministirootaa Misooma, Eegumsafi Itti Fayyadama Bineensota lakkoofsa 163/2008 irratti kaayamettis, Abbaan Taayitaa Eegumsa Bineensa Bosonaa Itoophiyaa qorannoo taasisee, bineensi rakkoo hammaataa geesisaa jiraachuunsaa yoo murtaa'e ajjeesuu akka danda'u himaniiru.
"Qoratamee qo'annoo sanirratti hundaa'uun abbaan taayitichaa warra adamoo gaggeessan irratti affeeruun karaa saayinsii isaa eegeen akka xiqqaatu taasifamuu danda'a' jedhaniiru.
Gama biraatiin suuraa bineensa aanaa Ada'aa Bargaatti jiraattotaan ajjeefamee ergineefii kan ilaalan Obbo Ashannaafiin, bineensichi 'akaakuu qeerransaa keessaa 'Leopard' kan jedhamudha' jechuun nuuf deebisaniiru.
Oromiyaa keessatti qeerramsi miidhaa namarraan gahuun kun kan jalqabaa miti. Kanaan dura Harrgeetti mana namaa seenee miidhaa namarraan gahuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama.