Barsiistuu qubsuma harka qalleeyyii wiirtuu barnootaatti geeddaruun doolaara miliyoona tokko badhaafamte

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Karaan qalloo gabaa Kolaabaa magaalaa Mubaayi lafa cittuu dhakaa konkiriitii xixiqqoo namoonni wayyaa irratti miiccatanii qorfatanitti nama baasa.

Naannichi manneen qorqoorroo xixiqqoo walitti hirkataniifi halluu garaagaraa diibamaniin kan guutame dha. Qubsumni kuni namoota wayyaa miicanii fi maatii isaanii achuma jiraataniin kan qabatedha.

Wiirtuun barnootaa karaa qaqalloo keessatti suuqamee jiru tokko ijoollee hawaasa kanaaf barnoota herreegaafi dandeettii afaanii kenna.

Ijoolleen garii barnoota yeroo jalqabaaf kan argatan yoo tahu gariin ammoo isa addaan kutanitti deebi'aa jiru.

Wiirtuun kuni dhaabbata tola oolaa dubartii ganna 45 waggoota kurna sadeen darbaniif hawaasa magaalattii moggaattii dhiifame barsiisuuf hojjetaa jirtuun hundeeffame.

Ruubil Naagii badhaasa idl-addunyaa barsiisotaaf kennamu Global Teacher Prize jedhamurraa doolaara miiliyoona tokko argatteetti. Badhaasni kuni dhaabbata Vaarkee Faawundeeshiiniifi Unesco'dhaan badhaasa barsiisota hawaasaaf gumaacha addaa taasisaniif kennama.

Naagiin kaadhimamtoota 5,000 iyyata biyyoota 139 keessaa filatamuu Global Teacher Prize beeksiseera.

Dhaabbatichi Naagiin karaa dhaabatashee artii wiirtulee Rouble Nagi Art Foundation (RNAF) '' Hindii keessatti hawaasaafi ollaa100 keesstti wiirtulee barnootaa 800 hundeessiteetti,'' jedhe.

Naagiin akkamiin hojii tola ooltummaa kana akka jalqabde yoo himtu waggaa 30 dura gurbaan tokko mana isheen aartii hojjettu akka tasaa dhaqa. Yeroos mucaan kuni mana barumsaa akka hin deemneefi humna mana barumsaa ittiin deemu akka hin qabne hubatti.

Naagiin mucaa kanatti erga dubbatteen booda hawaasa inni keessa jiraatu argite. Achiin naannicha halluudhaan miidhagsuuf gaafatte.

''Ijoolleen iddoo nuti halluu dibnutti walitti qabamuu jalqaban, achii oduu durii dhagahuu yoo barbaadan nan gaafadhe. Hundi isaanii 'eeyyee' jedhan'' jechuun yaadatti Naagiin.

Kanumaan ijoollee hawaasa harka qalleeyyii keessa jiran aartii fayyadamuun fedhii barnootaa keessatti horte.

Waggoota darban kana keessa Naagiifi gareenshee magaalawwan Hindii baayyee keessatti wiirtulee barnootaa hedduu banan. Barsiisonnis yaad-rimeewwn wal-xaxaa tahan aartii fayyadamuun barsiisu.

Namoonni kitaaba, borsaafi miyoota barnootaa biroo arjoomuun hojii tola ooltummaa kanarratti hirmaachuu jalqaban.

Naagiin wiirtuleen barnootaa isheen hundeessite kunneen hundi kutaa keessatti akka hin kennamne himuun, ijoolleen ollaa baayyee harka qalleeyyii tahan keessa jiran alumatti handaqiin afameefi baratu jette.

''Akka nama hawwatu taasisi malee barnooti eessattiyyuu kennamuu danda'a,'' jetti Naagiin.

Kana malees ijoolleen kunneen maatii jeeqamaa keessaa waan dhufaniif barsiisonni yeroo garii akka gorsitoota qor-qalbiitti isaan deeggaru.

''Daa'mni tokko torbee tokkoof yoo wiirtuu barnootaa dhufuu baate, tola ooltonni dhaqanii manatti iyyaafatu,'' jechuun Naagiin ibsiti.

Maatii ijoollee kunneenii waliinis marii'achuun barnoota ijoollee isaanii irratti fedhii akka godhatan gargaarti.

Haala kanaan ijoolleen barnoota isaanii xumuruun dabalataan wiirtuu sanaa bahanii kooleejii galaniiru jetti.

Barataan duraanii Maayuur jedhamu yeroo ammaa kana aartii barsiisaa, daldala maxxansaa irratti bobba'ee jira. Sanbattanirra gara iddoo ofii barate wiirtuu Naagii deemun tolaan ijoollee barsiisa.

''Hawaasa qubsuma akkaan walitti siqanii jiraatan keessatti barataa qofa wajjin otoo hin taane hawaasa waliinis waliigaluu qabda. Kunimmoo qarshii arjoomuu hanga fedhii isaan gad taa'anii dhaggeeffachuu dabalachuu danda'a. Hawaasarraa deeggarsaa fi amantii yoo arganne, hojii keenya itti fufuu dandeenya,'' jechuun ibsiti Naagiin.

Keenyan naannoo sana irratti halluu gargaraa dibuun fakkii kaasteen saayinsii, qulqulliina eeguu, eegumsa naannoofi itti gaafatamummaa hawaasaa barsiifti.

Keenyan irratti fakkii kaasuun jiraattonni gaaffii akka gaafataniifi yeroo dheeraa keessa ammoo amalaafi ilaalcha namootaarratti jijjiirama fida jettee amanti.

Naagiin maallaqa argatteen hojii ishee kana babal'isuu barbaaddi. Wiirtuulee kompitaraan deeggaramuun hojjetan ijaaruuf karoorsiteetti.

Ollaa Kolaabaa keessatti kenyan manneen qorqorroo xixiqqoo fakkii qalbii namaa dadammaqsaniin guutameera. Wiirtuun isheen barnoota keessatti kennitus fakkii waa'ee biqilootaafi bineensotaa barsiisani guutamanii jiru.

Kahuushiin ijoollee ganna torbaa yoo taatu mana barumsaa deemuun akka itti tolu himti. Barsiistuu tahuu akka barbaaddus dubbatte. Haatishee mana nama hojjetteeti qofaa ishee guddisti.

Ijoolleen warri kaanis maatii haala diinagdee wal-fakkaataa qaban qabu. Garuu hundi isaaniiyyuu abjuu qabu, wiirtuun barnootaa Naagiis abjuu isaanii dhugoomsuuf waliin akka hojjetu hima.