'Dubartiin maqaafi gochaan Caaltuu' akkamitti akka yunivarsiitii caalutti barachuurra geesse dubbatti

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 10

Caaltuun ijoolleeshee qofaaf otoo hin taane obboleeyyan isheetiifis akka haadha lammaffaati. Bilisummaadhaan guddatte. Obboleessashee waliin kubbaa miilaa taphatti. Gaafa mo'atanis walumaan dhiichisaa ooltee galti. Akka bubbeeti, bakka tokko hin teessu. As jirti ennaa jedhan achitti mul'atti. Barnootasheetti cimtuu turte.

Ganna 12tti biddeena tolchuu jalqabde. Obboleeyyanshee akka haadhasaanii lammaffaatti ishee ilaalu. Barnootaafi hojii idilee cinaattis dhaabbilee idil-addunya waliinis hojjetteetti.

Daa'imman barsiisteetti; manarra deemuunis qo'achiisteetti. Haadha ilmaan lamaati. Yunivarsiitiitti barsiistuuf qorattuudha. Yunivarsiitii Sussex, Institute of Development Studies (IDS) waliin ta'uudhan akka addunyaatti gosa barnoota Development Studies tokkoffaa ta'etti barattee qabxii olaanaan eebbifamte.

Caaltuun imalashee ijoollummaa hanga har'aatti irra dhufte, mudannoo maqaasheerraa kaasee hanga milkaa'inasheetti jiru BBC waliin haasofteetti.

'Gammachuunkoo inni ammaa isa duraa caale jechuun CAALTUU naan jedhe'

Caaltuun Mararaa jedhamti. Naannoo Kibba Itoophiyaa aanaa Daallee magaalaa Yirgaalem jedhamutti dhalatte. Maatiisheetiif nama lammaffaa yoo taatu, obboleessashee hangafaa waliin akka hiriyaa garaatti waliin guddatan.

Magaalaa Amboo M/B Sadarkaa tokkoffaa Cariitti barnoota sadarkaa jalqabaa hordofte. Kutaa 9-12 ammoo M/B Sadarkaa lammaafaafi qophaa'ina Ambootti goolabde.

Digirii tokkoffaafi lammaffashee Yunivarsiitii Finfinneetti hordofte. Ganna saddetiif Yunivarsiitii Arsii barsiisaa turte. Barnoota digirii sadaffaa (PhD) ishees Yunivarsiitii Finfinneetti jalqabdee ganna tokkoof hordofteetti. Caaltuun iskoolarshiippii Chevening argannaan PhD addaan kuttee gara UK deemte.

Abbaanshee ilma jalqabaa gaafa argatan Gammachuu jedhanii waamani. Mucaasaanii lammaffaa gaafa godhatan ammoo Caaltuu jechuun moggaasani. Bifaanis "ani gara abbaakoottan gore; isan fakkaadha. Fakkii haadhakootillee naan jedhu abbaankoo.

Gammachuunkoo inni ammaa isa duraa caale jechuun CAALTUU naan jedhe," jechuun seenaa maqaashee himti.

Maqaasheetiin walqabatee mudannoo baay'ees qabdi. "Caaltuu yeroo jedhan stereotype [akka waan qaanfachiisaa ta'etti bakka bu'umsa kennuu] guddaatu jira. Caaltuu akka ijoollee baadiyyaa (rural stereotyping), nama guddootti" ilaalu jetti barsiistuufi qorattuun kun.

Kuun dhuguma ati Caaltuudhaa? jedhanii gaafatu. Gariin ammoo "Caaltuu hin fakkaattu" jechuun waraqaa eenyummaafaa agarsiistee beekti. Namni konkolaataa keessatti erga isheen maqaasheefi bakka jiraattu himattee biraa ka'ee bakka jijjiirratefaa jiraachuu dubbatti.

"Ani maqaakootti baay'een boona; garmalee. Ani akka maqaakootti akkan jiraadhu, namoonni kaanillee Caaltuu ennaa jedhan there is a Caaltuu which is a standard [Caaltuun dhugumayyuu Caaltuu akka taate], suura Caaltuu sammuu keessaa qaban caalmaatti fooyyee qabu, istaandaardiin Caaltuu" olka'aa ta'usaa agarsiisuuf akka hojjettus kaasti.

"Akkamitti fakkii sana qabatan, akkamiin akkasitti akka yaadanis hin beeku. Waan sana irraa fudhachuu dhugaa haaraa itti kennuun, sarpiraayiz isaan [dinqisiisuu] gochuun jaaladha" jetti Caaltuun.

"Biyya alaatti Caaltuun maal jechuudha naan jedhu. Caaltuun waan hunda kan caalte jechuudha mitiiree- Execellence jechuudha jedheen hiika. Akkuma maqaakootti caalee jiraachuufan hojjedha" jecchuun dubbatti.

"Kun anaaf qofallee miti, nama baay'eedhaaf image [suura sammuu] namni gariin fide otoo hin taane inni dhugaa, inni sirriin isa kanadha" jechuun "stereotype sana akka gachisiisu" taasisa jechuun dabaltee ibsiti.

"Kutaa 8ffaatti namoonni baay'een maqaa jijjiirrachuuf yaalanii turan. Gariin illee jijjiirrataniiru. Ani maqaakoo jijjiirrachuudhaaf yaalees, yaadees hin beeku. Maqaan keenyallee seenaa mataasaatii qaba. Maqaakoo geeddaruu hin qabu, jaalachuun qaba. Sun eenyummaakooti.

Maqaakoos geeddaru, eenyummaakoo hin geeddaru. Maqaankoo eenyummaakooti. Namni na beekullee isaan na beekuu qaba. Namni maqaakoof jecha na fudhachuu dadhabe, Maqaakoo geddarus na fudhachuu hin danda'u" jetti yeroo hidhata maqaaf eenyummaashee qabu dubbattu.

Caaltuun dhalattee ganna shanitti maatiishee waliin gara magaalaa Ambootti deebite. Yeroo jalaqaba Ambo deeman Afaan Oromoo baruun isaan rakkisaa akka tures yaadachiisti. Sirba 'Yaa Rabbii bilisa nu baasi" jedhu "Yaa Rabbi bishaan nu obaasi" jechuun sirbaa turre jechuun yaadannooshee ijoollumaa himti.

"Afaan baruun xiqqooshee nama dhiba ture. Jecha Afaan Oromoo yeroo jalqabaaf barefaa hin irraanfadhu. Obboleessikoo mana barumsaa deemee ennaa deebi'u 'Caaltuu qadaada jechuun maal akka ta'e beektaa?' naan jedhe.

Ani qadaadaa isa afaan Amaariffaan beeka. Qadaadaa jechuun waan ciccitaadhakaa kan biraa maalinni jedheen. Lakki qadaada jechuun waan itti qadaadani naan jedhe. Isarraa tokko jennee Afaan Oromoo baruu jalqabne" jechuun haala itti Afaan duraan hin beekne baratan yaadachiisti Caaltuun. Diimtuu waan turteef "Faranjiin dhufte naan jedhu" jechuun miira yeroo jalqaba Ambo deeman ture himti.

"Ennaa na argitu xiqqishuudha. Akka bubbeetti asiif achan kaadha, nan taphadhas. Mana keessa waanti na hafu hin jiru, waa hunda hojjedheen guddadhe. Biddeen tolchuu waggaa 12'ttan jalqabe.

Haatikoo ennaan yunivarsiitii gale naa bilbiltee nama xaafii naa sorun dhabe naan jette. Ijoollee [obboleeyyan] qixisuukoo nan qo'achiisa. Kun kankoo qofaa miti; dhugaa ijoollee dubartootaa baay'eeti. Garuu sana qabata godhannee barumsarraa hin hafne" jechuun dhiibbaa dubartoonni baatanii barnootasaanii hordofan ibsiti.

Ijoollee muraasa darban keessaa tokko kan taate Caaltuun, "ofta'een guddadhe. [Rifeensakoo] firiizii gochuun jaaladha" jechuun himti. Sababa sanaan barsiisotaan "kashalabbee naan jedhu" jehcuun himti.

'Akaayii lakkoofneet addaan hiranna'

Anii fi obboleessikoo [hangafaa] garmalee walitti dhiyaannee guddanne kan jettu caaltuun, hojii osoo adda hin baasiin mana keessaas diidaas wal gargaraa akka guddatan yaadatti. "Ennaa inni kubbaa taphatu, anis waliinan bahee taphadhee gala" jetti yeroo hariiroo obboleessashee waliin qaban himtu.

"Aanaaf adda" jettee kan ibsitu obboleessishee hangafaa, akka obbolaa qofatti otoo hin taane akka hiriyaatti akka waliin guddatan dubbatti.

Mana namaa deemnee ennaa namni akaayiillee nuu kenne, akaayii lakkoofneet addaan hiranna. Mana namaa teenyee addaan hin nyaannu. Yoo [obboleessikoo qofaasaa] nyaate akkamitti na dhiistee nyaatte jedhee anatu booha. Garmalee na jaalata. Isaan kaanillee garmalee na jaalatu" jechuun waa'ee jaalala obboleeyyanshee ibsiti.

Caaltuun ennaa midhan daaksisuuf deemtus obboleessashee waliin akka deemaa turte yaadatti.

"Caaltuun dhugumayyuu Caaltuudha. Ani uffata yunifoormii fi bakka ciisichaa irraan kan hafe homaa hin gooneef tattaaffiidhuma mataasheetiin as geese. Ba'aa mana keessaa hunda baattee yunivarsiitii addunyaarraa tokkoffaa ta'erraa qabxii olaanaadhaan eebbifamte," jedhu abbaan Caaltuu Obbo Mararaa Faanaa.

Otoon lubbuun jiruu kana arguu caala kan na gammachiisu hin jiru" jechuun yeroo mucaansaanii Yunivarsiitii Sussex irraa qabxii olaanaan ebbifamtu gammachuu isaanii ibsataniiiru.

"Abbaan dhaaba manaati. Abbaan keenya maqaa qabu; barsiisaa jabaadha. Akka ofbarrus, akka oftaanus taasisee nu guddise. Haati keenyallee akkasuma. Naannoon keenyallee sanuma. Ijoollee maatii sanaa nuun jedhu," jechuun maatiifi hawaasa ishee guuudatu ibsiti Caaltuun.

Ijoollee maatii Mararaa taanee maqaa sanaa gad jiraachuu hin dandeenyu. Innillee waan guddaadha. Ennaan sana dubbisu miira gammachuutu na weerare. Abbaankoo jiraatee kana arguu kootti baay'een gammada" jechuun waan abbaanshee barreesse miirashee gammachuun akka macheesse ibsiti.

Abbaashee qofa otoo hin taane obboleessishee hangafaas milkaa'uu obboleettii akka hiriyaa dhugaa fi haadhaatti ilaaluutti gammaduu himuun, dubartii jabduu fakkeenyasaa qofa otoo hin taane fakkeenya dhalasaallee akka taatu hawwu ta'uushee ibse.

'Kanarra darbaa hojjechuun qaba jedheen deeme'

Yeroo kutaa 12ffaa barattu kilabiin Nile Basin Initiative jedhamu keessatti hirmaachaa turte. Akka Baha Afrikaatti dorgomtee sadaffaa baate. Dorgommicha keessattis dubarri ishee qofa ture.

Dorgommichis qabeenya lafaa caffee biyoota bishaan Abbayya (Nile Basin Countries) Baha Afrikaa akkamiin waloodhaan fayyadamuu dandeenya kan jedhu irratti barruu [essay] qopheessuudhaani ture.

"Dandeettii nama amansiisuu nan qaba jedheen yaada. Kitaabolee baay'ee dubbisna. Hawwiinkoo seera barachuu ture" kan jettu Caaltuun, miidhaa dubartootarra gahu hambisuuf seera barachuuf yaadaa turuu dubbatti.

Akka carraa ta'ee yeroo Yunivarsiitii Finfinnee seentu filannooshee jalqabaa waan hin arganneef filannooshee lammaffaa Social Anthropology baratte. Barnoota dorgommiin guutame ta'uu kan yaadachiistu Caaltuun qabxii 97 fiddee gireedii 'B' akka argattefaa kaasti. "Gammeen ammallee otoo seera barattee naan jedha" jechuun dubbatti.

Yeroo eebbifamtu waraqaan qorannooshee dubartootarratti xiyyeeffate. Ilaalchi maatiin, hawaasni dubartootaaf qabu akkamiin jijjiiramuu danda'a kan jedhu qoratte.

Achii akkuma baateen barsiistuu taatee yunivarsiitiitti hafuuf qormaata akka fudhatte kan yaadachiistu Caaltuun, qormaata darbitaniittu jedhamuun boodarra ministeerri barnootaa "bakka hin qabnu" isaaniin jedhe.

Sana booda gara maatiisheetti deebitee ji'a tokkoof hojii malee akka teesse dubbatti. Sanaa'ol caljettee turuu hin barbaanne. "Hojii hin filanne, daa'imman barsiisuuttin deeme" jetti. "Daa'imman baay'een jaaladha.

Yeroo daa'imman barsiistus cinaatti ammoo ijoollee qo'achiisuun maallaqqa dabalataa argataa turte. "Sambata, ennaan hojiidhaa bahe manarra deemeen daa'imman qo'achiisa. Baasii mootummaan digiriishee jalqabaa ittiin barsiises kana hojechaa kaffalattee digirii lammaffaa Social Work-dhaan barachuu akka eegalti himti.

"Kanarra darbaa hojjechuun qaba jedheen deeme" kan jettu Caaltuu, barnoota digirii lammaffaa qabxii olaanaatiin Yunivarsiitii Finfinneerraa eebbifamte.

Dhabbata miti mootummaa Women for Women Social and Development Association jedhamu keessattis hundeeffama isaarraa eegaluun hanga geggeessituu olaanaa Executive Director ta'uutti hojjetteetti.

Fedhii barsiisummaa baay'ee qabaachuu kan ibsitu qorattuun kun, Yunivarsiitii Arsiitti qacaramuun ganna saddeetiif barsiisaa, qorannoo taasisaa turte.

Arsii yeroo turtettis barsiisummaa qofa hojjechaa akka hin turre kan dubbattu haati ilmaan lamaa, Caaltuun, "UNICEF faana data collection, Danish Church Aid self-help group'tti qorannoo godhamu irratti lead consultant ta'ee hojjedheera. UNICEF irraa kontiraata fudhadhee data quality assurance hojjedheera.

Baankii Addunyaa fi dhimma dubartoota Itoophiyaa wajjin taanee urban destitute framework and mainstreaming akka biyyaatti dokimantii guddaa hojjedheera. Sanaan dabalatas, waggaa saddetan ijoolleekoo guddisaa hojjedhe.

Ulfaataa ta'us ofkenneen hojjechaa ture. Amma barachuun qaba jedheen murteessee PhD social work-dhaan Finfinneetti jalqabee waggaa tokko baradhe" jechuun waa'ee gumaachaaf muuxannooshee ibsiti.

Yeroo PhD barachaa turtettis, dhaabbata OSSEREA, ICRW Africa, fi MasterCard waliin seektara kalaqaa kan walqixxummaa saalaa (gender equality) irratti qorattuu dargaggeetti ta'uun hojjechaa turte. Dhaabbatichi hojii qorannoosheetti gammadoo ta'uu dubbatti qorattuun kun.

Haala kana keessatti iskoolarshiippiin Chevining milkoofte. Barnoota PhD dhiistee maastarsiishee barachuuf gara UK deemte. Qorannoonshee koorniyaaf guddina (gender and development) irratti kan fuulleffate yoo ta'u, barnootashee qabxii olaanaadhaan goolabde.

Manni barumsaan ani filadhes addunyaarraa tokkoffaadha'

Iskoolarshiippiin Chevening carraa barnootaa kabaja guddaa qabudha. Namoota muraasatu itti milkaa'as. Namoota guutummaa addunyaarraa carraa barnootaa kana argachuuf dorgoman keessaa dhibbantaa sadii kan hin caalletu itti milkaa'a.

Yeroo jalqaba iskoolarshiippii Chevening yaalte eeggattuurra turte. "Akkan argadhu garuu mirkanan ture. Waggaa lammaffaas nan yaale; harka hin kennine" kan jettu Caaltuun, kan marroo lammaffaa milkoofte.

Namoota 70,000 carraa barnootaa kana argachuuf dorgoman keessaa tokko kan turte Caaltuun, namoota 1,300 milkaa'an keessaas tokko ta'uu dandeesseetti. Milkaa'ina guddaa akka ta'es ibsiti.

"Manni barumsaan ani filadhes [University of Sussex/IDS] addunyaarraa tokkoffaadha. Nuti yeroo baay'ee Harvard beekna. Harvard garuu, gosa barnootaa ani baradheen [Development Studies] shanaffaarra jira. Keenya naannoo waggaa sagaliif tokkooffaarra ture. Waan ajaa'ibaa ture" jechuun waa'ee carraa barnoota UK'tti argattee dubbatti.

Yeroo afgaaffii iskoolaarshiippiichaaf deemtu haala gaariin akka dabarte kan dubbattu Caaltuun, "bara darbe akkamittiin kufte naan jette?" jechuun waan dubartiin afgaaffii taasisteef jetteen himti.

"Afrikaa yeroo jedhan nama biraa [gogaan gurraacha ta'e] yaadu" kan jettu Caaltuun diimtuu waan turteef "yeroo baay'ee Laatiinoon itti fakkaadha; afaan Laatiiniinfaa natti dubbatu" jechuun mudannooshee biyya alaa himti.

Otoo qaamaan gara Yunivarsiitii Sussex hin deemiin dura "akkan ijoollee lama qabufaa itti himeera. Ennaan achi deemu haadha daa'ima lamaa nama guddoo, furdoofaa eegani. Umuriikoollee itti himeera 35; ennaa achii na ilaalan 35 hin fakkaadhu" jechuun miira yeroo UK deemte barattootarraa ishee mudate yaadachiisti.

"Karaa barumsaatiin ammoo karaa baay'eedhaan kan keenyaaf isaanii addadha. Kan keenya haalli itti nuti qo'annu, qophoofnullee addadha. Akka baay'ee yaadannutu nurraa eegama" kan jettu qorattuun kun, hariiroon "[achitti] barsiisota keenya waliin qabnullee adda. Pirofeesar, doktar jennee waamnee hin beeknu.

Akkuma hiriyaa maqaasaaniitiin waamna. Ennaa nuun jedhemmoo mi'eessinee waamna. Garuu waan barbaanne gaafachuudhaaf waanti hundumtuu [karrisaa banaadha]. Waanti hundumtuu harkakeerra jira; itti fayyadamuun kankeeti" jechuun muuxannoo barnootashee UK himti.

Akkaataan itti fayyadamasaa yeroon dura seene xiqqoo natti ulfaatee ture. Harka kennuu hin barbaanne. Ummanni na ilaalu jira. Maatii Obbo Mararaati. Ijoolleekoo dhiiseen deeme.

Inni xiqqaan ganna shaniif walakkaa ture. Waan kana hunda dhiisee deemee akkamittan waan xiqqoon eebbifamee deebi'aanis ni jira. Isa cinaatti, Institute of Development Studies keessatti research assistant ta'ees hojjedheera. Hiriyoota baay'eellee iddoo hundarraa godhadheen dhufe" jechuun muuxannoo bal'aa argachuushee dubbatti.

'Hamma ijjikoo arguu dadhabutti nan baradha'

"Ennaa barannu waan tokko qofarratti xiyyeeffanna. Wanti biraa [barnootaa] waliin qabnee hojjennu hin jiru. Daa'imummaarraa jalqabee kilaboota adda addaa keessan gala. Yeroon sadarkaa tokkoffaa baradhu miseensa [gumii] libirariiti. Ennaan sadarkaa lammaffaa ammoo kilabii dubartootaa, kilaabii Nile Basin Initiative" keessatti hirmaachaa turuu dubbatti barsiistuuf qorattuun kun.

"Waanti guddaan nurraa hin eegamu; sosochii xixiqqootu pirofaayilii [maqaa] keenya ijaara. Anaaf dhaabbii kan naaf ta'e isadha.

Ennaa iskoolaarshiippii apply goonu [guunnu] yeroo baay'ee waan guddaatu nurraa eegama seenee sodaanna" jechuun barnoota cinatti hirmaannaan sasalphaa fakkaatan waan guddaa ta'uu muuxannoosheerraa kaatee gorsiti.

"Lammaffaan ammoo network gochuudha [hidhata uumuu]. Post gochuu baadhullee; namni naannookoo maal hojjechaa jira kan jedhu nan ilaala. Ennaa haadha ijoollee taatu hanqinni yeroo jira. Ijoolleekee ilaalta.

Odeeffannoo jiru ilaallee, kan hin beekne nama gaafachuu qabna. Namni ala jiru waanta hunda akka nutti himu eeguu hin qabnu. Yoo xiqqaate dhamaatiin dhibbantaan sagaltamni nurraa dhufuu qabaata" jechuun gorsiti.

"Kufuun homaa tokko rakkoo hin qabu. Hundi keenyayyuu altokkoon hin qaqqabnu" jechuun namoonni bakka kufanitti akka hin hafne gorsiti dubartiin jabduun carraa barnootaa altokko yaaltee dhabdee xiiqiin lammaffaa yaaltee milkoofte kun.

Namoonni "kanaan booddees ni barattaa?" jedhanii akka ishee gaafatan kan himtu Caaltuun, "hamma ijjikoo arguu dadhabutti nan baradha" jechuun deebisti.

"Waanuma sitti dhufu fudhachaa garuu dhaabbachuu hin qabdu, ittuma adeemta. Kun waan baay'ee murteessaadha" jechuun dabaltee gorsiti.

'Abbaankoo ati iddoo kana ni geessa jedhee takkaa yaadee hin beeku naan jedhe'

"Siistamni keessa dabarre ijoollee dubaraaf salphaa miti. Abbaankoo kan naan jedhe keessaa kanan hin irraanfanne: Ati iddoo kana ni geessa jedhee takkaa yaadee hin beeku naan jedhe" jechuun dubbatti Caaltuun.

"Ijoollee dubaraarra ijoollee dhiiraa dursanna mitiiree? Isatu iddoo ta'e qaqqaba; isheen heerumteellee waan tokko qaqqabdi jedhama. Kana hanga jijjiirrutti, ijoolleen dubaraa dhamaatii dabalataa gochuu qabu. Silaa sana gochuuyyuu hin qabnu ture; nuuf salphatuutu irra tureyyu.

Garuu ijoollee dubaraa waan baay'eetu duubatti nu harkisa. 'Asiifi achii' baay'ee qabna. Hiriyaa, hojii manaa, akkatti itti uumamanellee, ennaa laguurra jirruullee waanti nu mudatu adda; namni kaan nu hin hubatu" jeechun haala rakkisaa dubartoonni dabarsan kan ibsitu qorattuun kun, ilaalchi akkasii hamma jijjiiramutti dubartoonni milkaa'uuf dhamaatiin addaa akka irraa eegamu kaasti.

"Qormaanni baay'eetu jira. Inni guddaan na qunname, warrakoo amansiisuudha. Iddoo kana nan qaqqaba na eegaa jechuun" qormata cimaa akka ture ibsiti Caaltuun.

'Dubartiin ennaa heerumtu shilingiillee taatu damooza haa qabaattu jetti haatikoo'

Caaltuun yeroo ganna 13 turte misirroon tokko akkasheen abaaboo baattuuf cidhasheerratti afeerte. Cidha sanarratti namni ishee arge tokko "mucaa kana fuudhuun qaba jedhe" jechuun waan ganna digdamaan dura ishee mudate yaadachiisti.

"Isheen guddoodha, heeruma geesseettifaa naan jedhu. Yeroo baay'ee hojii mana keessaa hojjenna. Namni ennaa dhufummoo mucaa bareedduu tokkotu mana sana jira. Haadha manaa bayeettii taati jedha. Kun yeroo tokko lamaa miti; yeroo baay'eedha, digirii tokkoffaa fixee of danda'ee lakki amma ofiikootii murteessuun danda'a hagan jedhutti waan turedha.

Dubartoota keenya baay'eerra [ba'aan] jiru kanadha. Adeemsadha, boru waan isaan ta'an hin beeknu waan ta'eef dubartoota keenya eeguu qabna. Wantan yeroo dheeraaf falmaa ture kaandha.

Dhuma irratti garuu mo'adheera" jechuun waan keessa dabartee as geese himti haati ijoollee lamaa, carra barnoota yunivarsiitii idil-addunyaa guddichatti barachuun milkoofte kun.

"Abbaamanaakoo wajjin mana amantaatti walbarre. Turtii waggaa lamaa booda walitti dhufne" jechuun akkamiin akka bultoo dhaabbatte himti. Abbaanshee nama ijoollee isaaniitiif waan olaanaa ta'e yaadan waan ta'aniif waa'ee hariiroo hiriyaashee daftee isaanitti hin himne.

"Dubartiin ennaa heerumtu shilingiillee taatu damooza haa qabaattu jetti haatikoo. Yoo waan tokko dhufellee dandamachuu dandeessi. Ani ennaan heerume maastarsiikoo fudhadheera. Yunivarsiitii Arsiitii hojii jalqabeera. Tarii yoon iddoo tokkotti kufellee shilingiikoo qabadheeni jedheeni" jechuun gorsa harmeeshee yaadachiisti.

"Abbaan manaakoollee nama baay'ee gaariidha. Ennaan as jirus, ennaan biyya alaa deemes wanta dubartiin mana keessaa hojjettu wanti inni irraa hafu hin jiru. Ijoolleekoo ennaan deemes kan laaqanasaanii hojjetee fuudhee mana barumsaa geessus abbaa manaakooti.

Kan hanga dhumaatti hagan achii deebi'ee dhufutti waan hunda qabatee tures isadha" jechuun waa'ee abbaa manaashee dubbatti.

Hojiif barnootaan alatti "walaloo barreessuu, kubba miilaa daaw'achuun, iddoorraa iddoo deemuun na gammachiisa.

Namallee arguun na gammachiisa. Nama dubbisuu, namootarraa yaada fudhachuun [na gammachiisa]. Hiriyoonnikoolle garmalee namoota gaariidha. Isaanillee arguun deema" jechuun waantota ishee gammachiisan dubbatti.

"Milkaa'inni dubartii tokkoo deeggarsa maatii fi wantoota naannoo isheerraa argattuun caalmaatti lalisa.

Ani kanin as qaqqabe deeggarsa maatii fi hiriyoottankoo maratiini, kanaafis nu hunduu durbartoota kenya haalaan deeggarree boruu isaanii lalisuufii qabna!" jechuun hawaasni bal'aan egeree dubartootaa akka deeggaru gorsiti Caaltuun.