Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Piriimer Liigii: Arsenaal Siitiin duubaan irra gahee muddamaa jiru Tootenhaam waliin morkata

Morkiin Piriimer Liigii taphoonni 10 hanga 11 yeroo hafaa jirutti waancaan argachuu, 1-4 keessa galuun carraa hirmaannaa Shaampiyoons Liigii mirkaneeffachuufi Piriimer Liigii keessaa kufuurraa ooluuf taasifamu akkaan qalbii rarraasuun itti fufeera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Nootigihaam Forest 0 - 0 liiverpuul

    Nootingihaam Forest Liiverpuul simatee taphachaa jiru. Daqiiqaa sadaffaarratti yaalii bareedaa taphataan Forest Odoo'i jedhamu taasise karra eegaan Liiverpull Alisan haala ajaa'ibaan oolche.

    Liierpuul jalaa Filooriyaa Wiirtiz galee taphachuuf osoo qaama ho;ifachaa jiruu miidhamee hin galiin hafeera.

    Hanga ammaatti Forerst dhiibbaa uumaa jiru

    Nu hordofaa.

  2. Darbii Landan Kaabaa: Tootenhaam V Arsenaal eenyu mo'a?

    Ogeessi kubbaa miilaa tilmaamu Kiriis Suutan Arsenaal gara dirree Tootenhaam deemee 3 fi 0'n mo'atee deebiya jedhe.

    Leenjisaan haaraa Tootenhaam Igoor Tudoor dandeettii kilabootaa jijjiiruun beekama. Tootenhaamiif kun ni barbaachisa. Yaaddoo kufaatiirraa ba'uuf, tapha tokko ykn lama mo'achuun isanirra jira.

    Taphni kun Tootenhaamiif guddaadha. Abdii Arsenaal waancaaf qabutti bishaan naquufis isaan dandeessisa. Morkataasaanii magaalaa tokkoo kanarratti dhiibbaa gochuun isaan gammachisa.

    Arsenaal tapha Wolvis waliin taphateen saatii dhumaterratti walqixaan xumureera. Kun ammoo Mikeel Arteettaaf gaddisiisaa ture.

    Tootenhaam Arsenaaliin dhaabuuf waan danda'an gochuuf kutatanii kan ka'an ta'uu beekullee, Ze Gaanners garuu tapha kana waan mo'aman hin fakkaau jedhe Suutan.

    Isin maal jettu?

  3. Taphoota afur Guraandhala 22, 2026 taphataman

  4. Tilmaamni kenname hangam dhugaa ta'e?

    Ogeessi kubbaa miilaa Kiriis Suutan taphoota Piriimer Liigii hunda eenyu, goolii meeqaan akka mo'atu tilmaama.

    Kan torban kanaaf tilmaame keessaa gariin kaleessa taphataman, kaan ammoo har'a taphatamu.

    Kan inni tilmaameefi bu'a taphoota kaleessaa, akkasumas taphoota har'a gaggeeffamaniif inni raage hangam milka'aadha.

  5. ASHAMAA!

    Akkam jirtu? Tapha Piriimer Liigii har'aa kallattiin isin biraan gahuu eegalleerra.

    Kan Arsenaal gara dirree Tootenhaam deemee taphatu, akkasumas Liierpuul gara Notingihaam Fores deemee taphatan dabalatee taphoota afur har'a gaggeeffaman isin biraan geenya.

    Kan Maanchester Siitiin Niiwukasil keessummeessuun mo'ate, kan Aston Viilaan Liids waliin, akkasumas Chelsiin Barnilee waliin ttaphatanii wal qixa bahanirratti dabalatee taphoota kaleessarraa maal taajjabdan?

    Leenjistoonni Siitiifi Chelsii tapha booda maal jedhan?

    Nu hordofaa!