Arsenaal yeroosaa eegee 'sigigaachuu' jalqabe - haala kanaan dharraa waancaa waggaa 22 ba'uu danda'aa?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Arsenaal kilaba Piriimer Liigii keessaa dhumarra jiru Wolvis goolii 2 fi 0 dhaan osoo dursuu taphichi goolii 2 fi 2n xumurameera. Ga'umsi akkanaa dhuguma xiinsammuu kilaba waancaaf onnatee ta'uun gaaffii namatti ta'a.

Arsenaal haala kanaan waancaa waggaa 22 guutuu dharra'aa ba'e bira ga'uun nama shakkisiisa.

Bara taphaa kana hanga yoonaatti waancaan harka Arsenaal akka galu tilmaamni guddaan kennamaa ture, amma garuu Arteettaa fi taphattoota isaa harkaa ba'aa jiraachuu raawwii kilabichaa irraa ni hubatama.

Amma qabxii shaniin Arsenaal duuba kan jiru Maanchistar Siitiin yoo tapha Arsenaal waliin qabu dabalatee taphoota hafan 12 injifate tokkoffaa ta'ee xumuruu danda'a.

Ammoo Arsenaalis ta'u tapha Ebla Siitii faana Itihaad irratti taphatu dabalatee taphoota 11 isa hafan yoo kan injifatu ta'e waancaa nyaachuu danda'a.

Garuu taphoota lamaan darban- kan Bireentiford fi Wolvis waliin taphate qixa ba'uunsaa isa waggoota darban waancaa bira ga'ee dhabaa ture akka yaadatuu fi akka yaadda'u isa taasiseera.

Arsenaal baroota taphaa darban osoo waancaaf abdatamuu lammaffaan xumure. Kanneen keessaa lama kan irraa fudhate Maanchistar Siitiidha, ammas kan itti qaxxisaa jiru isuma.

Jifataan duraanii Arsenaal Alan Ismiiz ''Arsenaal 'sigigaachuu eegale' jedhanii dubbachuuf yeroon fagoo hin jiru,'' jedhe.

Gareen Mikeel Arteettaa tapha Wolvis waliin taphate gara jalqabaarratti abdiin waancaaf qabuu fi haalli amma jiru waladda.

Goolii Bukaayoo Saakaa daqiiqaa shanaffaarratti galche irratti Piyeeroo Hinkaappee daqiiqaa 56ffaatti goolii biraa dabale. Yeroo kana Arsenaal akka waancaaf onnatee jiru ni hubatama.

Garuu taphi kun goolii lama walqixa xumuramuunsaa dorgommii waancaa Arsenaal taasisaa jiru marroo hedduun duubatti deebiseera.

Arsenaal kilaba liigicha keessaa dhumarra jirtu, kan taphoota sagal darban injifatee fi amma gara Shaampiyoonshiippiitti bu'uuf jettu, Wolvis, dhaabuu kan dadhabe akkamiin akka waancaa injifatuu danda'u gaaffii guddaadha.

Dirreesheerratti Arsenaaliin kan keessummeessite Wolvis tapha kanarraa waa argachuuf guddoo falmatte.

Goolii bareeddu Huugoo Buyeenoo galchee fi daqiiqaa dabalataa afraffaa irratti kubbaa taphataan umrii waggaa 19 Tom Edoozii gara goolii Arsenaalitti dhiituun gara gooliitti geeddaramteen taphichi walqixa xumurame.

Taphataan kun taphasaa jalqabaa Wolvisiif taphaterratti carraa goolii kan uume yoo ta'u, kubbaa inni dhiiterratti wal hubannaan Deeviid Raayaa fi Gabreel gidduutti uumamuu dhabuurraa, boodarra kubbattiin Rikaardoo Kaalafiyooriitti bu'uun manii Arsenaal seente.

Arsenaal itti aansee darbii Landaniin Tootenhaamii fi Chelsii waliin taphata.

Yeroo murteessaa kanatti tapha darbii lama tapachuun mataansaa kilabichatti muddama dabala.

Arteettaan akka gareensaa kun dhiibbaa fi muddama keessa galee jiru hubateera.

''Yaada kenname kamuu, rasaasa dhuka'u hunda...ofitti fudhu. Hamma nurraa eegamu hin hojjenne,'' jedhe.

''Namuu kamuu waan fedhe yoo jedhe amma sirrii jira. Waan gochuu qabnu hin goone. Akka ta'uu qabnu Dilbata dhufu Tootenhaam irratti mul'isna.''

Arsenaal erguma jalqaba bara 2026 as hamma irraa eegamu hojjetaa hin jiru. Taphoota torba darban keessaa lama qofa injifate- Liidsi fi Sandarlaand.

Arteettaan dabaluun ''wantoota bu'uura ta'an garii ammallee sirriitti hojjechuu qabna. Raawwii gadi aanaa mul'isne. Walduraa duubaan,'' jedhe.

''Garuu ammuma murteessuun sirrii miti. Hundi keenyayyuu miira keessa galla. Waan nu mudate kana fudhachuutu sirriidha, nuuf mala. Wantoonni dubataman salphaatti hamilee garee kanaa miidhu. Hunduu ga'umsa gaarii mul'isuuf kutannoo qabu.''

Bara 2026 keessa Kiristaal Paalaas fi West Haam irraa kan hafe kan akka Arsenaal osoo taphoota hin mo'atin ba'e hin jiru.

Paalaas fi West Haam taphoota saddeet injifannoo malee ba'an, Arsenaal ammoo torba.

Taphoota shan darban keessaa lama qofa injifate.

Seenaa Piriimer Liigii keessatti kilabni jalqabarra jiru kilaba xumura irra jiru osoo goolii tokkoo fi isaa oliin dursuu mo'achuu wayita dadhabu kun kan jalqabaati.

''Kun yeroo murteessituudha, taateen kun akkaan murteessaadha,'' jedhe Ismiiz.

''Amma carraan harka Maanchistar Siitii seenaarti. Muuxannoon garechaa fi leejisaa garechaa Peep Gaardiyoolaa walitti dabalamee kilabichi akka carraa kana harkatti galfatu ni taasisa. Arsenaalitti miirri akkasii akka dhagahamus ni hubatu.''

Jalqabuma kilaba qabxii sagal qofa qabattee dhumarra jirtu goolii 2 fi 0 qofaan dursuun Arsenaaliif kan malu hin turre.

Arsenaal haala kanaan waan dhiibbaa irra jiru dandamatee keessaa bahu natti hin fakkaatu jedha taphataan duraanii kilabichaa kun.