Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barattoonni Iraan mootummaarratti mormii gaggeessaa jiru
Barattoonni yunivarsiitii Iraan garagaraa keessa jiran mootummaa mormuun hiriira gaggeessaa jiru.
Hiriirri barattootaa kun erga mormii guddaan biyyattii ka'ee mootummaan dhaabsisuun tarkaanfii fudhateen namoota baayyee ajjeeseen booda isa jalqabaati.
BBC'n viidiyoo barattoonni jalqaba semisteera haaraa irratti Yunivarsiitii Tekinooloojii Shariif kan magaalaa guddoo biyyattii Tehiraan keessatti argamutti Sanbata hiriira yoo bahan agarsiisu mirkaneeffateera.
Hiriirri wall fakkaatu biraan magaalaa kaaba-bahaattti argamtu Maashhaad keessatti gaggeeffamuun isaa gabaafameera.
Barattonni mormii bahan kunneen namoota kumaan lakkaa'aman mormii guutummaa biyyattii keessatti gaggeeffamerratti ajjeefamaniif kabaja agarsiisaa turan.
US ammoo humna waraanaashee baayyinaan Iraanitti dhiyootti kuufataa kan jirtu yoo ta'u, Pirezidant Doonaald Tiraamp haleellaa waraanaa murtaa'aa ta'e akka fudhachuuf jedhan yaadaa jira.
US fi michoonnishee warri Awurooppaa Iraan meeshaa waraanaa nukilaraa qabaachuutti dhiyaatteetti jechuun shakkii kan qaban yoo ta'y, Iraan garuu kana yeroo hunda ni waakkatti.
Aanga'oonni US fi Iraan Kibxata Suwiizerlaanditti kan walga'an yoo ta'u, sagantaa gabbisa nukilaraa Iraan dhaabsisuurratti kan kaayyeffate mariin taasifamu haala gaariin deemaa jira jedhameera.
Haala gaariin deemaa jiraachuun gabaafamullee garuu, isaan booda Tiraamp " addunyaan guyyoota itti aanan, tarii guyyoota 10 keessatti" Iraan US waliin waliirra geessee ykn ammoo US tarkaanfii waraanaa fudhatee arga' jedheera.
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp yeroo darbe mormitoota agga deeggaru dubbachaa tureera.
Waltajjii tokkorratti ammoo keessumaa adda baasuun jechoota isaan jajjabeessu "gargaarsi isiniif dhufaa jira" jedhu dhaameeraaf.
Viidiyoon BBC'n mirkaneessa akka agarsiisutti, barattoonni Yunivarsiitii Tekinoolooji Shariif dhibbaan lakkaa'aman Sanbata nagumaan daandiitti bahanii dhaadannoo sagalee ol kaasanii dhaggeessifataa oolan.
Barattoonni kunneen Dilabatarras mormiin jabaatee akka itti fufuuf waamicha taasisaniiru.
Yuniarsiitii Beheshtii jedhamu magaalama guddoo biyyattii Tehraan keessatti argamuttis mormiin manaa bahuu diduun diddaa agarsiisuu akka gaggeeffameeru viidiyoon hin mirkanaa'iin ni agarsiisa.
Bakkawwan biroo keesatis mormitoonni baayyeen guyyuma kanarra bahuun gabaafamaa jira.
Viidiyoon hin mirkanaa'iin miidiyaa hawaasaarratti bahe biroon akka agarsiisanitti, yuniarsiitii Tehiraan keessa jiru tokko keessatti ammoo warra mootummaa mormaniifi mootummaa deeggaran gidduutti walitti bu'iinsi dhalateera.
Ammatti warra mormiif bahan keessaa namni hidhameeru jiraachuun hin mirkanoofne.
Dhuma Amajji darbee, dhaabbanni US keessatti argamu UHuman Rights Activists News Agency (Hrana) jedhamu hokkarri erga Iraan keessatti ka'ee yoo xiqqaate namoonni 6,159 ajjeefamaniiru.
Isaan keessaa mormitoonni 5,804,yoo ta'an daa'imman 92 fi namoota 214 mootummaa waliin hidata qabanidha.
Hrana,'n kana malee du'aatii namoota 17,000 gabaafames qorachaa jiraachuu himeera. Aanga'oonni Iraan ammoo ji'a darbe kana namoonni 3,100 ol ajjeefamuu himaniiru.
Haata'u malee, warri ajjeefaman harki caalaan qaamolee nageenyaa ykn namoota nagaa "warra hokkara kaasaniin" ajjeefamanidha jedhan.
Mormiin Sanbataa kun yeroo aanga'oonni Iraan US waliin waraanni jiraachuu mala jedhanii qophaa'aa jiranitti kan gaggeeffamedha.
Mormituun Iraan baqatee biyya alaa jiru ammoo ija jabinaan mootummaan hamaan yeroo ammaa aangoorra jiru kun dafee kufuu qaba abdii jedhuun Pirezidant doorsisaafi haleellaa Iraan irratti raawwachuun akka oolmaa isaaf hojjetu gaafateera.
Gareen mormitootaa biroo garuu gidduu galuu alarraa dhufu mormaa jiru.
Gareen wal morman garagaraa yaadni isaanii akka caalee argamuuf jecha fedhii ummata Iraaniif anatu aana yaada jedhuun miidiyaa hawaasaa dhiphisaniiru.