Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yukireen loltoonni isparmii kaffaltii malee akka keewwatan gaafachaa jirti
Maaksiim waa'ee isparmii isaa dubbachuun homaa hin qaana'u. Inumaa loltoonni Yukireen waa'ee fayyaa wal hormaataa isaanii otoo dubbatanii itti tola.
''Dhiiroti keenya du'aa jiru. Sanyiin warra Yukireen badaa jira. Kuni dhimma saba keenya baraaruuti,'' jechuun loltuun kuni bilbilaan adda waraanaa bahaa irraa BBCtti hima.
Namni ganna 35 kuni Eegduu Biyyaalessaa Yukireeniif hojjeta, yeroo boqonnaaf gara manaa deebi'u haati warraasaa kilinika dhaquun saamuda isparmiisaa akka kennu gaafatti.
Namoonni isparmii isaanii cabbeessuun ol kaa'u barbaadan hin kaffalan - sagantaa loltoota hojiirra jiraniif qophaa'e dha.
Maaksiim yoo du'e haati warraasaa samuuda isparmii ol keewwatan fudhachuun daa'ima barbaadaa turan sana akka godhattuufi.
Innis kara kamiinuu isparmiisaa ol kaa'uun maatii horachuuf barbaachisaadha jedha.
''Adda waraana sarara fuulduraa irras tahii, km 30 ykn 80 fagaattee jiraadhu nageenyi kee amaniisaa miti,'' jechuun dirooniiwwan Raashiyaa mataa isaaniirraa naanna'aa oolanii dubbata.
''Sababa dhiphina qabduuf dandeettiin wal horuu keetii hir'isuu danda'a. Kanaaf, waa'ee egeree keenyaafi waa'e saba keenyaa yaaduu qabna jedhe.
Yeroo Raashiyaan bara 2022 Yukireen weerarte kilinikooti dhuunfaa dhiiroti isparmii dubartoonnis hanqaaquu isaanii akka keewwatan tajaajila kennaa turaniiru.
Loltoonni kunneen yoo miidhamaniifi balaa du'aarra yoo jiraatan isparmiifi hanqaaquu isaanii tolaan ol keewwachuu danda'u.
Waggaa aanutti akkaataa tajaajilli kuni kennamu to'achuuf mootummaan gidduu seenee tajaajila kana tolaan kennuu jalqabe.
''Loltoonni keenya egeree keenya tiksaa jiru, tahus kan ofii dhabaa jiru. Carraa sana isaaniif kennuu barbaanne,'' jetti miseensi paarlaamaa seera kana deeggaru qopheessite Oksaanaa Dimtriivaa.
''Isaan gargaaruufi isparmii isaanii booda fayyadamuu danda'u.''
Tattaaffii namoota siyaasaa jalqabaa dheekkamsi isa mudatee ture.
Samuudni arjoomaan kaa'amu abbaan isparmii gaafa du'u ni gatama waan jedhu ture kunis dubartiin abbaan warraa jalaa du'e isparmii ol kaa'ee ture gaafannaan akka hin kennamneef itti himamuun boodadha.
Ergasii seerri fooyya'ee isparmiin du'a abbaan booda hanga waggaa sadiitti cabbaa'ee tolaan akka ol kaa'amu eeyyamame.
Sagantaan kuni rakkoo lakkoofsa uummataa weerara Raashiyaan dura yaaddeessaa tahaa ture hiikuufis waan raawwataa jiru dha.
Waraanni erga jalqabee dargaggoonni Yukireen ol lataa jiraniif gahumsa qaamaa qabantu dhumaa jira.
Dubartoonni miiliyoonaan lakkaa'aman ammoo biyyaa bahanii baqattummaatti jiru. Haala kanaan Yukireen keessa jireenyi salphaa tahaa hin jiru.
''Waa'ee egeree keenyaa yaadaa jirra, dargaggoota keenya dhabaa jirra. Isaaniin bakka buusuu qabna,'' jetti Dimtriivaan.
''Lakkoofsa uummata keenyaa fooyyeessuuf kuni tarkaanfii xiqqoo jalqabaati,'' jechuun ibsiti.
''Jalqaba waa'eema waan kanaa haasa'uuyyuu ni qaana'u erga waliin dubbannee booda garuu isaaniyyuu walitti himanii tajaajila kana argachuuf dhufu,'' jetti.
''Carraa kana itti fayyadamuu qabu, isaan hin miidhu'' jetti.
Wiirtuun Fayyaa Wal-hormaataa Kiiv keessatti argamu sagantaa isparmii loltootaa fudhachuu Amajji bara kana jalqabe.
Hamma yoonaa loltoota muraasatu isparmii kennuuf galmaa'e garuu wiirtuun kuni lakkoofsi kuni akka dabalu amana.
Miseensi paarlaamaa Oksaanaa Dimtreevaa kiliinikooti dhuunfaa gariin tajaajila kana akka loltootaaf kennan jajjabeessitus seerri mootummaa amma bahe dhimma kana fura jetti.
Maaksiim akka jedhutti adda waraanaatti du'a waliin wal aansoo wal qabaati jiraatta.
Isparmiisaa ol keewwachuutti gammadaa tahuusaa bilbilaan BBCtti himeera.
''Bor yoon ani du'e haati warraa koo ispermii kootti gargaaramtee mucaa akka godhachuu dandeessu yeroon yaadu, dhiphina tokko akkaan ofirraa buusetti yaada,'' jedha.
Maaksiim rakkoon guddaan dhiiroti waan wal-fakkaataa akka godhan amansiisuudha jechuun ibsa.
Hogganaan kiliniika Turkii Oksaanaa Hoorliikoovaa loltuun gameessi waan itti dubbate yoo odeessu loltoonni haadha warraa waliin saal-quunnamtii gochuu akka dadhabaniifi daa'ima godhachunillee rakkoo akka tahe itti himuu dubbata.
''Dhiiroti baayyee iccitii baqatu garuu rakkoo xiinsammuu baayyee qabu,'' jechuun amana Maaksiim.
Kanaaf loltoonni yeroo filaman yoo samuuda isparmii isaanii kennan carraa ijoollee godhachuu dabalatee, yoo ajjeefaman reeffa adda baasuuf fayyada jedhan.
''Waan namoonni akka isparmii hin kennine isaan dhorkaa jiru, waan dhimmi kuni hin haasa'amneefi,'' jedha Maaksiim.
''Nuti dhiiroti akka waan tokko raawwannu yoo nu dirqisiiste malee hin raawwannu,'' jedha.