Lakkoofsi loltoota Raashiyaa waraana Yukireenirratti du'anii yeroo kam caalaa maaf dabalaa dhufe?

Erga Raashiyaan bara 2022 Yukireen weerartee as ji'oota 10 darban keessatti waraana Yukireen irratti lakkoofsi loltoota Raashiyaa du'anii yeroo kamiyyuu caalaa gar malee guddataa akka jiru qorannoon mirkaneesse.

Dhiibbaa Pirezidaantii US Doonaald Tiraampiin bara 2025 keessa mariin nagaa waraanichatti xumura gochuu yeroo gaggeeffamaa jirutti lakkoofsi loltoota Raashiyaa du'anii kan bara darbee caalaa dhibbeentaa 40 kan ta'u bara kana galmaa'uu maddeen Raashiyaa ibsan.

Walumaa galatti maqaa loltoota Raashiyaa osoo Yukireen lolanii du'anii 16,000 ta'anii BBCn mirkaneeffateera.

Xinxaaltoonni waraanaa akka jedhanitti lakkoofsi loltoota Raashiyaa du'anii 243,000 hanga 352,000 akka ta'u tilmaamu.

Jalqaba bara 2025 keessa lakkoofsi loltoota du'anii ibsame xiqqaa ture. Haa ta'u garuu, ji'a Guraandhalaa irraa kaasee lakkoofsi loltoota Raashiyaa du'anii olka'uu eegale- kuni yeroo Tiraampifi Puutiin waraana Yukireenitti xumura gochuuf bilbilaan mariyatanii turanitti ture.

Ittaansuun ji'a Hagayyaa keessa yeroo Tiraampifi Puutiin Alaaskaatti wal-arguun mariyatanitti.

Ji'a Onkoloolessaa, Sadaasa darbe keessa lakkoofsi loltoota du'anii kan bara 2024 yeroo wal-fakkaataa keessa du'aniin yoo wal-bira qabamu heddu kan caalu ta'ee argame.

Lakkoofsi loltoota Raashiyaa du'anii heddu dabalaa dhufuun sababni ijoon kana jedhanii ibsuun rakkisaa ta'us, Kiremiliin adeemsa marii US taasistu irratti dhiibbaa gochuun akka isheef tolutti mijeeffachuuf hanga danda'ame adda waraanatti mo'icha argachuun daangaa to'achuun murteessaa akka ta'etti fudhatti.

Gargaaraa Puutiin kan ta'e Yuurii Ushaakoov "milkaa'inni yeroo dhiyoo argame" bu'aa guddaa argamsiisuu ibse.

Muraat Mukaasheev loltoota Raashiyaa du'an keessayi. Muraat aktivistii yoo ta'u siyaasa Puutiin deeggaree hin beeku.

Mormituu cimaa Puutiin kan tureefi bara 2024 mana hidhaa keessatti du'e, Aleeksii Navaalnii, akka hidhaa hiikamuuf mormii gaggeessuu dabalatee Raashiyaan Yukireen weeraruushee nama mormaa tureedha.

Bara 2022 yoo Raashiyaan Yukireen irratti haleellaa bantu mormuun miidiyaa hawaasaa irratti ibsaa ture. Bara 2024 qoricha sammuu adoochu daddabrsuun waggaan 10 itti murame.

Yeroo dhimmisaa mana murtiitti ilaalamaa turtetti Ministeera Ittisaa irraa gaaffiin dhiyaateef- waraanatti akka dabalamu. Mana hidhaatti waggaa 10 dabarsuurra Raashiyaaf akka lolu.

Gaaffii dhiyaateef dinnaan manni murtii adabbii waggaa 10 itti murteesse. Mana hidhaa ta'ee garuu yaada isaa akka jijjiire himu hiriyoonni isaa. Akka yaada isaa jijjiiruuf kan isa kakaase ammoo Tiraamp waraanicha yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramuuf tattaaffii jalqabuun isaa akka waan gaaritti waan fudhateefi.

Muuraat Mushaakeev loltuu Raashiyaa ta'ee Yukireen loluuf osoo hin taane, Tiraamp dhuguma waraanichi yeroo gabaabatti akka xumuramu dhiibbaa godha, carraa kanatti fayyadamuun hidhaa waggaa 10 jalaa baha kan jedhu tilmaameti.

Haa ta'u garuu Waxabajjii 11, 2025 lola irratti hirmaachuun Yukireen keessatti ajjeefame.

Akkuma Muraat fa'aa loltoonni Raashiyaa bara 2025 keessa du'an hedduunsaanii yeroo Raashiyaan Yukireen weerartu kanneen loltoota hin turreedha.

Keessumaa waraana Raashiyaan magaalaa Yukireen Avdiivkaa jedhamu bara 2023 gaggeessiteen namoonni heddu du'uu booda, loltoonni du'an hedduunsaanii kanneen fedhiin Ministeera Ittisaa Raashiyaa waliin waliigaltee mallatteessun hirmaatan akka ta'etu himama.

Waggaa tokko dura loltoota Raashiyaa Yukireen keessatti du'an keessaa dhibbeentaa 15 kan ta'an kanneen fedhiin itti makamaniidha. Haa ta'u garuu bara 2025 kanneen du'an yoo ilaalamu, loltoota sadi keessaa tokko kanneen fedhiin itti hirmaataniidha.

Bulchitoonni gara gadii jiran namoonni haaraan leenjii loltummaatti akka makaman akka jajjabeessaniif dhiibbatu irratti taasifama.

Keessumaa kanneen kolleejjii keessa jiran, namoota liqiin irra jiru fa'aa loltummaatti yoo dabalaman maallaqni guddaan akka kaffalamu waadaa galuun namoonni haaraan leenjii loltummaaf akka galmaa'an gochuutu irraa eegama.

Raashiyaan ji'an namoota 30,000 ta'an loltummaaf akka leenjistu Ittaanaa Gaggeessaa Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Raashiyaa kan ta'an Dimiitirii Medveedeev ibsan.

Hanga Onkoloolessa darbeetti, Raashiyaan bara kana qofaa loltoonni haaraan 336,000 ta'an leenji'aniiru.

Gaggeessaa NATO kan ta'an Maark Rutte akka jedhanitti ji'a ji'aan loltoonni Raashiyaa 25,000 waraanarratti du'aa jiru.

Akka gabaasa NATOtti erga Raashiyaan Yukireen irratti weerara bantee as loltoonni Raashiyaa waraanicha keessatti du'aniifi madaa'an miliyeena 1.1 ni ta'u. Qondalli tokko ammoo loltoonni Raashiyaa du'an 250,000 ni ta'u.

Yukireenis taanan loltoonni heddu jalaa akka du'antu himama. Jalqaba bara 2025, Zeleniskiin lakkoofsa loltoota Yukireen du'anii 46,000 ta'uu ibse.

Haa ta'u garuun, BBCn ragaalee garaa garaa irraa odeeffannoo walitti sassaaben lakkoofsi loltoota Yukireen du'anii hanga 140,000 akka ta'u tilmaama.