Haleellaa diroonii mana jireenyaa Puutin irratti gaggeeffame jedhame keessaa harka hin qabu jette Yukireen

Haleellaa diroonii mana jireenyaa Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin irratti gaggeeffame jedhame ilaalchisee Yukireen "harka keessaa hin qabu" jechuun waakkatte

Inumaayyuu Mooskoon tattaaffiin waraana dhaabuuf godhamu akka hin milkoofne gochuuf ta'e jettee dubbii lafarra harkisuuf dubbii dharaa qindeessiteedha jechuun Pirezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin ibse.

Minisitiirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laaviroov Yukireen dirooniwwan fageenya dheeraa imalan 91 ta'an fayyadamuun mana jireenyaa Pirezidaant Puutiin naannoo Vovgorood jedhamu keessatti argamu irratti haleellaa gaggeessuu himatan.

Haleellaa Yukireen mana jireenyaa Puutiin irratti gaggeessite jedhame kana booda marii nagaa waraana dhaabuu godhamu irratti ijjannooshee keessa deebitee ilaaluu akka dandeessu qondaalli Raashiyaa kun ibsan.

Himannaa Raashiyaa kana Zeleniskiin "soba adii" Mooskoon haleellaa Yukireen irratti gaggeessitu itti fufuuf uumtedha jechuun dubbate.

Ministiirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laaviroov ibsa kaleessa, Wiixata, fuula chaanaalii Telegiraamii irratti qoodaniin haleellaa diroonii mana jireenyaa Pirezidaant Puutin irratti xiyyeeffate sirni ittisaa Raashiyaa qolachuu beeksisan.

Yukireen dirooniwwan fageenyaa dheeraa imalan heddu fayyadamuus eeran. Haleella diroonii mana jireenyaa gaggeessaa Raashiyaa irratti qiyyaafateen namni du'es kan madaa'es akka hin jirre ibsan.

"Mootummaan yakkamaan Kiiv gochaa shororkeessummaa irratti bobba'e kana yaada keessa galchuun, Raashiyaan marii nagaa gaggeessaa jirtu irratti ejjannooshee keessa deebitee ilaaluuf dirqamti," jedhan Laaviroov.

Maddi oduu Raashiyaa Tass jedhamu akka gabaasetti ammoo, marii nagaa waraana dhaabuuf jaarsummaa UStiin taasifamaa jiru keessaa Raashiyaan bahuuf fedhii hin qabdu.

Himannaan mana jireenyaa Puutiin irratti haleellaan gaggeeffamuu Mooskoon dhiyeessite kan dhagahame, pirezidaantiin Yukireen Zeleniskiin gara US deemuun dimma marii nagaa irratti Tiraamp waliin erga mariyatanii boodadha.

Tiraampiifi Zeleniskiin Filooriidatti wal-arguun karoora waraana dhaabuu qophaa'e irratti wal-arguun erga mariyatanii booda waraanichi bara 2026 keessa xumuramiif "carraan jira" jechuun akeekan.

Pirezidaant Zeleniskiin miidiyaa US kan ta'e Fox News waliin turtii taasiseen, Puutiin nagaa akka barbaadu waanti agarsiisu homtuu akka hin jirre komate.

"Ani Puutiin hin amanu, milkaa'ina Yukireen hin barbaadu," jechuun dabalee ibse Zeleniskiin.