MM Abiy ummata yaaddoo keessaa baasuuf jaarsoliitti amaanaa kennatan

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ministirri Muummee Abiy Ahimad, nageenya saffisiisaafi amansiisaa ummata keenya cinqiifi yaaddoo keessaa baasu; bahee galee qalbii guutuun hojjechuu akka danda'u godhu fiduuf abbootiifi jaarsoliin gahee isaanii akka bahatan ''amaanaa isinitti kenneera'' jedhan.

MM Abiy wayita hojiiwwan misoomaa godinaalee Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaatti daawwatanitti ture haasaa ummataaf taasisanirratti kan dubbatan.

"Ummanni keenya laphee guutuudhan, ijoolleen keenya laphee guutuudhaan nu gaha, misoomatti deebiyuu qabna barri jechuu qabnu amma natti fakkaata," kan jedhan MM abiy, 'Wallagga guutuutti cobni misoomaa xixiqqoo cobaa jiru gara galaanaatti akka jijjiiramuuf' ummatichi nageenya fiduurratti hojjechuu akka qabu dubbatan.

Kana caalaa rakkoon nageenyaa itti fufnaan yeroofi carraa jiru balleessaa waan deemuuf, "abbootiin gurguddoo jirtu, jaarsoliin jirtu kadhattanii, gorsitanii ijoollee keenya deebistanii, nagaan keenya bal'atee, nagaa amansiisaa qabaannee, laphee guutuudhaan hojii misoomaa hojjechuu akka dandeenyu gahee keessan akka taphattan amaanaa jechuun barbaada," jedhan.

Seenaa gotummaa Abdiisaa Aagaa biyya keessarra darbee hanga biyya alaatti deemee diina ummatasaa rakkiseefi fedhii biyyasaa miidherratti qabsaa'aa ture akka fakkeenyaatti kaasuun, "ummanni kun [Wallaggaa] qabsoodhaan ni beekama. Qabsoo biyya keessaa, qabsoo naannoosaa keessaa qofa osoo hin taane, bakka rakkoo ta'etti, bakka rakkisaa ta'etti, biyya alaattis qabsaa'ee jira.

Haata'u malee, diinotaaf meeshaa ta'uun fedhiifi faayidaa ummataa dabarsanii kennuuf hin turre," jedhan.

Warra diinaaf meeshaa ta'uun fedhiifi faayidaa ummataa dabarsanii kennaan jedhan kana MM Abiy ifatti adda baasanii hin ibsine.

Godinaaleen Wallagga Lixaafi Qeellam Wallaggaa MM Abiy daawwatan kunneen garuu bakka hidhattoonni waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waggoota shanan darban keessa socho'uun mootummaa waliin wal lolan keessaati.

Misooma waaraafi jijjiirama ummataaf barbaachisummaa nagaa buusuu cimsanii kan ibsan MM Abiy, bakka nagaan boora'etti hojiin misoomaa rakkisaa waan ta'uuf yeroo kamiyyu caalaa ummatichi nagaa mirkaneessuu keessatti akka hojjetu gaafataniiru.

Aadaa keessatti Oromoon nagaaf bakka akkamii akka qabu, akkasumas bakka nageenyi boora'ettis ummatichi akkaataa ittiin araara buusu fakkeenya hawaasa keessa jiru waliin wal bira qabsiisuunis ibsaniiru.

"Ummanni keenya nagaa jaallata. Kadhaa isaa keessatti kan nagaan na bulchite nagaan na oolchi' osoo hin jedhiin manaa hin bahu. Galgala hojiisaa raawwatee gaafa deebiyus, kan nagaan na oolchite nagaan na bulchi jedha. Galata galfatee rafa.

Ummanni keenya nagaaf xiyyeeffannaafi jaalala addaa waan qabuuf, ijoolleesaa Nagaasoo, Nagaasaa jedhee baafata."

Nagaan ummanni maqaa dhalaa itti baafatee eeggtu boora'uu akka danda'us ni beeka kan jedhan MM Abiy, "ammas ijoolleesaa Araarsaa jedhee maqa moggafata; Nagaasaa duwwaa hin jedhu," jechuun hangam ummatichi nagaaf ilaalcha guddaa akka qabu ibsan.

Waldhibdeen yoo jiratus mariifi marabbaan, "jaarsoliidhaan fayyadamnee araaramuu akka dandeenyus ummanni keenya jechaan, kadhannaa guyyaa guyyaatiin nu barsiisaa guddanne," jedhan.

Misoomni akka isaan godinaalee kanneen keessatti daawwatan cimee kan itti fufuu danda'u kan jedhan MM Abiy, nagaaf dursa kennanii ilaaluun, dubbachuun, mariyachuun barbaachisaadha jedhan.

Mariifi marabbaan araaraan dubbii hiikuun aadaa keenya waan ta'eef irra deebinee isarratti xiyyeeffannee mariyannee kallattii kaa'uun baayyee murteessaa natti fakkaata.

Dhiyeenya kanatti, obboloowwan keenya kanaan dura qabsoo bifa addaatiin filatan gaaffii ummanni isaanii dhiyeesseef fudhatanii baayyeen isaanii deebiyaa jiru. Warra deebiye kana galateeffachuun barbaachisaadha," jedhan.

'Lafee arbaa lafee arbaatiin cabsu"

MM Abiy, "Oromiyaa keessa diinni alaa dhufee nu cabsuu caalaa, "ijoolleen Oromoo taa'anii, mariyachuu osoo qabanii, kan wal cabsaa, wal ajjeesaa, misooma akkasii akka hojjechuu hin dandeenye kan dhaabaa jiran baayyeedha," jedhu

Nagaan ijoo dubbii ta'uu yeroo ibsanitti jabinaan kan beekamu fakkeenya lafee arbaa kaasan.

"Lafee arbaa waan biraatiin cabsuun baayyee rakkisaadha. Lafee arbaa cabsuuf namoonni lafee arbaa biraa barbaadu. Lafee arbaa lafee arbaatiin cabsu.

Lafee hin cabne kana cabsuuf, lafee keenya fayydamuun dirqama waan ta'eef bara baraan rakkoon naannoo keenyatti, ummata keenya mudachaa waan jiruuf, ummanni keenya uumama isaaf kennamerraa fayyadamee misoomuu jijjiramuu osoo qabuu hin ta'iin tureera," jechuun ibsan.

Qabeenya Wallaggaa akka buna Anfilloo fi loon Horroo kaasuun, nageenya mirkanaa'ee qabeenya kanatti fayyadamuun akkataa danda'urratti hojjechuun barbaachisaa ta'uu himan.

"Waaqni nuuf kenes kan nutti gaddu natti fakkaata. Kan nuuf kenname misoomaafidha. Kan nuuf kenname yoo dubbiinillee hammaatte jala teenyaa akka dubbii furan