Samiin cuquliisa ta'ee itti fufaa?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Samii nuu ol jiru baay'een keenya cuquliisumatti fudhanna.

Garuu, halluun isaa dhawaata seenaa dachii tanaa keessa jijjiiramaa ture - akka saayintiistoni jedhanitti borus ni jijiirama.

Samiin guyyaa guyyaa cuquliisa ta'ee kan mul'atuuf sababoota lamaafi jedha kominikeetara saayintistii kan Royal Observatory Greenwich biyya UK kan ta'eFiin Buriij.

"Kan jalqabaa Aduudha," jedha. "Ifti aduu ofii adii dha, adiin makaa halluu hundaa [kan halluu sabbata waaqaati] - diimaa, keelloo,magariisaafi cuquliisa."

Kan lammataa uumama atomosferii ti.

Samiin paartikiloota xixinnoo baay'ee akka naayitiroojinii, oksijinii fi hurka bishaanii, kan ifa kallattiiwwan hundatti facaasu, of keessaa qaba jedha Buriij.

ifti cuquliisni ifawwan kaanirra danbalii gabaabaa qaba. Kaanirras faca'ee samii cuquliisan guuta.

Adeemsi kun Facaatii Raayleeh jedhama. Lord Raaylee irraa moggaafame. Ogeessa fiiziksii Biriitish bara 1870moota keessa tiwoorii kana argate ture.

Yoo aduun baatuu fi lixxu, ifti aduu atimosferii hedduu keessa ceha, sababni isaas aduun samii teenyaaf xiqqoo waan taatefi.

Ifti cuquliisni kun akka malee faca'ee gara keenyatti mul'ata.

Kun immoo halluuwwan diimaa fi burtukaanaa hagas kan hin facaane nu bira gahu, kun samii bareedaa san akka agarru nu dandeessisu jechuu dha.

Pilaanetoota kaan

Samii cuquliisni qulqulluun dachee teenyaa Sirna Solaarii keessatti waan addaa ti, jedha Buuriij.

Pilaanetoonni kuun kanneen akka Juppitarii samiin isaanii olii cuquliisa dimimmisaawaa dha. Baay'ee hawwataa miti.

Fageenya dheeraa Aduu irraa waan qabduuf, Juppitariin if aduu nuti argannu keessaa 4% qofa argatti, "kanaafuu ifa jabaa, samii cuquliisa bareedaa akka Dachiirraa argannuu hin argatan," jedha.

Pilaanetii tokko tokkorra immoo waan kan biraati.

Maarsiin atimosferii haphii waan facaatii Raayleeh hin agarru.

Faallaa kanaa, paartikiloota awwaara ta'an, kan atimosferii keenya ol naayitiroojinii fi oksijinii guguddaa ta'an ifa aduu facaasu.

Inni kun Facaatii Maay jedhama. samii diimaa fi keelloo aduun lixaa deemtu immoo cuquliisa taatee mul'atti.

Samiin yeroo hunda cuquliisaa?

Samiin seenaa pilaanetii dachee keessatti cuquliisa kan taate yeroo dhiyoo dha.

Yoom akka ta'e mirkaneeffachuun rakkisaa ta'us, samiin asiin dura gaaziiwwan atmosferii ishee keessa turerraa ka'uun, saayinstiistonni, bifti samii yeroo irraa yerootti jijjiiramaa dhufuu akka hin oolle tilmaamu.

Dachiin waggaa biliyoona 4.5 dura yoo uumamtu, gubbaan ishee baqaa ture.

Wanti baqe sun akka qabbanaayaa deemeen, akka tiwooriin jedhutti atimosferiin dachii kan jalqabaa, gaaziiwwan dhoyiinsa volcaanoorraafi sosochii gi'oolojiirraa uumaman kanneen akka kaarboon daayi oksaayidii, naayitiroojinii fi miiteenii hamma xinnoo, oksijinii baay'ee xiqqaa kan qabu ture.

Yeroo booda, lubbu-qabeeyyiin bifa baakteeriyaa duriitiin dacheerratti uumaman. Isaan immoo miiteenii hedduu atomosferiitti dabalan.

Ifti Miiteenii kana dhahuun, kompaawundoota orgaanikii walxaxootti jijjiire. Sun immoo dhukkee burtukaanawaa samii keessatti uume. Waan akka hurrii.

Jijjiiramni guddaan kan dhalate waggoota biliyoona 2.4 har'aati. Taatee Oksideeshinii guddicha jedhama-wayita orgaanizimoonni jalqabaa saayinoobaakteeriyaa footoseenteesisiidhaan ifa aduu gara inarjiitti jijjiiruun, oksijiinii guddaa adeemsa kanatti gadi lakkisan.

Hammi oksijinii atimosferii keessatti ol ka'aa dhufuun, boodarra dhukkee miiteenii san haqe.

Atimosferiin ammaa kuun yeroo boca isaa qabatu samii teenya halluu cuquliisa har'a taate.

Cuquliisa taatee bara baraan itti fuftii?

Gabaabumatti, samiin Dachee cuquliisuma ta'ee itti fufa. Faalamni , abidii bosonaa, dhohinis volcaanoo, obonbolleettiin dhukkee kaasu fa'i bifa samii yeroof jijjiiuu malu.

Volcaanoo guddaa Indooneeshiyaa Kirakaatowaatti bara 1883 uumameen, sababa paartikiloota xixiqqaatiin aduu yoo lixxu diimachuu, magariisawuu, addeessi cuquliisa ta'uu fa'i uumamuu danda'u.

Pirofesarri gargaaraan Meetiyooorolojii yunivarsiitii Riiding biyya UK, Dr Kileer Raayder, halluun hamma paartikiloota jajjaboo ykn gariin jajjaboo (aerosols - solid or semi-solid ) atimosferii keessarratti hundaayee bifti samiis gargari ta'a jetti.

Kanarraa kaanee jijjiiiramni qilleensaa akkamiin bifa samii keenyaa akka jijjiiru tilmaamuun salphaa dha jetti.

"Faalamni naannoo yoo hir'ate samii cuquliisa qulqulluu agarra" jetti.

Jijjiiramoonni kunneen garuu astiroomiirratti dhiibbaa hin qabaatan jette.

Waggoota biliyoona

Jijjiirama fulla'aa samii keenyaaerratti arguuf, jijjiiramni bu'uuraa atomesferii keenyarratti dhufuu qaba jedha Buuriij.

jijjiiramni akkanaa yeroo gabaabaatti hin dhufu. Taateen guddaan wayii, akka qorsa ykn meetiwooriin rukutamuu fa'i yoo jiraate, waan akkasii dhalachuu isaa hireen isaa xiqqaa dha."

Samiin waggaa biliyoona keessatti yoo tarii cuquliisa ta'uu yoo dhaabde dha jedha.

Aduun umriin ishee dabalaa yoo deeme dhawaata, ifaa deemti. Waggoota biliyoona tokko booda ifa har'a kennitu 10% dabalti jedha Buurij.

Dachee akka malee ho'ifti, kaarboon daayi oksaayidii hedduu dachii saamti. Garbaa fi galaanota danfifti."

Kun Oksijiniin hedduun akka qilleensatti gadi lakkifamu godha. Samiin yoos caaluma cuquliisa taati yeroo gabaabaaf.

Oksijiniin dhumnaan samiin "adii fi keelloo, akka malee ho'aa, atimosferii Veenusii kan fakkaata".

Fuuldura waggoota fagoo booda, waggaa biliyoona shan booda- aduun boba'aa ishee ni fixxi. Diimtuu guddoo dhiiga uffattes ni taati.

"Dachiin gaafa barri ishee dhumu, Samii cuquliisni isheerraa arginus ni dhabama" jedha Buuriij.

"Aduun yoo du'uu eegaltuufi bokoktee diimachuun urjii guddoo yoo taatu, atimosferiin fedhe irra haa jiraatu dacheen diimtuu mukukkula taatee hafti"

"Lubbu-qabeeyyiin tokkollee irra hin jiraatan," jedha Buuriij. "Ilmi namaa gara urjii biraa deemee samii cuquliisa argat]a jedheen hawwa."