Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tireevor Nooh sagantaa isaa xumuraa irratti haadha isaa fi dubartoota gurraacha ta'an galateeffate
Komeediyaanii beekamaan US Tireevor Nooh sagantaa isaa waggaa torbaaf gaggeessaa ture yeroo xumurutti haadha isaa fi dubartoota gurraacha ta'an galateeffate.
Tireevor Nooh dhalataa Afrikaa Kibbaa yoo ta'u US keessatti sagantaa komeedii The Daily Show jedhamu qopheessun beekama.
Saganta waggaa torbaaf gaggeessaa ture yeroo xumuru miiran guutamee, "Mee dubartoota gurraacha jedhaa iyyaa" jedhee daawwattoota isaa gaafatae.
"Maaltu na barsiise isinitti fakkaata? Eenyutu na guddise, na qajeelchee, na barsiise isinitti fakkaata? Haadha koo irraa kaasee akkawoo, adaadaa koo- hundi isaanii dubartoota gurraacha." jechuun hordoftoota isaatti dubbate.
Tireevor Nooh yeroo jalqaba komeedii eegalu nama heddu biratti hin beekamu ture.
Sagantaa xumuraa kana irratti akka dubbatetti yeroo jalqaba sagantaa komeedii eegalu bakka namaa bu'ee hojjataa akka turee fi bakka sana guutuf rakkataa akka ture dubbate.
Dubartoonni gurraachota ta'an waa'ee Ameerikaa akka isa barsiisanii fi waanti tokko yoo sirrii hin taane dubartoonni gurraacha ta'an eenyuyyuu caalaa rakkoo akka hubatan dubbate.
Ji'a Fulbaanaa keessa sagantaa komeedii isaa waggaa torbaaf gaggeessaa ture dhiisuf karoora akka qabu yeroo dubbatu akkana jedhee ture: "Yeroo jalqaba eegalle nan yaadadha...namoonni hedduun nutti hin amanne.... akkan saganticha gaggeessuf yeroon filamu namoota heddutti maraatummaa fakkaatee ture. Sirriidhuma namni Afrikaa kun tasa filatamuun koo maraatummaadhuma ture."
Deemsa isaa keessattis waan hin eegne akka argee fi itti gammaduu isaa dubbate.